1 SEENSA
Ogbarruun sammuu ilma namaatiin kan uumamuu; jechoota filatmoon kan jedhamu,kan ibsamu
yookiin kan himamu, midhagina kan qabu, dhugaa fi jireenyi kan ittin ibsamu fi miiraa ilma
namaatifillee baay’ee dhiyoo kan ta’eedha. Melaakneh (1991:48) W.J Biyto wabeeffachuun yoo
ibsu hiikni ogbarruu bal’adha;Kanamalees, kan namaan wal nama qunnamsiisuu ; miiraa adda
adda kan ibsu, yaadaa fi ilaalcha nama biraa kan himuu fiogummaa eenyummaa keenya deebisee
nutti mul’isuudha. Yaada kana irraa kan hubannuu, ogbarruun miira ilmaan namaa gaddaa fi
gammachuu kannuuf himu yookaan kan ittin ibsamu ta’u isaa nu hubachisa.
Kana malees bu’aa ba’ii ilma nama keessa ture jiruu fi jireenya isaa kan amma keessa jiruu fi
kan gara fulduraasisa muudatuuf ta’u ibsuu fi tilmaamuudhaan akeekkachisa kenna. Rakkoolee
hawaasa keessa jiran ifa gochuun saaxila baasa.Hawaasaa fgorsa kennuun gocha hamaa irraa
akka of eegaan gargaara. Yaaduma kan jajjabeessu Zalaleem (2009) ogbarruun miira gadii fagoo
ilman namaa fedhii (hawwii) dandeetti waauumu, akkasumas bu’aa ba’ii jireenya kannuuf
mul’isuu fi karaalee hedduun ogummaa nama barsiisudha. Kana jeechuun is ogbarruun
ogbarruun gochaalee muudannoo fi muuxannoo jiruu ilmaan namaa kan hammateefi ittin dhalli
nama of ibsu ta’u isaa nu hubachisa.Akkasumas,ogbarruun muuxannoo fi muudannoo jiruu fi
jireenya ilmaan namaa waliitti qindeessuun karaalee barreeffamaa fi afaaniitiin kan darbu
yookiin dhiyaatuudha.Zaarihuun (1992:24) irratti yoo ibsu, ogbarruun haaloota adda addaa
keessatti waa’ee namootaa namootaan qindaa’ee karaalee afaanii fi barreeffamatiin kan
ibsamuudha.Ibsi kun kan, afoola yoo hammatu yookiin immoo wanti barreeffame sun afaaniin
akka darbu akkasumas barreeffamaan yoojedhu ammo kanneen akka asoosama,diraamaa,fiilmii,
walaloo fi kan kana fakkaatan hammachuu isaa nu hubachisa.
Body etal (1979:76)”Conflict is the struggle between opposing character or forces that is control
to the action of the literature work” Akka yaada hayyuu kanatti waldiddaan qooddattoonni waliif
fallaa ta’an yoommuu wal falmaan yookiin humnan waldhiibaa lama gidduutti ta’aniittii
raawwatamuu fi bu’uura ogbarruuti. Walumaagalattii waldiddaan taatee humnoota waliif faallaa
ta’an lama gidduutti kan uumamuudha.Haaluma kanaan, qorannoon kun hojii fiilmii
AfaanOromo Cancala Jaalalaa bifa daawwii fi dhageettiif toluun bara 2005 hawaasaaf
agarsifame qeeqa waldiddaa fiilmii kana keessaaniqeeqama.
1.2 Ka’umsaQorannicha
Waldiddaan akkasii Ogbarruun ogummaa hawaasa tokkoo aadaa, safuu, duudhaa, seenaa fi jiruu fi
jireenya isaa akkasumas siyaasaa fi falaasama isaa ittin ibsatuudha.Kana malees ogbarruun
ibsituu eenyummaa saba tokkoti jechuu nidandeenya.
Kanaafogbarruuncaalaattibu’aaqabeessummaa fi qulqulluummaa isaa dabaluuf qeeqni ni
barbabchisa.Yaaduma kana kan cimsuu “World book vol.4 (1994:442) irrattiyooibsu “Critism is
the analysis and judgement of work of art ” Yaanni armaan olii kun akka mul’isuutti qeeqni
ogbarruu hojii ogummaa kalaqaa madaaluuf bu’aqaba. Kana malees, hojii ogbarruu sana
madaaluuf ,qeequuf,ibsuuf akkainnigargaaruudha.
Akka waliigalaatti yoo ilaallee ogbarruun oromoo baay’ee kan guddate hinfakkaatu.Kanaaf
sababa guddaa kan ta’e dhiibba moo toleen habaashaa afaan oromoo fi saba oromoo irratti
geesiisaa turaanidha. Kanaafiyyuu ogbarruun afaan oromoo guddaachuuf qorannoo
barbaada.Kanaan dura ogbarruu oromoo irratti qorannowwan gaggeeffaman gama asoosamatiin
malee gama fiilmiitiin baay’inaan hinmul’atan. Fiilmiiwwan afaan oromo obaay’inaan
hojjeetaman haa dhibaniyyuu malee isaanuma jiranirrattiyyuu qorannoon gaggeefame baay’inaan
hin mul’atu. Fiilmiiwwaan afaan oromootiin hojjeetamankeessaa kanaan dura gama
caaccuuleesa fiilmii heedduutiin Fiilmii ‘Eelaa’ irratti qorannoon gaggeefamera.Kanaan alatt
ifiilmii afaan oromoo irratti qorannoon gaggeeffame waan jiru hin fakkaatu.Kanaaf aniis
ogbarruu oromoo kan ta’e waldiddaa fiilmii cancala jaaalala qeequu irrattin xiyyeeffadha.
Kanaaf qorannoon kun akka walii galaatti gaffiilee bu’uura armaan gadiif deebii nita’a.
Ogbarruun gosoota hedduu of keessaa qaba.Anis sababa yeroofi maallaqa irraa kan ka’e ;gosoota
ogbarruu keessaa fiilmii cancala jaalalaa gama waldiddaatiin jiru qeequu irrattin
xiyyeeffadhe.Akkuma armaan dura ibsamuuf yaalametti,fiilmiin akkuma ogbarruu biroo kanneen akka
jaargochaa, taatotaa, waldiddaa, ergaa, fi kanneen biro of keessaa qaba.Qorannoon kunis kanaaf
waldiddaa fiilmii Afaan Oromoo cancala jaalalaa qeequu qofaa irratti xiyyeeffata.
Qorannoon tokko yeroo adeemsifamu hanqina garaa garaatu nama mudachuu danda’a.Kanaaf,
qorannoo kana adeemsisuu irratti hanqinoonni na mudatan kanneen armaan gadiiti.
Malli qorannoo kana keessatti ani itti gargaarame mala qorannoo qulqulaawaa yookiin akkamtaa
keessaa mala qorannoo ibsuuti.Kunis qeeqa fiilmii cancala jaalalaa keessatti waldiddaan mul’atu
ilaaluun yookiin dhaggeeffachuun akkasumas barreeffamoota mata duree kanaan wal qabatan
erga dubbifamee booda ragaan waldiddaa fiilmicha keessaa fudhatame ibsiifi hiikni itti
kennamee jira.Kanaaf jalqaba madda adda addatu sakatta’ame.Itti aansuun fiilmii qorannoo
kanaaf kaayyeffametu irra deebiin ilaalama yookiin dhaggeeffatama;sana booda waldiddaa
keessa jiru gosa isaatti qoqqooduun akkasumas sadarkalee waldiddaa ibsuuniifi ciminaaf hanqina
qeequun ragaan deeggaree jira.Dhuma irrattis ragaaleen mata duree adda addaa jalatti
qoqqooduun ibsameera.
Seensa
Kutaa kana keessatti kan ilaalamu sakatta’iinsa ogbarruuti.Kana jechuun qorannoo kana jecha
hayyootaatiin mirkaneessuuf ni sakatta’ama. Kanaafuu,kutaan kuni maalummaa ogbarruu qeeqa
ogbarruun wal qabsiisuun , faayidaa ogbarruu fi dame ogbarruu kan ta’e maalummaa fiilmii,
miseensota fiilmii, fi faayidaan fiilmii bal’inaan dhiyaataniruu .
Ogbarruun waa’ee ofii keenyaa yookiin waa’ee nama biro namaan qinda’ee deebisee bifa
daawwitiin yookiin dhageettin kan nuuf dhiyeessu yookiin kan nu daawwachisuudha.Kana
malees ogbarruun bu’aa ba’ii ilma namaa keessa ture kan amma keessa jiruufi kan gara fulduraas
isa mudatuuf ta’u ibsuuf, tilmaamuudhaafi akekkachisa kenna.Rakkolee hawaasa keessa jiran ifa
gochuun saaxila baasaa hawaasaaf gorsa kennuun gocha hamaa irraa akka of eegaan gargaara.
Yaaduma kan jajjaabeessu,Melakneh(2006:48) irratti yoo ibsu,”Literature is the cultural heritage
of people, its records of man in a diversity of forms at various levelsscholarship” kana jechuunis
,ogbarruun dabarsaa aadaa uummataa, akkasumas galmee jiruufjireenya ilmoo namaa fi kan
namoota hubannoo , beekumsa, muuxannoo fi sadarkaa adda addaa qaban ta’uu isaan
hubachiisa.
Ogbarruun ogummaa kalaqaa yookiin waa uumuu ta’ee, innis faayidaa hedduu dhala namaaf
kenna.Misgaanuu (2012) faayidaa 0gbarruu yoo ibsu “Ogbarruun jiruuf jireenya dhala namaa
karaalee hedduu tuttuqa.Waan barruunis ta’e, dubbatamaan darbu karaa baayeetiin jireenya
hawaasichaa calaqqisiisa”jedha.Yaanni armaan olii akka mul’isutti, ogbarruun barreeffamaanis
ta’e dubbiitiin darbu jiruuf jireenya ilma namaa karaa adda addaatiin akka ibsu hubachuun ni
danda’amaa.Walumaa galatti ogbarruun faayidaa adda addaa dhala namaatiif kenna.Innis jiruuf
jireenya dhala namaa keessatti maaltu akka ta’e fi maaltu akka ta’uuf jiru tilmaamuudhaan
uummataaf dabarsaa, nama barsiisuu fi kan biroo faayidaa ogbarruunkennuu danda’udha.
Fiilmii gosa ogbarruu keessaa isa tokko ta’ee wanta hawaasa tokko keessa jiru qabatamaan
akkuma jirutti kan dhiyeessudha.Yaaduma kana kan jajjabeessu Melaakinee (2006) Jacobs
wabeeffachuun yoo ibsu fiilmiin gosa ogbarruu keessaa isa tokko ta’ee karaa ergaan waldiddaan
hawaasa keessatti bifa adda addatiin keessa darban qeequ,fedhii fi muuxannoo gara darbaniin
ittiin danda’u ibsa. Kana malees, fiilmii n meeshaa suura kaasuun seenaa dhugaa hawaasa keessa
jiru yookiin gara fulduraatti ta’u tokko gochaan kan agarsiisuufi teleevijiniin yookiin saglaalaan
kan agrsifamuudha. Yaaduma kana cimsuuf world Book Vol.4(1995:450) yoo ibsu “Film is a
serious of moving pictures recorded with a sound that tells a story .shown on television or at the
cinema” Yaadni armaan olii kun kan ibsu fiilmiin tartiba suuraawwan socho’aanii kan sagalee
wajjiin waraabamanii seenaa tokko dabarsan, kan teleevijiniin agarsifamu ta’u isaa hubachuun
ni danda’ama.
Akkasumas maalumma fiilmii Rober(1991:1451) yoo ibsu, A film also called a move or motion
picture is a serious of still image on syrip of plastic wich when run through a project or on shown
one screen creates the illusion a moving images”.Yaada kana irraa kan hubannu, fiimii jechuun
sochii fakki adda addaa gargaaramuun kanneen akka teleevijinii yookiin meeshaa ittin sineemaa
agarsifamutti kan darbu, innis haala mija’ina qabuun ummataaf darbu kan danda’u ta’u isaa nu
hubachiisa.
Walumaagalatti maalummaa fiilmii ilaalchisee hayyoonni haala adda addaatiin ibsu. Akkasumas
fiilmiin gocha jiruu fi jireenya dhala namaa keessatti raawwatame yookiin gara fulduraatti ta’u
dhugaa ta’e tokko ibsuu fi faayidaa isaa waliin kan wal qabatuudha.
Fiilmiin gosa ogbarruu keessaa isa tokkoo fi baay’ee barbaachisa kan ta’edha. Fiilmiin faayidaa
hedduu dhala namaaf kenna. Faayidaan fiilmii World Book(1995:1453) irratti akka
ibsameeti,”Film is as a tool for research and education picture has unique capabilities
relationships difficult to communicate by other means”jedha. Yaadni armaan olii kun yoo
hiikamu, fiilmiin akka meeshaa qoraannoo fi barnootatti gargaaruuf gahumsa adda qaba. Fiilmiin
aadaa waraabuu yookiin galmeessuu , wala’anuu fi rakkina hariiroo kara biro haasa’amu hin
dandeenye kan qabudha.
Akkasumas fiilmiin jiruu fi jireenya dhala namaa gama adda addaatiin calaqqisiisa. Fiilmiin
muuxannoowwan bu’uura ta’an keessaa kan jireenya boru keessatti nama mudatu yookaan
mudachuun isaa hin ollee mul’isa. Haala qabatamaa muuxannoo namaa kakaasuun
dhiyeessa.Namoota sadarkaa adda addaa irra jiraniif beekumsa dabarsa.
Walumaagalatti faayidaan fiilmii daawwattoonni gara tarkanfitti akka dhufan taasisa. Kana
malees fedhii waa raawwachuu namaa kakaasuu, nama barsisuu fi kanneen biroo faayidaa
fiilmiin qabu jechuu ni dandeenya.
Akkasumas seenaan duuraa duubaan deemu kan yeroo fi bakka itti rawwatamu qaba. Haala bakkaa fi
yeroo wanti tokko itti raawwatamu kan nutti mul’isu yoomeessa jedhama. Kanuma kan cimsu toorri
inteerneeti akka ibsuutti,”Setting refers to the when, where, who and in what circumstance of narratives,
refers the readers or listener fiction of plot”. Hiikni yaada kanaas yoomessi gocha raawwatame tokkoo
yoom, eenyuun, haala kam keessatti akka ta’e dubbistoof yookiin dhaggeeffatootaf kan himuudha.Bakka
fi yeroo murta’e kana keessatti qooda fodhattonni gocha kana raawwatan namfakkoota
jedhamu.Cassidy(1991) “Characters are a person or sometimes animal wichfigure in the action of the or
the story”. Yaadni kun yoo hiikamu namfakkoonni nama yookiin bineensota hojii fiilmii keessatti qooda
fodhatani kan raawwatanidha.
Haaluma kanaan, qooddattoni kunniin addunyaa fiilmii keessatti waan barbaadan argachuuf wal
dhabu.Haalli wal dhabbi qooddattota kunis waldiddaa jedhama.Getaachoo(1998) “waldiddaan fiilmii
keessatti kan uumamu yommuu namfakkonni lamaan jiran fallaa walii yaadan, waliigalteen gidduu
isaanitti dhibamu yoo walitti bu’an waldiddaa jedhama” jedha. Akkasumas hayyuun Cuddon(1991)
Conflict is the tension between character or the actual opposition of character”jedha. Akka yaadni kun
jedhutti waldiddan haalota adda addaa keessatti namfakkoonni walitti yoo bu’an yaada waliif gidduu
isaanitti uumamuudha. Ibsa kana irraa akka walii galaatti kan hubannu waldiddaan kan uumamu fedhii
adda addaa namfakkoonni qaban ta’u irraa isaati.
Addunyaa dhugaa keessatti jireenyi ilma namaa bu’aa bahiif qabsoo adda addaa guddaa keessatti
jiraachuuf wantoota isa barbaachisan kana argachuuf wal diddaan ni uumama .Fiilmiin immoo dhugaa
addunya keessa jiru meeshalee tekinoloojii ammayyaatiin deeggaramuun fakkeessuun kan mul’isu waan
ta’u waan ta’eef,wantoonni addunya kana keessatti argaman ,addunyaa fiilmii kuussatti ni argamu.
Mormii fi waldhansoo humna lama gidduutti uumamu keessatti tokko tokko moohachuuf
yookiin moohamuuf diddaaf kuffisuu yookiin kufuu diddaaf yommuu qabsoo godhan
waldiddaan ni uumama. Yaaduma kana kan jajjabeessu, The international of encyclopedia of
social science Vol.3(1988:140) yoo ibsu,"Conflict emerges when ever two or more person or
groups organization seek to posses the some of object occupys some exclusive position play in
compatible means achiving there purpose" jechuun ibsa. Yaadni kun yoo hiikamu waldiddaan
kan uumamu namoonni lama yookiin lama ol garee namoota yookiin tuuta namoota baay'ee
waan tokko fodhachuuf yookiin fedhii isaanii guuttachuuf karaa waliif falla ta'e irra yoo carraqan
argina.Kana malees namoonni iddoo hojiitti, gabaatti, aangoo irrattii fi fedhii adda addaa
qabachuu isaaniin walittii bu'uu akka danda'aan yaada kana irraa hubanna.
Waldiddaan fiilmii keessatti baay'ee barbaachisadha. Seenaan jalqabaa kaasee hanga xumuraatti
haalaan ijaaraamee qalbii daawwattoota yookiin dhaggeeffattoota kan raarrasu yoo waldiddaa
qabaateedha. yaaduma kana kan gabbisu hayyuun Broker(1971:29) irratti yoo ibsu,"Plot is the
organization of seris action or events usually moving through conflict climax and
resolution"jedha. Akka yaada kanatti jaargochii walitti qaba sochilee yookiin ta'insoota waldidda
keessa deemuu qalbii rarrasuufi gara furmataatti kan deemanidha. Walumaagalatti hojii fiilmii
keessatti waldiddaan dandii ijaarsaa jaargochaa ta'uun tajaajiluu isaa hubanna.
Dhalli nama jireenya isaa keessatti sadarkaalee umrii adda addaa keessa darba.Nidhalata,
niguddata, nidu'aa. Akkuma kana namfakkoonni adduunyaa fiilmii keessatti jiran waldiddaan
isaani sadarkaa adda addaa qaba.Broker (1974) yoo ibsu, waldiddaan sadarkaalee gurguddoo
shan qaba. Jalqaba ni eegalama, ni guddata, fixee irra gaha,gadii bu'aa adeema dhuma irratti
furmaata argata jedhee kaa'a. Walumaagalaatti hubannaaf akka toluutti sadarkaalee waldiddaa
shanan tokko tokkoon haa ilaallu.
A Ka'umsa Waldiddaa
Jalqaba fiilmii keessatti humni waliif fallaa lama yoommuu wal mormiif karaa banatan ka'umsa
waldiddaa jedhama. Waldiddaa uumamu kanaaf sababni jirachuu qaba. Encyclopedia of
linguistic (2006:88) irratti yoo ibsi,"Expositions explains what has gone before the relationship
between characters, the developement of theme and the introduction of conflict" jedhe ibsa.
Yaada hayyuu kana irraa wanti hubannu ka'umsi waldiddaa wanta dura ta'uuf deemuu kan ibsu;
akkasumas hariroo namfakkoota jabina, dhamsas fi jalqabbii waldiddaa hammatuudha.Kanaaf
hundee yookii bu'uurri sadarkaalee waldiddaa jalqabaa hanga dhumaa ka'umsa ta'insoota ta'uu
isaati.
Sababnii fi bu'aan waldiddaa namfakkoota yoo dabalaa deemuu waldiddaan isaaniis dabalaa
deema. Yaaduma kana ilaalchisee Melakneh(1991:128) irratti yoo ibsu,"Rising action is
developes and intentifies the conflict as the plot onplays" jedha. Seenaan fiilmii tokko akka hin
laafneef yookiin hin kufneef waldiddaan cimuu fi itti guddatuudha jechuun ibsa. Akkasumas
jaargochi fiilmiichaa ijaaraamaa, waldiddaan tokkoo isaa tokkoof sababa ta'uun seenaan
fiilmiichaas dabalaa deemuu isa jedhu hammata.
Qindoomina jaargocha kana keessatti, waldiddaan uumamee, dhiphina keessa galee hir'achaa
deemu gadi bu'insa waldiddaa jedhama. Diyyani(2002:2165) irratti yoo ibsu, "Falling action the
plot of story or play, the action following climax of the work that moves it to words its
resolution"jedha. Hiikni yaada kana gadi bu'insi waldiddaa seenaa yookiin fiilmii keessatti fiixee
gahuu waldiddaatti aanee kan dhufu ta'ee, dandii gara furmaatattii daawwattoonni yookiin
dhaggeeffattoonni rarra'aa qalbii irraa hafanii iddok itti hafuura fodhachuuf qopha'aan ta'uu nu
hubachisa.
E Furmaata (Resolution)
Waldiddaan jalqaba uumame guddachaa deemuun fiixee gubbaa gahee gara dhumaatti yoo
dhumaatti yoo deemu furmaata jedhama. Schole(1971) yoo ibsu,"The end resolution is the last of
play"jedha. Hiikni yaada hayyuu kanaa furmaanni kutaa isaa dhumaa taphichaati. Innis gaddaan
yookiin gammachuun xumuramuu danda'a.
Waldiddaan gosoota adda adda qaba. Isaanis waldiddaa keessaa fi alaa jedhamuun bakka lamatti
qodamu. Yaaduma kana ilaachisee,Chistensen(1991:65) irratti yoo ibsu,"A confilct the main
character or group strugle with ather character, societ or nature is called external conflict. A
conflict in wich the main character struggle wich her or his own belief or shellin is called internal
conflict"jedha. Akka ibsa hayyuu kanaatti, waldiddaan yoommuu namfakkoonni kootamaa
gareewwaan yookiin namfakkoota biroo walfalmii hawaasa waliin yookiin uumama walii
taasisan waldiddaa alaa jedhama.Yoommuu qooddattoonnii miira issanii walii wal falmii
adeemsiisan immoo waldiddaa keessaa jedhama.
Waldiddaa alaa jechuun rawwii namfkonnii alaa waliin taasisanidha Cassidy(1991:647) irratti
yoo ibsu" An extenal conflict a characters struggle, fate or another person"jedha. Waldiddaan
alaa walfalmii namfakkoonnii humnoota alaa kanneen akka uumama hiree yookiin nama biroo
waliin taasisanidha. kanaaf gosoota waldiddaa alaa haa ilaalluu.
Waldiddaan namaa fi nama gidduutti uumamu sababa amantaan, fedhii adda addaan,
kayyoodhaan, ilaalchaa fi garagaarummaa qabanirra kan ka'e, walitti bu'insi ni uumama.
Cuddon(1999) irratti yoo ibsu, "Conflict that accur between character are depend on their wich
and diffirent objective they have"jedha. Yaadni kun akka mul'isuutti, waldiddaan namfakkoota
yookiin namfakmii fi namfakkii gidduutti uumamu kan irratti hunda'u hawwii fi kaayyoo
garaagaraa isaan qabatanii ka'aanidha. Yaadni kun kara biraatiin waldiddaan namfakkii fi
namfakkii gidduutti kan uumamu kan irratti hunda'u yoommuu namfkkoonni yaadaan waliif
fallaa ta'aanidha.
Walumaagalaatti namfakkiin kootamaa kaayyoo isaa galmaan gahachuuf yoo carraaqan hojii
fiilmii keessatti namfakkoota masaanuu waliin waliitti yeroo bu'aanidha.
Namoonnii jirachuuf jecha qalbiin isaanii waan yaadee sana bira gahuf, uumama waliin
waldhansoon ni umu. Fakkeenyaaf ilmi namaa muka bosona ciree qabachuuf jecha qamoota
muka adda addaa waliin halli waliitti bu'uu jiraachuu danda'a. Waldiddaan akkanaa yeroo
baay'ee namfakkootaan hin to'atamu. Carl(1991:797) yoo ibsu, "The conflict between all the
people and forces of the nature that are out of the characters controls"jedha. Akka hayyuun kun
ibsuutti, waldiddaan namfakkootaa fi humna uumamaa gidduutti uumamu yeroo baay'ee
namfakkootaan hin too'atamu. Kanaaf namfakkoonni humna uumama waliin yoo wal falmii
adeemsisaan too'annoo isaaniin ala waan ta'uuf yeroo baay'ee ni moo'amu yaada jedhu hammata.
Namni tokko yookiin gareen tokko aadaa, duudhaa, safuu fi haala jiruu fi jireenya hawaasichaa
waliin walitti bu'insi ni uumama. Amantaa, falaasama ilaalchaa fi sirna hawaasicha fodhachuu
dhabuun, nama tokko yookaan garee namoota hawaasichaa gidduutti waldhabbiin ni uumama.
Cassidy(1991:706) irra jiru akka ibsuutti waldiddaan hawaasaa fi namfakkoota gidduutti
uumamu namni tokko duudhaa garee hawaasa kuffisuuf, hawaasichi immoo harka kennachuj
diduun yommuu wal falmaan jechuudha jedhe ibsa. Yaanni cuunfaa hayyuu kana yoommuu
namfakkiin tokko eejjennoo safuu hawaasa waliin hin deemne qabate yoo ka'e, hawaasichas
balaaleeffachuun waldiddaa uuma.
Internal conflict can a rise from four kinds of conflict, approach-approach conflict,
avoidance-avoidance conflict, approach-avoidance conflict and multiple approach-avoidance
conflict jedhee qoqqooda.
Akka ibsa hayyuu kanatti, waldiddaan keessa yeroo baay'ee gosoota waldiddaa arfan armaan
gadii bu'uura taasifstu. Isaanis waldidda faayidaa-faayidaa, waldiddaa midhaa-midhaa,
waldiddaa fayidaa-midhaa fi waldiddaa faayidaa baay'ee-midhaa baay'eeti. Yaada kana irraa kan
hubannus, namfakkoonni fayyaadamuuf jedhanii yoo midhaa soodaatan, fayyaadamuu yoo
dhiisaan immoo maala akka ta'aan wallaalanii, keessa sammuu isaanii waliin yoommuu wal
falmaanidha.
Walumaagalatti dhiyaannaalee kanneen waldiddaa gosa lamaanuu, keesstti kan mul'atan yoo
ta'an iyyuu namfakkoota keessatti maal akka ta'an haa ilaallu.
A Waldiddaa Faayidaa-Faayidaa
Waldiddaan gosa kana kan madduu yoommuu namfakkoonii wantoota faayidaa qaban keessa
seenee, murteessuuf sammuu isaa waliin wal falmii jalqabuudha. Hayyuun Morgan(1991:300)
Approach-approach conflict is a conflict between two posetive and attractive. Goal within in
our reach. We have to choose one from these. The example this kind of conflict may be when
you are offered admission intwo equal attractive courses of study for higher education and you
decide between two.
Waldiddaan kun fallaa waldiddaa faayidaa-faayiddati. Innis qoddataan midhaa lamaan jiran
keessa tokkotti goruuf yeroo rakkatudha. Dabalataan Morgan(1991) yoo ibsu,"Avoidance-
avodionce conflict accur there is conflict between two negative equally in attractive goal"jedha.
Kana jechuunis waldiddaan midhaa-midhaa kan madduu, yoommuu waldiddaan yaadota falla
nam hin hawwanne lama gidduutti kan uumamudha.
C Waldiddaa Faayidaa-Midhaa
Namfakkiin waan faayidaa qabu yaadee, midhaa booda itti aanee dhufu, sammuu isaatti yoo
dhaga'aamu, yaada jedhu irra kan maddeedha.
goal object. Because ofthe posetive violenceof the goal the person
become stronger than its positive aspects the person will top before
reaching the goal. Because the goal is the goal is not reached the
the individual is frustracted.Morgan(1996)
Yaannii kun cuunfame yoo ka'aamu, waldiddaan faayidaa-midhaa furamuuf baay'ee kan
rakkisuu; hiree badaa fi gaariin kan itti nama qunnamu, hiree garaatti yoo goraan hiree badaan
calee yoo mul'atu, akmasumas kaayyoo qabatanii ka'an galmaan gahuun dura yoo kufan
muldhisa. Akkuma oromoon "Rakkisaa fuulo saree, yoo itti kaayaan ni nyaatti, irraa yoo baasaan
ni kaatti" jedhan sana.
Waldiddaan gosa kana, yoommuu namfakkootni waan baay'ee bu'aa qbu yaadani midhaan
baay'ee midhaa qabu yoo itti muldhatuudha.Morgan(1996:37) yoo ibsu, "In multiple approach
avoidance conflict several goal with the negative and positive are Ivolves"jedha. Yaadni kun
akka ibsuutti waldiddaa faayidaa baay'ee, midhaa baay'ee jechuun kaayyoolee heedduun kufaatii
fi galma gahinsa waliin wal qabate sammuu namfakkootatti yoommuu dhufudha.
BOQONNAA SADII
Boqonnaa kana keessaatti bakka waldiddaan fiilmii 'Cancala Jaalala' qeeqamuun ragaan itti
kennameedha. Waldiddaan kunnin,sadarkaalee waldiddaa, gosoota waldiddaa alaa fi keessaatti
qoodamuuun dhiyateera. Sadarkaalee waldiddaa jalatti ka'umsa waldiddaa,guddachaa deemuu
waldiddaa fiixeerraa gahuu waldiddaa, gadi bu'aa deemu waldiddaa fi furmaata irra gahuun
waldiddaa dhiyaateera. Akkasumas gosoonni waldiddaa alaa fi keessaatti qodame ragaan
qacceeffamee dhiyateera. Kana malees, gosoonni waldiddaa alaa nama, namaa waliin; namni
uumama waliin fi namni uumaa waliin fi waldiddaa keessa jalatti, immoo namni sammuu isaa
waliin fi akkasumas gosa waldiddaa keessaa kan ta'ee, waldiddaan faayidaa-midhaa qeeqamuun
ragaan dhiyatee jira. Dhuma irrattis, cimiinnii fi hanqinnii fiilmii waldiddaa cancala jaalala gama
waldiddaatiin jiru akka walii galaatti dhiyaate jira.
Fiilmiin afaan oromoo cancala jaalala ummata oromoo biratti baay'ee jaallatamaa fi fodhatama
guddaa qaba. Fiilmiin kun bara 2013 A.L.A/2005 A.L.I tti Mulugeetaa Hayiluu Gurmuutiin
qopha'e. Akkasuma darikteerrii fi gulalaan illee Mulugeetaa H/Gurmuuti. Taatoonnii fiilmii kana
keessatti hirmaatan Mintiwab Hayilee(Taatee), Qaroo Tammanaa(Taliilee),Alamuu Zawudee,
Alamayyoo Biraanuu, Dararee Lammaa, Warqinaa Mokonnoon, Dinqii Roobaa, Soloomoon
Dajanee, Inspekteer Sobbooqaa Urga'aa, Saajiim Bashaadaa Naanneessaa, Darajjee
Dadhii(Abdii), Sinqiinach Urgeecha, Dabaree Yiilmaa, Urga'aa Alamuu, Wasaanyalash Alamuu,
Urgoo Baqqaalaa, Masaarat Tafaa( Leensaa),Biraanuu Hundeessaa fi Mamitee Walda Yohhannis
kanneen jedhamantu keessatti hirmataan. Walumaagalatti fiilmiin kun turtii yeroo saa'aatii 1 fi
daqiiqaa 4 (1:40) kan fodhateedha seenaan fiilmichaa
Taalileen maagalaa Finca'aa jedhamuutti dhalatte. Obboleessa Abdii jedhamu qabdi. Abdiin
hojjeetaa mootummaati. Innis hiriyyaa Sooreessaa jedhamu qaba. Soreessaanis Yuunivarsiitii
baratee fiixee hojii dhabun hojii dhabe ta'aa. Taalileen hiriyyaa Abdii, Sooreessaa waliin wal
jaallatani jiran.Abdiin bakka hojjeecha jiru maagaalaa Buraayyuutti jijjirame. Taalilee,
Sooreessaatti dhisuun. Sana booda jaalalleen Taalilee hojii argachuun gara maagaalaa Finfinnee
deeme. Turtii ji'aa lama booda Taalileenis ulfa ta'u ishee barran nibadde.Osoo biyya baatee
bosona keessa teessee boossuu jartiin haadha Ayyaanaa jedhamtu tokko itti dhufuun erga haala
isheen keessa jirtu gaggaafattee booda,yoo mucaa dhalte mucaashee akka fodhattu itti himuun
mana isheetti fodhattee galte. Kana booda Taalileenis osooma haadha Ayyaanaa waliin jirtu
mucaa deesse. Haati Ayyaanaa erga Taalileen mucaa deessee, jajjabaattee booda mucaa ishee
irraa fodhachuun arite.
Taalileenis, mucaashee haatii Ayyaanaa irraa fodhachuu ishee ollaa isaanii kan taatee addee
Dararee kan jedhamtuutti himatte. Addee Darareenis, haadha Ayyaana manasheetti wamtee,
araqee akka dhugaan gochuun osoo ta'aanii araqee dhugaanii, baatee deemuun mucaa
Taalilee(Bosonee) bakka haati Ayyaana raffifte fudhuun Taalileef keennite. Bosoneen maqaa
Taalilee haatii Ayyaana Itti baafatteedha.
Sana boddee Taalileen mucaashee akka guddiisaaniif addee Darareetti hadaraadhan itti kennatte.
Ofii ishee deemtee mana obbo Fayyisaa jedhamuutti hojjeettu mana bunaa ta'uun, maqaa ishees
Seenaattii jijjirrachuun qacaramte. Mana bunaa bakka qacaramteettis dargaaggessa Laalisaa
jedhamuun wal jaallatan. Kana malees Seenaan mana bunaa kanatti abbaan mana bunaa kun,
obbo Fayyiisaan humnaan gudeeddi irratti rawwate. Kana irraa kan ka'ee haati mana obbo
Fayyisaa, addee Taateen shakkii fi hinaaffa keessa seente. Sababni isaas tokkoffaa, Seenaa fi
Laalisaan yookiin ilmiishee wal jaalachuu isaani jibbuunii fi lammaaffaa, abba manaa isheetti
shakkuun. Seenaan osooma kanaan jirtu hiriyyaan ishee Leensaa kan jedhamtu Jigsaa jaalallee
ishee waliin adda baate. Leensaan jaalalleenkoo Jigsaan Seenaa jaalate jettee shakkuu isheetiin
adda baatee jirti. Leensaanis, sababi Jigsaa jaalallee ishee irraa addan baateef, jaalalleekoo
Seenaatuu anarra fodhate jechuun,Seenaan osoo hin jaalatiin hinaaffaa irraa kan ka'ee qarshiin
namoota itti bituun Seenaan akka waranamtu goote.
Seenaan erga waaranamtee boodaa, dandiirratti arguun poolisoonni lamamana yaalaa geessuun
akka yaalamtu taasisaan. Sana booddee sababi waaranamuu Seenaaf, leensaa, Abdii yookiin
jaalallee Leensaa erga Jigsaan adda baatee (obboleessa Seenaa), obbo Fayyisaanii fi akkasumas
Dhibbaashiin kan Seenaa waliin mana tokko keessaa hojjeetan akka shakkamtootatti dhiyaatan.
Abdiin sababii Leensaan erga jaalattee jirtuuf, guyyaa Seenaan reebamteetti Leensaan bilbila
Abdiin bilbiltee akkaa Seenaan waaranamtu waan goosifteef akka shakkamatti dhiyate. Erga
huundi isaani qoratamanis Leensaan midhaamuu Seenaaf sababa akka taatee irra gahame.
Abdiinillee obboleessa Seenaa akka ta'e hubatame. Kana booda qorattoonni yakkaa midhama
Seenaa irratti ta'e qorachaa turan Abdii fi Seenaa obbolaawwan walii ta'u hubachuun walitti
fidaan. Seenaanis ergasii jaalallee ishee kan ta'e laalisaattii heerumte. Guyyaa tokko ulfa ji'a
shanii waan taateef ilaalamuuf mana yaalaa Soreessan keessatti hojjeechaa jiru jaalallee ishee
jalqabaa kan ta'e, amma Dokteera ta'e kan jiru bira deemte. Mucaa isaaf jalqaba ulfoofte deessee
fi abba manashee Laalisaa waliin. Achiittis Dr.Sooreessaa fi Seenaan haala dabarsan hundumaa
yaadachuun, Seenaan abba mana isheetti; Dr.Sooreessan mucaa isaatti maraamanii, osoo bahanii
seenaan fiilmicha xumurame.
Dhalli namaa jireenya isaa keessaatti, sadarkaalee umrii adda adda keessa darba. Ni dhalata, ni
guddata, ni guddata,ni du'a. Akkuma kana namfakkoonni addunya fiilmii waldiddaan isaani
sadarkaa adda addaa qaba.
Jalqaba fiilmii keessatti, humni waaliif fallaa lama yoommu walmormiif karaa banatan ka'umsa
waaldiiddaa jedhama.
Seenaan mana buna keessaatti erga qacaramte, laalisaa ilma adde Taatee waliin walitti dhufeenya
jaalala egalani jiru. Taateen garuu, walitti dhufeenya isaani kana hin jaalannee. Seenaan guyyaa
tokkoo hojiin waan hin jirreef, kuta laalisaan keessatti boqotuu keessaa waliin osoo ta'aani, haati
Laalisaa itti olseenuun, Seenaadhan..., ( 45daq.) irraatti
Taatee- "Intal, fayyaa malii qabd waqni nagaa sii haa dhowwu, maal guyyaa safaadhan
mucaakoo inni ati salgii yaabbattee teessu" ittiin jetti bifa aarii guddaadhan. Warabbii kana irraa
kan hubannu Taatee fi Seenaa gidduutti ka'umsa waldiddaaf sababni uumamu isaati. Sababni
kunis walitti dhufeenya jaalala laalisaa fi Seenaa gidduutti uumamedha.
Sababni fi bu'aan taatoota yoo dabalaa deemu waldiddaan isaanis yoo dabaluudha.
Taateen sababi seenaa fi Laalisaan wal jaalatani jiraniif laalisaa ilma isheetti dheekkamaa jirti.
Akka inni ishee wajjiin walitti dhufeenya hin cimsineettis mormaa jirti. (47 daqiqaa)
Taatee- (Laalisaadhan) " Iseen bar hojjeettuu mana keenyaati malee, haadha manaakeetimoo?
obboleettikeetimoo? innii isheen dhufte ciqilee sirra ka'aattee teessu"jettin. Yaadni kun kan
muldhisuu waldiddaan uumame guddachaa deemuudha. Sababii Seenaan hojjeettuu mana bunaa
ishee taateef Seenaa tuffachuudhan, laalisaattis dhekkamaa jirti.
Kana malees waldiddaan guddachaa deemuu isaa kan mul'isu, Seenaan galgala yeroo irbaatattii
Laalisaa waliin akka nyaataniif, hojjeettuun isaani kan biraa Dhibbaashii kan jedhamtu nyaata
kutaa Laalisaa keessatti kenniteef. Yeroo kana akka Seeenaa fi Laalisaan irbaata waliin nyaacha
jiran Taatee. Dhageessee,...(53min),
Taatee- Seenaa! "Maaltuu baastuh ittoo manakooti si godhee ?ati maal narraa qabda? qee'eekoo
diguudhaaf dhufteemoo? Hojjeettee nyaachuudhaaf dhuftee? ati" jetti Seenaadhan. Waarabbii
kana irraa kan hubannu Taateen jaalala Laalisaa fi Seenaa jibbuu, kunis sababa Seenaa tuffachuu
yookiin ilaalcha hin taanee qabachuufi isheerraa kan ka'eedha. Kana malees Seenaa hojjeettu
mana bunaa ishee taatee qacaramuufiin kan isheef faayidaa buusuufi irra jireenya ishee irratti
dhibbaa fidaa akka jiru hubachuudhaan Taateen, "qeeqeekoo diguudhaaf dhufteemoo hojjeettee
nyaachuudhaf dhuftee" ittiin jechuun itti dheekkamaa jirti. Eegan walumaagalattii sadarkaan
waldiddaa Seenaa fi Taatee, gidduu sababa laalisaan Seenaa waliin wal jaalachuu uumame
guddachaa deemuun fiixeerra gahuuf adeema jira.
Waldiddaan fiilmii tokkoo fiixeerra gaheera kan jedhamu, qoddattoonni fiilmiicha keessatti
yeroo garmaalee sadarkaa waalitti bu'insarraa gahanii, garatti goran wallalanii dhiphatan
jechuudha.
Jaalallii Laalisaa fi Seenaa gidduu ho'ee jira.Guyyaa tokko yeroo irbaata galagal nyaachuhf
jedhan, obbo Fayyisaan yookiin abbaan mana taatee seenaa gafaata. Seenaa laalisaa biratti nyaata
geessiteefi akka dhufte hojjeettuun isaani Dhibbashiin dubbatti.Adde Taateen kana dhagahuun
gara kutaa laalisaa fi Seenaan irbaata nyaachuuf jedha itti seenuun erga Seenaa hifattee, gadi ba'i
jettee booda laalisaadhaan....,
Taatee- "an siin gaddisisuu Laalisaa! Namichii kara tokko na guba, ati asiin na gubda,isheen
asiin na gubdi maal dhimma maali narraa qabdu isiin" jetti. Waraabbii kana irraa kana hubannuu,
waldiddaan uumamaa jiru fiixee irraa gahu isaati. Kunis, Laalisaan, Seenaa jaalachuu isaatti
haati isaa Taatee baay'ee dhiphaatte jibba Seenaa irratti agarsisaa jiru isheeti. Namichi asiin na
guba kan jettuufis Taateen,obbo Fayyissan guyyaa tokko Seenaa Humnaan gudeeddii irratti
raawwate ture. Kanas hojjeettuu ishee Dhibbashii irraa dhageessee jirti.kanas mirkaneeffachuuf
jettee,abbaa manashee loluun halkaan hirriba keessa itti himnan, abba manashee "maal sii goote
Seenaan"ittiin jedhe. Kanaaf Taateen waan gootuu wallaaltee, halkaan hirriba keessaa abbaa
manaashee obbo Fayyisaa bira ka'un baay'ee dhiphachuun boossii hinaffaa irra kan ka'e.
Akkasumas sadarkaan waldiddaa fiixee irra gahu kan nutti mul'isu seenaan akkuma ishee
hiriyyaa mana buna keessa hojjeettu Leensaa kan jedhamtu qabdi. Leensaanis jaalallee Jigsaa
jedhamu qabdi. Guyyaa tokko Seenaa fi Jigsaa, Leensaan wal barsifte turte. Jigsan guyyaa tokko
Leensaa bira deemuuf yeroo beellama waan dabarseef, leensaan Jigsaatiin akka inni Seeaan bira
tureetti shakkuun hinaffa keessa sente. ( 58min)irratti
Jigsaa- "nama ati hin beeknee bukkee" Waarabbii kana irraa kan hubannu, leensaan akka Jigsaan
Seenae bira olee dhufeetti fodhaatte jirti. Sababii kana irraa kan ka'e Leensaan nama itti bituun
Seenaa waransifte. Bilbibila jaalallee ishee Abdiin bilbiltee haala mijeessuudhaan. Egaan
waldiddaan Taatee fi Seenaa gidduu, leensaa fi Jigsaa gidduu akkasumas Taatee fi obbo Fayyisaa
gidduutti uumame guddachuun fiixee irra gaheedha. Seenaa yeroo ittii baay'ee gaddisisaa irra
gessee dhiphinaa guddaa keessa seente ta'u isaas ni hubanna. Seenaan yeroo gidiraa fi dhiphina
guddaa keessa jirtutti, yeroo waraanamte sanatti osoo daandirra teessu dargaggeessi maca'aan
tokko arguun akka armaan gadii jechuun poolisoota itti wame.
Gurbaa Maca' aa- "Poolis!poolis! nama, nama" jechuun itti waamee.
Waldiddaan uumame dhiphina keessa deemuun taa'insoota jiraan ibsachuun waldiddaan uumame
gara furmaatatti yoo dhufaa adeemanidha.
Seenaan erga waaranamuun mana yalaa galtee,booda sababi waaranamuu isheef poolisoonni
isheerra qoraachuun, namoota shakkamtoota ta'aan akka qoratamaan taasisanii jiran.
Shakkamtoonni kunis, Abdii jaalallee Leensaa erga Jigsaa dhistee kan jaalatte, Leensaa, obbo
Fayyisaa, Jigsaa fi Dhibbashii akka ragaatti obbo Fayyisaan mana isaatti humnaan gudeeddi
Seenaa irrati raawwate waan beektuuf isaan kunneen dhiyaataniru. Qorannoo kana irras Seenaan
waaranamuuf sababni Leensaa ta'u bira ga'ame. Poolisoonis erga waan hundumaa hubatanii
booda, seenaa essatti akka isheen galtuu gaafataan.fiilmiichi yeroo sa'aati tokkoo fi daaqiqa 24
irraa ga'eetti(1:24)
Seenaa- "hiriyyaankoo ni jirti" jette. Yeroo kanatti dubdeebiin dubaatti deebisuun yeroo
Leensaarratti qorannoon yakka gagaggeeffame kan gafatamtee deebii deebifte, leensaan "Akka
ajjeesanifmoo? Akka waarananii,dhiisanif akka ajjeesanif "kan isheen jette duubatti deebi'uun
yaadachise. Qorattoota yaakkaa saannin ergasii,
Waarabbii kanarraa kan hubannuu, Seenaan midhamuu isheef sababni sababni Leensaa akka ta'e
hubanna. Kanaaf immoo qorattoonni yakkaa kun Seenaadhan, poolisoonni "Miidhaa Sirratti
raawwatame kanaaf gahe guddaa kan taphate ishee waan ta'eef,akka yeroof nuu bira nu bira turtu
barbaanne" ittin jedhan. Kanaaf walii galaatti waldiddaan uumama jiruu kun gadii bu'aa
deemuun furmaatarra gahuuf deema jirachu isaati.
Waldiddaan jalqaba umamee guddachaa deemuun fixee gubbaa gahee, gara dhumaatti yoo
deemuu furmaata jedhama.
Qorattoota yakkaa- " amma Abdii bakka jiru barbaannee, walitti isiin aararsina tolee nu jedhi"
jedhan.
Qorattoota Yakka- "homaa rakko hin qabu walitti isiin araarsina"Jedhan. Osoo kana jedhanii
ishee gadii baasuun, Abdii waamuun namni isiin jala badee jira jedhanii gaafachuun innis
eeyyeen namni badee jira, jechuun Seenaanis ol seente jilbasaattti kufuun lamaanuu bo'aanii
Abdiin dheebuu obboleetti isa arguuf hawwee turee fi Seenaanis bara hedduu rakkinaan
rakkachaa turte wal argatan.
Kana malees, waldiddaan fiilmii kanaa furmaatarra gahu kan agarsiisuu, haatii Laalisaa ergaa
Seenaan waranaamtee, fayyitee Laalisaan akka Seenaa fudhuuf eyyemteefi jirti. Yeroo seenaan
fiilmiichaa(1:33) irraa ga'ee jiruutti.
Laalisaa-"Harmee! eenyuu waajjiin haasofte" jedha erga isheen waa'ee Seenaan obboleessashee
Abdii argachuu bilbilaan dhageesse booda.
Harmee Laalisaa(Taatee)- "Eessaa akkan jalqabuu hin beeku, raagaan hundumtuu sassabamee
dhugaa aragatte jedhan, Seenaan akka nama sirrii taatee amma hubadheera" jettee Laalisaadhan.
Laalisaa -"Ani duraaniyyuu sitti himeera; sigaaraa, caatii kan na dhisiise isheedha; kan ati na
dadhabde"
Taatee-"nan beeka"
Waraabbii kana irraa kana hubannuu Taateen kana duraan Seenaa jibba turte, amma garuu waan
hundaa hubachuun akka Laalisaa ilmii ishee Seenaa fuuudhuu eeyyemuufi ishee hubanna. kanaaf
asirraa wanti hubannuu waldiddaan uumama ture furmaata argachuu isaati.
Waldiddaan alaa yommuu namni yookiin namfakkoonni humnoota biroo waliin waliitti yoo
bu'an kan uumamu jechuudha. Fakkeenyaaf namni nama waliin ,namni hawaasa waliin, ta'u
danda'a. fiilmii kana keessattis haala armaan gadiin dhiyaatee jira
Waldiddaan namaa fi nama gidduu, waldhabiinsa namota fedhii fokko yookaan adda addaa
qaban lama gidduutti kan uumamanidha.
Bosoneen erga ulfa'uun obboleessashee Abdii bira baddee booda haadha Ayyaana kan jedhamtu
bosonaa keessa manasheetti fodhatte galte.Haati Ayyaana, akka Bosoneen warabduuf lagatti
ergite jennan Bosoneen baay'ee turte erga galte bodaa.., yeroo seenaan fiimiichaa(daaqiqa24) irra
gaheetti.
Haadha Ayyaanaa-"Maal intalatoo hin bultuu, erga ganama baatee eenyyuun argattee ammo
laga keessatti na burraqaa olteee...., ergadhee gaaftokko sirraan qabana'u maal abboo gubaa
malee." jettii Bosoneedhaan.
Waraabbii armaan olii irraa kan hubannuu waldhabbiin Bosonee fi Haadha Ayyaanaa gidduutti
uumamame Bosoneen yero malee ulfa'uun yookaan ga'eelaan alaaa ulfa'uun ishee midhaa irra
geesisa akka jiru hubachisa. Kana malees, hallii ittii haatii Ayyaanaa Bosoneetti hojii baay'isuun
osoo isheen ulfa taatee jirtu midhaa dubartoonni yeroo ulfaa taa'aanitti hojii ulfaata akma
hojjeetaniif dirqisifaamuu isaanii addunyaa dhugaa keessatti akk mul'achuu danda'u mul'isa.
Bosoneen erga mucaa dhaltee, mucaa ishee addee Daraaree jedhamtu akka guddistuuf, itti
kennitee maqashee Seenatti jijjiirrachuun hojjettuu mqa bunaa obba Fayyisaa ta'uun
qacaramte.Achittis ilma isaani Laalisaa kan jedhamu waliin wala jaalatan. Haatii Laalisaa garuu
wal jaalachuu isaanii kana hin jaalanne. Kutaa Laalisaan keessatti boqotuu deemuun, Seenaa fi
Laalisan osoo waliin ta'aanii, Seenaadhan, Yeroo fiilmiichi( 25daqiqa) irra gaheetii
Taatee-"Fayyaa maalii qabda, waaqni nagaa sii haa dhowuu, maal guyyaa safaadhaan, mucaakoo
inni atii salgii yabbaatee teessu, maal akka inni ta'uudhaaf, maal akka inni taa'uudhaf, maal
futaa? mana cisichaa dargaggeessa keessa, ofii kutaa cisichaa qabda miti? Yaadnii kun akka
muldhisuutti,Taateen Seenaa fii Laaliisaan akkanattii ta' uu isaanii hin jaalanne. sababani isaas
hojjeettu mana bunaa isaani ilmi ishee akka jaalatu hin barbaadduu. kanaafis Seenaa waliin
waliin wal dhabbii uumaa jirti. Waldiddaan kun akka walii galaatti kan muldhisuuadduunyaa
dhugaa keessatti dubartoonnii sababii rakkinaaf,hojjeetani jirachuuf mana buna keessaa
dalaagan, akka tuuffatamootti ilaalamuu isaani akka jiru muldhisa.
Erga Seenaan mana bunaa obbo Fayyisaatti hojjeechuu eegaltee,haati Laalisaa Seenaa ijaa ggriin
ilaala hin jirtu sababa Laalisaa fi Seenaan wal jaalatanii jiranif. kanaaf Laalisaa ilma ishee waliin
waldidda uumaa jirti. Guyyaa tokko Seenaan hojiin waan hin jirreef, kutaa Laalisaan keessatti
boqotu ssenuun fiilmii ilaalaalu turan. Osoo fiilmii ilaalanis gidduutti addunyaa jaalala keessa
seenuun, dheebuu jaalala wal irra qaban dhunguu fi wal susukkummiin dhamdhaamatan. Sana
booda harmee Laalisaa itti seenuun erga itti dheekkamte booda, Laalisaan, harme isaatiin...,
Yeroo fiilmiichii (56daqiiqa) irra gaheeti.
Laalisaa- "Harmee maa dheekkamtaa"? Ittiin jedhe erga isheen Seenaatti dheekkamtee booda.
Taatee- " Maal hojjeettu? Laaliisaa maanni haasaan akkasii, maanni jiruun akkasii," jetteen.
Waraabbii kana irra kan hubannu, walittii dhiyyeenya Seenaa fi Laalisaa jibbuun, Taateen
Laalisaa walii waliitti bu'aa jiraachuu ishee hubaanna. Kana malees, Seenaa ilaalaalcha gadii
aanaa fi tuuffannaadhhan ilaala jirachuu ishee hubannna Taateen. Waldiddaa kana irraa akka
waliigalaatti wanti hubatamuu, shamarroonni mana bunaa keessa hojjeetan kan isaanirraa
foyya'aa ta'eetti haallii jireenyaa isaa kan isaan caaluutti jaalataa ii heerumuu akka hin
dandeenyeetti yaaduun addunyaa dhugaa keessa jirachuu akka danda'u muldhisa.
Taateen haadha mana obbo Fayyisaati. Seenaan immoo akkuma armaan olitti ibsama ture
hojjeettuu mana bunaa isaaniti. Obbo Fayyisaan Seenaa irratti raawwatee ture. Kanas Taateen
hojjeettu isaani Dhibbaashii irraa dhageesse jirti. kanaf haalkan Taateen abba mana ishee waliin
waliitti bu'an.
Taatee- "Hin saalfattuu akka dhirsatii waansaa, fakkeessuudhaaf, akkeessuudhaaf, dhaqi! achi
haadha manaakee haammadhu"! jetti abbaan manaashee harkarra godhee hammannaan.
Taatee- "Kunoo achi haadha manaakee hammaadhu cisii, anii bultoo keenyaa jedhee, mana
keenyaaf...,
Taatee- "Obsii dhagahii sittaan hima! kan intala fiddee dhufte guddina jireenya keenyaatiif
see'eetan malee, ani akka ati harka wayyaa jalan haadha mana fiddee mana keessee hin barree
ani"
Taatee- " Maal jechuu barbaaddee? maqaa akkan sitti himu barbaaddaa? Akkan Seenaa jedhee
sitti himuuhoo barbaaddahii"!
waraabbiin kun akka muldhisuutti Taateen waan hojjeettuu ishee Dhibbaashii irraa dhageesse,
dhugaa ta'uu isaa mirkaaneeffachuuf abba manaasheetti kaasuu ishee hubanna. Kana malees,
waldhabbii Taateen abbaa manaa ishee waliin uumte kun, deebii abbaan manaashee deebisuuf
irraa sirrii ta'uu hubachuun hinaaffaa fi aarii guddaa keessaa galu isheeti. Akkasumas waldiddaan
kun addunyaa dhugaa keessatti hinaaffaan abba mana isaani irratti akka qaban jirachuu isaa
mul'isa.
Leensaan hiriyyaa Seenaati. Akkuma Seenaa mana bunaa keessaa hojjeetti. Jigsaan immoo
jaalallee isheeti. Leensaanis jaalallee ishee Jigsaa, Seenaa waliin wal barsiftee turte. Guyyaa
tokko Leensaa fi Jigsaan mana bunaa ofiishee keessa hojjeettuutti beellama wal arguu qabatan.
Jigsaan sababii yeroo dabarsee dhuufeef, osoo Jigsaan Seenaa hin jaalatiin Leensaan akka in i
Seenaa jaalateetti Jigsaa shakkite. kanaaf, yeroo fiilmiichii ( ) irra gaheetti Leenssaan
Jigsaatiin...,
Jigsaa- "Mee na dhiisiika haasaakee jibbisiisa kana" jechuun bira ka'ee deemee
Waraabbiin kun sababii Jigsaan yeroo dabarsse dhuufeef waaan innii dhuguumaan Seenaa waliin
olee dhufee itti fakkaachuudhan lLeensaan hinaaffaa guddaa keessa seenuu ishee hubanna. kana
irraa kan ka'ee Leensaan, Seenaa akka waraamtuu gosiftee jirti. kana malees, waldiddaan akkasii
addunyaa dhugaa keessatti shalaaqqisuu akka danda'u hubachisa.
Namni uumaa waliin kan walitti, bu'u, bu'a bahi jiruuf jireenya isaa keessatti, yommuu baalan
isaa qunnamuu bala sana keessaa bahuuf carraaqee yoo milka'uu dadhabuudha.
Taalileen erga Abdii jala baddee abdiin argachuu hin dandeenye. Ishees barbaadee dhabuun,
Abdii- " imanaa haatikoo nattii lattee guddisii, barsisii, naan jettee keessuumaa an dhipinaaf
waanan uumamee natti fakkaata" jechuun uumaa isaa komata. Yaadni kun kan ibsuu Abdiin
sababii obboleetti isaa dhabeef dhiphinaa keessa seenuun yeroo itti uumaa isaa waliin waliitti
bu'insa uumaa jiruu hubanna.
Taalileen ergaa ulfooftee, obboleessashee Abdii fi jaalallee ishee Sooreessa jala baddee bosona
keessaa fi gara ba'uu dadhabdee baay'ee dhiphachaa jirti. Taalileee-" uuf! ayii! " millii ishee
baay'ee dhukkubee; garaa fii bu'aa ba'ii heedduu keessa waan deemaa turteef.Yaada kana irraa
Taalileen biyyaa ba'uuf bosonaa keessaattii haala kanan dhiphachuun ishee uumama waliiin
taasisuun isheeti jechuudha.
Taalileen yeroo ulfa turte, mana haadha Ayyaanaatti wa'ee ulfa'uu ishee fi jaalallee ishee
Sooreessa yaaduun sammuu isheetti baay'ee dhiphaattii.
Taalilee-"Sorry! uuf! maal taa'a laataa, akka joobiraa barristee dhuftee na ilaalte? mucaakee
kanas utuu ijaan ilaaltee, ahaa"! jetti ulfa ishee qaqqabachaa. Akka waraabbii kanatti Taalileen
ulfa osoo taatee jirtuu, jaalallee ishee dhabdee dhiphina sammuu keessa seente jirti. Akka walii
galaattii, waldiddaan Taaliileen sammuu ishee waliin gootu kanarraa waantii hubannu,
shamaarran hawaasa keessatti osoo maatiin hin beekiin ulfa'aan irra midhaan akka gahu fi
addunyaa dhugaa keessatti wadiddaan akkasii jirachuu danda'u hubachisa.
Kana malees, gosoota gosoota waldiddaa keessaa, keessaa waldiddaan faayidaa-midhaa fiilmii
kana keessatti ni mul'ata.
Namfakkiin waan faayida qabu yaadee, midhaan boodaa itti aanee dhufuun sammuu isaatti yoo
dhaga'amu yaada jedhu kan of keessaa qabudha.
Taalileen(Bosoneen) erga mucaa dhaltee, waldiddaa faayida - midhaa keessa sente jirti. Haatii
Ayyaanaa jalqaba bosona keessaatti Taalilee ulfaan fudhattee galte mucaakee yoo dhalte naa
keenni! lafan si kaasaa sii gargaara jettee turte. Akkuuma jettes erga Taalileen dhaltee mucaa
irraa fodhaachuun ariite. Taalileenis akka mucaashee irraa fodhatanii ari'an ollaa isaani kan
taatee addee Dararee kan jedhamtutti bo'uun himatte. Addee Darareenis Haadha Ayyaanaa
manasheetti waamtee araaqee akka dhugaan gochuun, osoo isaan ta'aanii araaqee dhugaani
manatti isaan dhistee deemuun bakka haati Ayyaana mucaa raffisaanii, Ayyaannaatiin eegii
jedhani mucaa fudhuun Taalileef kennite. Taalileen erga mucaashee fudhattees, yaadni ishee
waan lama irratti baay'ee dhiphatti. Innis tokkoffaa, .mana addee Dararee mucaashee waaliin
jirachuuf itti ulfate. Sababni isaas mucaamucaa baattee, hojii hojjeettee of gargaaruu hin
dandeessu. Lammaffaa yoo mucaa ishee dhistee deemte hojii hojjeettee of gargaaruu yaaltees,
mucaa ishee dhistee deemuun isheef midhaadha. Kana haa ta'uyyuu malee Taalileen murtoo
tokko fodhateetti yeroo seenaan fiilmiichaa( ) irra gaheetti.
Bosonee- "Egaa maal godha sinumaaf waqaattin kennadha" jetti mucaashee itti hixachuun.
Addee Dararee - "Ishiika homaa hin yaadda'iin gaafaa mucaakee yadde kottuu duubbisi, sifaan
guddisa"
Addee Dararee- " Hin gaddiin haadha tiyyaa, hin boo'iin dhuftee ilaalta gaafaa barbaaddee"
Bosonee- "Maal gochuun danda'a? mee jedhaa nan deemaa" jette mucaashee dhungaatte.
Yaada kanarraa kan hubannuu, Bosoneen mucaashee addee Dararareettii kennitee mucaa
isheerra faagachuun,midhaa itti ta'uu isaa hubanna. Kana malees, deemuun hojjeettuu mana
bunaa taatee qarshii argachuun isheemmoo isheef faayida ta'u isa nu hubachisa.
Walqabatinsi seenaa yookii jaargochii isaa bifa qinda'aa ta'een dhiyaate jira. Taateewwaan
fiilmii kana keessatti uumaman, bifa cedheedhummaa qabuun akkaata duraa dubaa rawwii
sirritiin dhiyaatani jiru. Kunis sadarkaaleen waldiddaa walqabatinsa qabachuu agarsisa.
Kana malees Taateen fiilmii kana keessatti rawwate qabatamumma qaba. Kana yeroo jedhu
taateen fiilmii kana keessatti rawwate addunyaa dhugaa keessatti waan rawwachuu danda'udha.
Akkasumas waan soba ta'ee waan namnii raawwachuu hin dandeenye yookiin addunyaa dhugaa
keessatti tasasumaa raawwatamuu hin dandeenyee kan dhiyeesse miti jechuudha.
Fiilmiin Cancala Jaalala qabiyyee yeroo dheeri a isaatii bifa fiilmii ni qaba.Garuu haala
dhiyyaanna taateewwan waldidda as keessatti mul'aatan yoo ilaallu Diraamaa waliin wala
fakkaata. kanas kan nu hubachisuu, waldiddaan fiilmij diraamaa haala tokkon hin dhiyaatu. Wal
fakkeeny qaba garuu guutuummatti wal hin fakkatu. Waldiddaan fiilmii cancala jaalala
baay'inaan kan diraamaa keessaatti uumamuun walfakkaata.
Boqonnaa Afur
Fiilmii kana keesssatti sadarkaaleen waldiddaa, gosoonni waldiddaa, keessaa fi alaattii addan
bahuun ragaan deeggaramuun dhiyaatanj jiru. Kana malees, waldiddaa fiilmii kana keessatti
barreessaan fayyadame ciminnii fi hanqinni isaani addaan bahuun qeeqamaniiru. Akkasuumas
hojii qorannoo kana galmaan gahuuf, galmeen sakatta'amee ragaan itti kennamee jira.
4.2 Argannoo
Barreessaan fiilmii cancala jaalala waldiddaa gosa baay'eetti fayyadamuun, dhamsa kaayyeeffate
dabarse jira. Akka walii galaatti gosoonni waldiddaa keessaa fi alaa kana keessatti ni argamu.
Haalli qindoomina waldiddaa isaas gaaridha.
Bu'uurri waldiddaa fiilmii kana hawaasa ka'umsa waan taasifateef, dhugooma adduunyaa kana ni
qaba.
Sababni uumama waldiddaa fiilmiichaas, rakkoolee hawaasa dararaa jiran ifattii baasuun akkaa
irraa baratamuuf, akkasumas kana galmaan gahuuf barreessaa fiilmii kana sadarkaalee
waldiddaa ka'umsaa hanga furmaatatti dhimma itti bahee jira.
4.3 Yaboo
Wabiilee
Alicia.O (1991):American Literature. New York :Mc Graw Hil Basu
Asafaa T.(2009): Eela Seenaa Ogummaa Oromoo,Finfinnee Far East Trading
PLC
Basu M.(2006): Encyclopidia of Lingustic ,India Anmol Publication Put.LTD.
New
Delh
Cassidy Jacky (1991): Enjoying Literature.New York ;Mc. Graw Hill.
Cudon J.A.(1991) The Pengium Dictionery of Literature terms and
Literary theory 3rd edition England.
YUUNIVARSIITII DIILLAA
KOOLLEEJJII SAAYINSII HAWAASAA FI
NAMUMMAA
MUUMMEE AFAANII FI OGBARRUU
OROMOO
CIMDII TAARIKUU
WAXABAJJII 2009,
DILLAA
YUUNIVARSIITII DIILLAA
KOOLLEEJJII SAAYINSII HAWAASAA FI
NAMUMMAA
MUUMMEE AFAANII FI OGBARRUU OROMOO
WARAQAA QORANNOO ULAAGAA DIGIRII
JALQABAA
AFAANII FI OG BARRUU OROMOO
GUUTTACHUUF
KOOLLEEJJII SAAYINSII HAWAASAA FI
NAMUMMAA
MUUMMEE AFAANII FI OGBARRUU OROMOO
YUUNIVARSIITII DIILLAAF DHIYAATE
WAXABAJJII 2009
DIILLAA
YUUNIVARSIITII DIILLAA
KOOLLEEJJII SAAYINSII HAWAASAA FI
NAMUMMAA
MUUMMEE AFAANII FI OGBARRUU OROMOO
QEEQA WALDIDDAA FIILMII AFAAN OROMOO
CANCALA
JAALALA KEESSATTI
WAXABAJJII
2009
DIILLAA
GALATA
Hunda dura jalqabaaf dhumakoo, wabii jireenya koo kan ta’e waaqayyoof galannii bara baraan
haa ta’u. karaa keessaan waaqayyoo akkan gara addunyaa kanatti dhufu kan na taasise abbaakoo
obbo Taarikuu Birruu fi Harmeekoo adde Tirfee Gaaromaa akkan carraa kanarra gahuuf baay’ee
na gargaartan, galanni keessaan guuddadha. Itti aansuun bakkan dogoggoretti na qajeelchuun
jajjabina guddaa kan naf kennan gorsaa koo barsiisaa Alii Kadiir guddaan galateeffadha.
Akkasumas hiriyyoota koo yaadan na gargaaran nan galateeffadha.
AXEREERA
Qorannoon kun kan irratti gaggeeffame waldiddaa fiilmii cancala jaalalaa. Sadarkaalee
waldiddaa fi gosoota waldiddaa achi keessa jiran addaan baasee, sababaa fi kaayyoowwaan
uumama waldiddaa sana gadii fageenyaan qorachuun,dhugooma addunya waliin wal qabsiisuun
ka’udha. Akkasumas ciminaa fi hanqina gama waldiddaatiin jiru qeequun ka’aamanii jiru.
Walumaa galatti barreessaan fiilmii tokkoo hojii akka kanabarreessuun dura sadarkaalee
waldiddaa fi gosoota waldiddaa akkasumas dhugooma addunyaan wal qabsiisee kalaqu qaba.