Anda di halaman 1dari 11

BOQONNAAA AFUR

4 CUUNFAA ,ARGANNOO FI YAADA FURMAATAAA

4.1 Cuunfaa

Qabooyaa’iigosootabarreeffamadandeettiiti.Barreeffamoonnidandeettiiakkumagosootaaddaad
daaqabanhaalliittiinbarreeffamaniiittiindhiyaatanisaddaaddadha.Barreeffamoonnikunneenakku
mallee,ergawwangaraagaraadabarsuiufnifayyadu.

Qaboon yaa’iis gosoota barreeffama dandeettii keessaa tokko ta’eee ergaawwan adda addaa
dabarsuuf kallattiiwwan adda addaan barreeffama. Qaboon yaa’ii gosoota adda addaatu jira.
Isaan kunneen hundiyyuu akkaataan itti ergaa dabarsan walfakkaataa miti.
Kanaafuu,barreessitoonni yaa’iitiin ergaa tokko dabarsuuf jechoota ni filatu.

Akkasumallee,qindoomin ayaadaa fi himootaallee qaboon yaa’ii ergaa barbaade akka dabarsuu f


gahee olaanaa taphatu, Barreessitoonni qaboo yaa’iis jechoota filatamoo fi yaada qindaa’ee
ergaa dabarsuu danda’utti fayyadamuun barreessuun yoo dhiyeessan fudhatamummaa
argatu,Qorannoo kana keessattis Qaboon yaa’ii Waajjira Barnootaa Aanaa Guduruu keessatti
gaggeeffame bal’inaan xiinxalameejira. Akkasumallee,Qaboon yaa’ii Waajjira kanatti
gaggeeffame haala gadi fageenyaan qaacceffamee dhiyaateejira.

4.2Argannoo

Qorataan kunqorannoo isaa kana yeroo hojjetu argannoo armaan gadii irra gahee jira,

1 Qaboo yaa’ii keessatti qabxiilee argaman sakatta’ee jira. Kanas bifa gadi fageenyaan
barruulee adda addaa dubbisuuniidha. Haala kanaan sakatta’a muun isaanii immoo
qaboon yaa’ii qabxiilee kana qabachuu isaa ifa baasee jira.
2 Barreessitoonni qaboo yaa’ii faayidaa qaboon yaa’ii dubbistootaa fi itti fayyadamtootaaf
qabu illee ifa baasanii kaa’anii jiru. Kun immoo faayidaa akkamii akka namoonni itti
fayyadamaniif kennu kan agarsiisudha.Kanaaf, qaboon yaa’ii faayidaa danuu akka qabu
ibsamee jira.
3 Barreessitoonni kunneen qaboon yaa’ii maal maal irratti akka hundaa’ee gaggeeffamus
ifa bahee ibsamee jira. Egaa barreessitoonni kunneen qaboon yaa’ii maal irratti
hundaa’ee akka gaggeeffamuu ifa baasanii barreessuun isaanii immoo qaboon yaa’ii
fudhatamummaa akka argatu taasisee jira.

4.3 yaada Furmaata


Barreessitoonni Qaboo yaa’ii kana keessatti qabxiilee qaboo yaa’ii ,faayidaaqaboo,qaboon yaa’ii
maal maal irratti hundaa’ee akka gaggeeffamu ibsanii jiru. Akkasumallee,akkaataa qaboon yaa’ii
itti barreeffamu ibsanii jiru.Kanamalees,barreessitoonni kunneen filannoo jechootaa fi
qindoomina yaadaatti fayyadamuun barreessuun isaanii ifatti mul’atee jira.

4.3 Yaada Furmaataa

Dhuma irratti argannoo isaa kana irratti hundaa’uun yaadota furmaataa itti aanan kaa’ee jira.

 Barreeffamoonni dandeettii ,dandeettii ilma namaa guddisuu keessatti faayidaa


olaanaa qabu ibseejira. Barreeffamoonni kunneen dandeettii dubbisuu,
dandeettii barreessuu, dandeettii waa kalaqanii barreessuu ilma namaaf isaan
ijoodha. Kanaafuu, barreeffamni dandeettii dandeettii ilma namaa guddisuu
waan danda’aniif barreessitoonni haala namoonni dubbisanii hubachuu
danda’aniin barreessuu qabu.
 Barreessitoonni kunneen qaboon yaa’iis haala namoonni hubachuu danda’aniin
barreessuun isaanii namoonni akka hubannoo guddaa irraa argataniif bu’aa
guddaa buusee jira.
 Dabalataanis barreessitoonni qaboo yaa’ii afaan gara biraan baay’inaan
barreessanii jiru. Garuu,osoo afaan oromoon barreeffamee dhiyaatee namoonni
hedduun dubbisuun dandeettii isaanii gama kanaan sadarkaa olaanaa irraan
gahatu. Akkasumallee,guddina Afaan Oromoof illee faayidaa guddaaqaba.

Bed.F M artin’s (2010), 9thedition ,Mike Markel technical Communication

CHABC.B.(2016) General Meeting Minutes ,Florida

Collins English Dictionary,


Deanna Murray (2016),Writing Forms of Minutes ,North America,

Harper Lui(2017),

Anda mungkin juga menyukai