XAAHIR TAJUUTIIN
WAXABAJJII, 2009
DIILLAA, ITOOPHIYAA
0
QAACCESSA ERGAA ASOOSAMA DHEERAA DHOKSAA JIREENYAA
YUNIVARSIITII DIILLAA
WAXABAJJII, 2009
DIILLAA, ITOOPHIYAA
0
QAACCESSA ERGAA ASOOSAMA DHEERAA DHOKSAA JIREENYAA
KOREE MIRKANEESSITUU
GORSAA-_______________________ _____________
____________________
QORAA________________________ -______________
____________________-
0
Baafata
Qabiyyee fuula
Galata…………………………………………………………………………………………………….
Axereeraa………………………………………………………………………………………………….
BOQONNAA TOKKO…………………………..……………………………………………………….1
1. Seensa…………………………………………………………………………………………………….1
1.1 Seenduubee Qorannichaa……………………..……………………..………………………………….1
1.2 ka’uumsa Qorannichaa………………………………………………………………………………….2
1.3 kaayyo Qorannichaa……………………………………………………………………………………3
1.3.1 kaayyoo Gooroo………………………………………………..………………………………….3
1.3.2 Kaayyo Gooree……………………………………………..……………………………………..3
1.4 Barbaachisumm Qorannichaa…………………………………………………………………….........3
1.5 Daangaa Qorannichaa………………………………….……………………………………………….4
1.6 Hanqina Qorannichaa……………………………..…………………………………………………….4
1.7 Malleen Qorannichaa………………………….………………………………………………………..4
1.7.1 Madda Odeeffannoo……………………………………………………………………………….4
1.7.1.1 Sakatta’a Barruu……………………………………………………………………………….5
BOQONNAA LAMA………………………………….………………………………….……………….6
2 Sakatta’a BARRUU…………………………………….………………………………………………..6
2.1 Maalummaa Og barruu………………………………………………………………..………………..6
2.2 Asoosama……………………………………………………………………………………………….6
2.3 Miseensota Asoosamaa……………………………………………………….………………………..7
2.3.1 Maalummaa Ergaa……………………………………………...…………………………………….7
2.4 karaalee ergaan ittiin darbu……………………………………..……………………………………...8
2.4.1 ergaa kallattii………………………………………………………………………………….…...8
2.4.2 ergaa al kallattii…………………………………………………………………………………….9
BOQONNAA SADI………………………………………………………………………………………10
DHIYEESSA, QAACCESSAA FI HIIKA RAGAALEE……………………………………...…………10
3 Qaaccessa Ergaa Asoosama Dheeraa Dhoksaa Jireenyaa………………………………………….……10
1
3.1 Ergaalee xixiqqoo ergaa ijoo asoosamichaa gabbisa……………………...…………………………..10
3.1.1 Gama Hawaasummaan……………………………………….………………………………….10
3.1.2 Gama Jaalalaatiin…………………………………...…………………….……………………..12
3.1.3 Gama Dinagdeetiin……………………………………..……………………………………….13
3.1.4 Gama Seenaatiin………………….……………………………………………………………..15
3.1.5 Gama Siyaasaatiin………….…….…………..………………………………………………...17
3.2 Ergaa Ijoo Asoosama Dheeraa Dhoksaa Jireenyaa……………………………………………………18
3.3 Ergaa Asoosama Dheeraa Dhoksaa Jireenyaa Haala Qabatama hawaasaa Waliin……………..…….18
3.4 Faayidaa Ergaan Asoosamaa Hawaasaaf Qabu…………………………….…………………………20
3.4.1 Faayidaa Gama Hawaasummaatiin…………………………………………………..…………..20
3.4.2 Faayidaa Gama Siyaasaatiin Jiru………………………………………………………..………21
BOQONNAA AFUR…………………………………………………………………………………..….23
4. CUUNFAA, ARGANNOO FI YAADA FURMAATAA…………………………………………...…23
4.1 Cuunfaa………………………………………………………………………….……….……………23
4.2 Argannoo………………………………………………………………………………………………23
4.3 Yaada Furmaataa……………………………………………………………...……….….…………..24
GALATA
Waan hunda dura hojii koo akka hojjedhuuf fayyaa naaf kennee mul’ata koo akka fiixaan baahuu
kan na taasise jalqabaa fi dhuma kook an naaf ta’e rabbiin galanni haa ga’u. itti aansuudhaan
maatii koo waan hundaan nacinaa dhaabbatanii akka barnoota kotiin jabaadhee sadarkaa kanarra
ga’uuf kan najajjabeessan galanni koo guddaadha. akkasumas yeroo fi human osoo hin qusatin
galma gahiinsa qorannoo kanaatiif kan yoo ani karaa irraa dabe naqajeelchuudhaan hanga
dhumaatti nawaliin socho’aa kan turte gorsituu koo Barsiistuu Hurrumee Daggafaatiif galanni
koo daangaa hin qabu.
Akkasumas qorannoo kana barreefama harkaan ture kana xumuraa kompitaraan akka barreessuuf
deegarsa guddaa kan naaf godhe hiriyyaa koo barataa Sulxaan Kadiiriif galanni koo daangaa hin
qabu.
AXEREERAA
2
Kaayyoon guddaan qorannoo kanaa ergaa asoosama dheeraa dhoksaa jireenyaa jedhu
,qaaccessuu yoo ta’u, ergaawwan asoosamichaas; gama hawaasummaan , jaalalaan , dinagdeen ,
siyaasaa fi seenaatiin qoqqoodamanii qaacceffamaniiru. Qorataan qarannoo kanaa mala
qorannoo akkamtaatti fayyadamuun ergaaasoosamichaa kan qaaccesse yoo ta’u , ergaawwan
asoosamichaas baay’inaan kan xiyyeeffatu siyaasa irrattii dha.
Kana malees, qorannoo kana gadi fageenyaan sirritti dubbisuun qaaccessanii hawaasaa
hubachiisuu fi miseensota asoosama biro fayyadamuun qaaccessanii hawaasa hubachiisuun
yaada furmaataa akka ta’e ibsameera.
3
BOQONNAA TOKKO
SEENSA
Ogbarruun ogumaa kalaqaa, ogumaa waa uumuu ta’ee, kan muuxxannoo jiruu fi jireenya
keenyaa haqa irratti ittiin yayyabnu (bu’uuressinuu) fi ammoo akka qabatamutti miidhagsinee fi
faayinee ittiin ibsinuudha. Ogbarruun mala ittiin waan hawaasaaf barbaachisu tokko waliif
dabarsinu, waan ammoo beekkumsa ilmaan namaatti waa cobu tokko ittiin walii galfannuudha.
Yaada kana Asaffaan (2009;21) yoo ibsu; literature is a creative work of which express the truth
of experiences interims of beauty to be comprehended, and it is means of communicating ideas
of actual and social significance. Yaada kanarraa kan hubatamu, ogbarruun qabata jiruu fi
jireenyaa labata dhufuu fi lufu kan ittiin faarsuu ykn qeequu, ibsa muuxannoo jiruu fi jireenyaa,
mala sona aadaa fi hawaasummaa ittiin dabarsan ogumaa ilmaan namaa tahuu isaati.
Dabalataanis Biraanuu (1999:8) ogbarruu yoo ibsu, ogbarruun ogumaa waa’ ee namootaa tahee,
namootaan qindaahee, namootaaf kan dhiyaatuudha. Yaada kanarraa kan hubannu; ogbarruun
hojii kalaqaa sammuu ilma namaa keessaa maddu tahee haala jiruu fi jireenya hawaasa Sanaa
kan calaqqisiisuudha.
Ogbarruun ogumaa karaa barreeffamaatii fi afaaniitiin jiruu fi jireenya dhala namaa hunda
karaalee kanneeniin kan agarsiisuudha. Innis gosoota hedduu of keessaa qaba. Isaanis, asoosama
dheeraa, asoosama gabaabaa, diraamaa fi walaloo fa a dha. Kanneen jechoota filatamoo miira
namaa kakaasuu danda aaniin ittiin fayyadamanii waa ee jiruu fi jireenyaa dhala namaa kan
seenessanii dha.
Gosoota ogbarruu barreeffamaa keessaa asoosamni dheeraan hojii qorannoo kanaa wajjiin kan
wal qabatu waan taheef haala armaan gadiitiin kan ilaalu ta a. asoosamni dheeraan seenaa dhala
namaa jalqabaa kaasee hanga dhumaatti dheerinaan dhiyaatuu dha. Yaaduma kana Malaakneh
(1999:44) galmee jechootaa websters wabeeffachuun yoo ibsu; Novel is an invented prose
narrative that is usually long and complex, and deals with human experience through connected
sequence of events.” Jechuun ibsa. Yaadni kunis kan agarsiisu asoosamni dheeraan seeneffama
1
dheeraa fi wal xaxaa bifa hololootiin dhiyaatuu fi muuxannoo ilma namaa karaa taa uumsotaan
wal duraa duubaatiin dhiyeessuu akka ta’ eedha.
Akka Misgaanuun (2012:10) ibsutti; Asoosamni tokko kan ittiin kalaqamee dubbistoota bira
gahu miseensota mataa isaa tahe qaba. Isaanis; jaargocha, seenaa, namfakkii, waldiddaa,
yoomessa fi ergaa faadha. yaada kanarraa kan hubannu asoosamni tokko yommuu jamaadhaaf
dhiyaatu miseensota asoosamichaa kanaan haguuggamee dubbistoota bira gahuu isaa kan
ibsuudha.
Ergaan miseensota asoosamaa keessaa isa guddaadha. Yaada kana ilaalchisee Misgaanuun
(2012:24) yoo ibsu; Asoosamni tokko yommuu qophaahu kaayyoo qophaahuuf qaba. Innis
dubbistoonni dhuma seenichaa irratti barumsa ykn ergaa (hubannoo) isaan argataniif
qayyabatanidha. Yaada kanarraa kan hubatamu dubbistoonni (jamaan) asoosama tokko erga
dubbiseen booda dhaamsa (ergaa) asoosamichi dabrsuu barbaade karaa ittiin hubatuu dha.
Ergaa Alicia (1991:147) yoo ibsu; Theme is the main idea of that the writers of literary work
communicate to the readers. Yaada kanarraa kan hubatamu ergaan (dhaamsi) yaada ijoo hojii
ogbarruu tahee, karaa ittiin barreessaan dhageeffatoota waliin ittiin wal qunnamuu dha.
Qorannoon tokko yommuu adeemsifamu rakkoolee adda addaatiif fala barbaadudhaaf udhaafi.
yaaduma kana ilaalchisee kitaabni World Book Encyclopedia Vol.4 (1994:442) Yoo ibsu; critism
is plays an important role in every art form. jedha
Yaadni kunis hojii ogummaa kamiiyyuu keessatti qaacessi gahee guddaa akka qabu kan
agarsiisuudha. Kanaafuu ogbarruun tokko guddachuudhaaf qeeqnii fi qaacessi daran
barbaachisaadha. Kana malees barreessitoonni ogbarruu oromoo hanqina argamee fi cimina jiru
tokko akka fooyyeffatanii fi akka itti fufan gochuudhaaf qeeqni barbaachisaadha. Kanaafuu
2
qorataanis kanuma bu uura godhachuudhaaf Asoosama dheeraa Dhoksaa Jireenyaa jedhu gama
ergaa isaatiin kan qaacesseedha. Qorannoo kana keessatti gaaffilee bu uuraa armaan gadiitiif
deebii kennuu yaaleera.
3. Ergaan asoosama Dhoksaa Jireenyaa haala qabatama hawaasaa waliin maal fakkaata?
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa kan irratti bu uureeffatu qaaccessa Ergaa(dhaamsa) Asoosama
dheeraa Dhoksaa Jireenyaa irratti hundaa uun kan gaggeeffameedha.
1. Ergaaleen xixiqqoon ergaa ijoo Asoosamichaa gabbisan maal fa’a akka ta’ an ni addeessa.
2. Ergaan ijoon Asoosama Dheeraa Dhoksaa Jireenyaa maal fa’a akka ta’e ni ibsa.
3. . Ergaan Asoosama dheeraa Dhoksaa Jireenyaa haala qabatama hawaasaa waliin maal
akka fakkaatu ni ibsa.
3
Namoota Asoosama dubbisaniifis ta ee barreessaniif haala ergaan Asoosamaa ittin
hubatamu agarsiisudhaaf.
Qorataan kun qorannoo kana yommuu gaggeessu hanqinoonni isa mudatan; Kitaabolee wabii
afaan qorannichaa dhabuuu, yeroon qorannichaaf kenname gabaabachuu, baasii qorannichaaf
qabame hanqachuu, fa a. Haa ta’ u malee qoratichi rakkoolee isa mudatan kanaaf gama isaatiin
yaada furmaataa barbaaduun rakkoo isa qunname salphisuudhaan qornnicha fixaan baasuu
danda’ eera.
Qorataan kun qorannoo kana yommuu gaggeessu malli qorannoo inni itti fayyadame gosoota
mala qorannoo keessaa mala qorannoo akkamtaati. Addunyaa (2011;60) yoo ibsu; Malli
qorannoo akkamtaa odeeffannoo aslii kan rakkoo qoratamu sana gadi fageenyaan dhiyeessuun
argannooof haala mijeessuu irratti humna qaban irratti xiyyeeffata. Yaada kanarraa kan hubatamu
mala qorannoo akkamtaa keessatti argannoowwan jiran jijjiirama osoo hin agafrsiisin waanuma
4
jecheen jiru bal’ inaan xin xalluuudha. Kanaafuu, qorataan kun mala qorannoo kannatti
gargaaramee qorannoo isaa geggeessera.
Maddi odeefannoo qorannoo kana keessatti ittin gargaarame madda odeefannoo sadarkaa
lammaffaati.
Sakattaan barruulee kun kan inni irratti xiyyeeffatu hojiiwwan kanaan dura dhimmicharrati
hojjetaman yookiin kan isaan ilaallaturratti hojjetaman sakatta uu dha. Addunyaa (2011;57) Beng
wabeefachuun yoo ibsu; A literature review is an account of what has been published on a topic
by accredit scholars and researched jedha. Yaada kanarraa kan hubatamu qorannoo tokkoof
hojiiwwan kanaan dura hojjetaman sakatta uun daran barbaachisaadha. Akkasumas qorannoo
kana keessatti kitaabicha qorannoo irratti geggeeffamu gadi fageenyaan dubbisuudha.
Walumaagalatti madda ragaa qarannoo kanaa kitaabilee adda addaa qorannoo kanaan wal
qabatan bubbisuun, yaadannoo qabachuun, raga kitaabicha keessa jiru waliin madaaluun
qaaceffamee ibsii fi hiikni itti kennameera. Haaluma kanaan ergaalee asoosamichaa keessa jiran
haala asoosaan fayyadame irratti hundaa uun qaaceffamanii dhiyaataniiru.
5
BOQONNAA LAMA
SAKATTAA BARRUULEE
2. Maalummaa Ogbarruu
Ogbarruun ogumaa umrii dheeraa qabuudha. Ogummaan umrii dheeraa qabu kunis karaalee
lamaan dhiyaachuu danda a. Kunis karaa afaanii fi barreeffamaati. Kanarraa kan ka e ilmi namaa
yaada isaa karaa barreeffamaatiin ibsachuu osoo hin jalqabin dura ogumaa gama afaaniitiin
fayyadamaa kan tureedha. Yaaduma kana ilaalchisee Malaakneh (1999;1) Bilenskin
wabeefachuun yoo ibsu; Literature is the last and the highest expression of the thought of people
manifested in words. jedha. Yaada kanarraa kan hubannu; ogbarruun ibsa yaada ummataa isa
olaanaa fi isa dhumaa kan jechootaan ibsamu akka ta’eedha. maalummaa ogbarruu gosa lamaan
erga kana jennee; dhimmaa qorannoo kanaatiin kan wal qabatu ogbarruu barreeffamaa maal akka
fakkaatu haa ilaaluu.
6
2.1 Maalummaa Asoosamaa
Asoosamni gooroowwan ogbarruu keessaa tokko ta ee, taateewwan addunyaa dhugaa deebisee
kan nuuf odeessuudha. Akka galmeen jechootaa Oxford Advanced Learner Dictionary
(2006:300) ibsutti; Fiction is a type of literature that describing imaginary events and peoples not
real ones---thing that is invited or imagined and is not true. Akka galmee kanaatti asoosamni
gosa ogbarruu ta’ee iddoo fi namoota barreessaan kalaqamanii, garuu dhugaa hin taane kan nuuf
ibsuudha. Wantoonni kalaqaman yookiin uumaman kun dhugaa miti. Ibsa kanarraa kan
hubatamu; asoosamni gochoota addunyaa dhugaa keessatti raawwataman irratti hudaa’ee kan
kalaqamu ta’uu isaati.
Asoosamni hojii kalaqa sammuu ilma namaati. Innis kan barreessitoonni gochoota addunyaa
dhugaa keessatti namoota hawaasa keessa jiraataniin raawwataman, Akkasumas, raawwatamuuf
ta’an kan ittiin baasanii barreessaniidha. Yaaduma kana kan deegaru Kitaabni World Book
Vol.7(1994:351) yoo ibsu; Fiction is a story created from authors imagination. it may have
written in prose or verse. Akka yaada kannaatti asoosamni seenaa yaada sammuu barreessaatiin
uumamuudha. Inni hololoo yookiin walaloon barreeffamuu danda’a. Dabalataanis Askley fi
kanneen biro (1989:511) yoo ibsu; A Novel is an extend fictional prose narrative. A novelist
creats an imaginary word in order to present readers with particular vision of life. The greater
lengh of the novel gives writer greater freedom and scope in representing life than the short story
does. Yaadni kuni kan nubachiisu; Asoosamni dheeraan seeneffama dheeraa bifa hololootiin
barraa’uudha. Barreessitoonni asoosama dheeraa dubbistoota mul’ata jireenyaatiin kallattiidhaan
wal simsiisuun addunyaa uume. Garaa bal’achuun asoosama dheeraa barreessitootaaf
birmadummaa ol’aanaa fi daangaa malee asoosa gabaabaa caalaa akka yaada isaanii keessatti
calaqqisiifatan isaan taasisa.
7
asoosamaa kana keessaa qorannoon kun kan irratti bu’uureffatu Ergaa (dhaamsa) asoosamaa
ta’uu isaati.
Ergaan asoosama tokkoo kan beekkamu danda’u haala qabatamaa asoosamichi dhiyaateen wal
qabateeti. Akka Alicia (1991:147) ibsutti; Theme is the main idea that the writers of literary work
communicate to the readers. Jechuun ibsa, Kana jechuun ergaan yaada ijoo hojii ogbarruu tokkoo
ta’ee karaa ittiin barreessaan dubbistoota yookiin daawwatoota waliin wal qunnamuuti. Akka
yaada kanaatti Ergaan dhimmi cimaa barreessaan waan taajjabee dabarfachuu barbaadu,
akkasumas, dubbii ijoo yookiin daandii barreessaan fi dubbistoota walitti fidee wal qunnamsiisuu
danda’u ta’uu isaa yaada olii irraa hubachuun ni danda’ama.
Dabalataanis ogbarruun tokko yommuu barreeffamu, akkasumaan cal jedhee osoo hin taane,
kaayyoo tokkoof barreeffama. Malaakneh (2008;189) akka jedhutti, the theme of story is the
most significant as aspects of the literature work and what the authoring to convey by writng the
work and the theme will not always by simple or abvious. jedha. yaada kanarraa kan hubannu;
ergaan hojii ogbarruu tokko keessatti garri caalu barbaachisaa akka ta’ee fi karaa salphaan kan
ibsamne ta’ee, dhoksaan kan dhiyeessu akka ta’ee dha.
Walumaagalatti ergaan hojii ogbarruu tokkoo keessatti; hawaasummaa, siyaasa, seenaa, aadaa,
jaalala, dinagdee fa’a ta’ee darbuu danda’a.
Akka Encyclopediao of Lingustic (2006; 228) ibsutti dhaamsi yookiin ergaan hojii ogbarruu
keessatti dhiyaatu karaa lamaan dhiyaachuu danda’a. kunis karaalee kallattii fi al kallaattiin
dhiyaachuu danda’a jechuun ibsa. Yaada kanarraa kan hubannu; ergaan asoosamaa tokko
karaalee kanniin lamaaniin dhaamsa isaa jamaa dhaqabsiisuu danda’a.
Karaalee ergaan hojii ogbarruu keessatti dhiyaatu keessaa isa tokkoo dha. Akka Encyclopedia of
Linguistic (2006 ;229) ibsutti ergaan kallattiin darbu barreessaan kallatuummaan dhimmi
dabarfachuu barbaade sana ibsee dhiyeessuu dha. Jechuun ibsa. Yaada kanarraa kan hubannu
8
hojii ogbarruu kamiiyyuu keessattibarreessaan kallattiidhan akka dubbistootaaf yookiin
dhageeffatootaaf haala salphaan galuufii danda’utti danddeettii isaatti fayyadmee ergaa isaa
biraan gahu ta’uu isaa hubannaa.
Walumaa galatti ergaan hojii ogbarruu kamiiyyuu keessatti barreessaan kallatimaan dhimmi
dabarfachuu barbaade ifa gochuun kan dhiyeessuudha. Akkasumas ergaan kallattii seenaa
tokkokeessatti dhuma iiseenichaa irratti kan argamu fi barreessaadhaan yookiin qoodattoota
seenichaatiin kan dhiyaatuudha.
Ergaan al kallattii akka isa alkallattii osoo hin taane karaalee namfakkoota dawoo godhateen
bu’aa bahii isaan keessa darbaniin dhiyaachuu danda’a. Akka Cassidy (1991;118) ibsutti; ergaan
al kallaattii barreessaan kan waa’ee waliigala jireenya Sanaa murtaa’ee tokko ibsuuf
barreessuudha. Kunis karaa al kallattii miseensota seenaa keessaa tokkoon dhiyaachuu danda’a
jechuun ibsa. Yaada olii kanarraa kan hubatamu, ergaan karaa al kallattii caacculee asoosamaa
bu’uuraa godhachuun darbuu akka danda’uudha.
Dabalataanis akka yaanni olii kun ibsutti; ergaan al kallattiin al kallattiin dhiyaatu haala
barreessaan seenaa asoosamaa Sanaa itti ijaare dhiyeesse irraa hubachuun ni danda’ama. Kunis
mata duree seenichaarraa, amala namfakkoonni mul’isan irraa, akkaataa yoomessi itti
ibsamerraa, ijaarsa jaargochaa, walitti bu’iinsa namfakkootaa giddutti ta’uusaa dhaamsa (ergaa)
karaa al kallattiin hubachuun ni danda’ama jechuun ibsa. yaada kanarraa kan hubannu, ergaa al
kallattii haala ijaarsa seenaa asoosamicha barreessaan itti qindeessee fi caacculee asoosamichaa
seenaa asoosamichaa keessatti argaman bu’uura godhachuun ergaa al kallattii kan argamuudha.
BOQONNAA SADII
9
B oqonnaa kana jalatti asoosamichi akka qaaccefamuuf filatame Ergaan isaa maal akka fakkaatu
ni ilaalamu. We interpret texts, according to the rules of several different theories at a time. All
literary theories are lenses through which we can see texts. Akka yaada barreeffama kanaatti
barreeffama tokko seerota yaada hiddamoota garaagaraa irratti hunda’uun hiikna. Yaada
hiddamoonni og barruu hunduu leensota ittiin barreeffamaa ogbarruu ilaaluu dha.
Ergaaleen xixiqqoon asoosama kana keessatti mul’atan, gama garagaraatiin mul’achuu danda’u.
isaanis; gama Hawaasummaan, jaalalaa, Dinagdeetiin, Seenaa irratti xiyyeeffachuun bakka
afuritti qoodamanii ilaalamaniiru. Tokkoon tokkoo isaan akka armaan gadiitti haa ilaalluu.
Ogbarruu dhimmoota hawaasa kanneen akka mudannoo, muuxxannoo fi kan kana fakkaatan
kanneen jiruu fi jireenya keessatti nama mudatan kaasee ni hubachiisa, barsiisa, ni
akeekkachiisa, gorsa, ni jajjabeessa, dhugaafi karaa itti agrsiisa. Social criticism concerns it self
with the social funcition of texts. kana jechuun qeeqni hawaasummaa qeeqa barreeffama raawwii
hawaasa waliin wal qabatuudha.
Qorataan kunis Asoosama Dheeraa DHOKSAA JIREENYAA jedhu kan Abdii Fiixee
Qanaa’aatiin barreeffame ergaa gama hawaasummaan jiran akka armaan gadiitti haa ilaalluu.
Asoosama kana keessatti yeroo Marartuun dhukkuba kaansariitiin qabamtee miidhaan guddaan
isheerra ga’u ni mul’ata. isheenis akka fayyuu hin dandeenne, hiriyyoonni ishee fi Doktoroonni
ishee yaalan irraa wanta itti himamuun abdii kutattee jirti. Haa ta’u malee kana hunda irraa
haftee nama ilmoo argattuu taate.
Namni Marartuun luubbuun jiraattee mucaa godhatti jedhee yaade hin turre.
Isaan dhukkuba ishee argan hundi du’a ishee egaan turan. guyyaan inni kun
10
Jireenya ishee har’aa kun isaaniifuu dhoksaa ture . (Dhoksaa jireenyaa:
2014:312)
Waraabbii armaan olii irraa ka n hubannu, namni tokko jireenya hamaa (gadadoo) fedha keessa
turullee guyyaa tokko milkaa’uun isaa waan hin oollee dha. Akkasumas du’aa fi jireenya namaa
kan murteessu akka namni yaadu osoo hin taane, waaqa qofa akka ta’e nu hubachiisa.
Yaada armaan olii irraa kan hubannu, jiruu fi jireenya keessatti abbaa warraa fi haati warraa
sababa hinaaffaatiin yeroo addaan bahan ni mul’ata. Kanaafuu hinaaffaan waliin jireenya maatii
tokkoo giddutti akka hin barbaachifne nu hubachiisa.
Yaada kanarraa kan hubannu, Hinaaffaan rakkoo cimaa kana namatti fiduu fi lubbuu namaa
baasuu akka danda’u nu hubachiisa. Akkasumas wal hinaaffaa haadha warraa fi abbaa warraa
gidduutti ilmoon dhalattee kophaa haftee miidhamuu ishee nu hubachiisa.
Akka asoosama kanaatti haalli jireenya Ameerikaa yeroo tokko tokko ni ulfaata.
Warraabbii kanarraa kan hubatamu, dubbartoonni yeroo Ameerikaa dhaqan Aadaa ofii akka
dagatanii fi safuu hawaasaa keessaa dhufanii dhiisanii kan warra Sanaa fudhatanii yeroo jiraatan
11
ni mul’ata. Kun immoo barbaachisaa akka hin taane nu hubachiisa. Kanaafuu warraa achiis ta’ee
kan biyya keessaa aadaa fi safuu saba keenyaa dagachuu akka hin qabne nu hubachiisa.
Ogbarruu fayyadamuun jaalalaa gosa adda addaan jiran ibsachuun ni danda’ama. Isaanis; jaalala
biyyaa, jaalala haadhaa, jaalala saala faallaa Yookiin hiriyyaa jaalalaa, jaalala hojii fi kan kana
fakkaatan ta’uu danda’a.
Asoosama kana keessatti Ayyaanaan fi Marartuun waal jaalachuudhaaf yeroo wal morman ni
mul’ata. Kunis yeroo Ayyaanaan ishee jaalachuudhaaf bu’aa ce’ii hedduu keessaa darbu ni
mul’ata. (Kitaabicharraa kutaa 14 fuula 214) yoo ibsu;
Ayyaanaan harka isaa korboorraa fudhatee, hammatee ofitti ishee qabe. Hiika
jaalalaa ba’aa walii baachuudhaan siin jedham. Jaalalaa jechuun gadda. Walii
hirmaachuu dha. Marartuu maaliif keessa koo na dhokfatta? Maaliif ofii
Dhiphattee anas dhiphifta Marartuu? Natti haasa’i.
Yaada armaan olii kanarraa kan hubannu,yeroo Ayyaanaa gara malee ishee jaalateetti isheen
ammoo garmalee yaaddoo keessa seentee dubbachuun itti ulfaate. Kunis Maratuun isa jibbitee
osoo hin taane jireenyi ishee jeeqaa jiraachuu ishee dubbatti. Kanaafuu namni tokko waan
sammuu isaa keessatti isa dhiphise baasee yoo hiriyaa isaatti qooddatee furmaata akka argatu nu
hubachiisa.
Yeroo isheen Alamaayyoo biraa galtu sagaleen sirbaa ta’e wayii gurra ishee bu’ee naasise.
12
Yaada armaan olii kanarraa kan hubannu, nama amanuun ni ulfaata (hin amanamu) barreessaan
waa’ee bardaa kan dubbachaa jiru osoo hin taane, waa’ee dubartii osoo abbaa warraa qabdu
nama biraa wajjiin jiraattu agarsiisa. Akkasumas dubartiin qaama ofii tolfannaan nama maallaqa
(horii) qabu barbaaddi jechuudha. Kun ammo jaalala keessatti amala hin barbaachifne fi
qabeenyi jaalala ta’uu waan hin dandeenyeef irraa akka of qusatan nu hubachiisa. Akkasumas
jaalalli qabeenyaaf ijaarame guyyaa qabeenyi sun dhume, ni dhuma waan ta’eefi. Kanaafuu
qabeenyaaf jedhanii nama jaalachuun hin barbaachisu jechuu dha.
Dabalataanis yeroo Ayyaanaan fi Yaadaniin wal jaalatanii bu’aa bahii jireenyaa hedduu keessa
darban aggarra. Ayyaanaan fedha harmee isaatiin ala yaadanii jaalatee jira. Sababa kanaaf
harmeen isaa akka inni Yaadanii fuudhu hin barbaadu.
Harmee! Jedhee hafuura ciccitaa, jireenyi koo hiiki namummaa kootii ishee dha.
Isiniif dhala hiyyeessaa ta’uu malti. Baruumsi ishee homaa isnitti fakkaachuu
dhiisuu danda’a. anaaf garuu deegi ishee qabeenya koo, jaalala isheen anaaf
qabdu. Abdii fi wabii jireenya boriiti………ittiin jedhe. (Dhoksaa Jireenyaa:
2014:157)
Yaada armaan olii kanarraa kan hubatamu; Ayyaanaan harmee isaatiin, isheedhaan ala jiraachuun
hin danda’u. isheedhaan ala jireenyi isaa akka hiika hin qabne itti hime. Akkasumas jaalalli akka
hiyyummaan akka hin daangeffamne mul’isa. Kanaafuu yeroo tokko tokko maatiin keenya yeroo
qabeenyaa fi intala abbaa jabaa malee akka hin fuune yeroo ilma isaanii rakkisan ni mul’ata. Kun
immoo barbaachisaa akka hin taane nutti agarsiisa.
Ogbarruun fayyadamuun dinagdee hawaasaa yookiin kan biyya ofii ibsachuun ni danda’ama.
Kunis soorama, hiyyummaa yookiin deega ta’uu danda’a.
Marxism is concerned with labour pracises, class, theories and economics, especially as
concerned with the struggles of the poor and oppressed. Does this texts reflects an economic
ideology? What is the attitude toward labour furhterd by this texts? Waraabbii kanarraa kan
hubatamu, akka yaada Maarkiisiizimiitti yookiin yaadni maarkiziimii shaakala hojii gita yaa
13
hiddama fi dinagdee, keessumaattuu qabsoo hiyyeessotaa fi cunqurfama waliin kan wal qabatee
dha.
Kan ati biyyaa bateef isaaf mitii? Mee abbaa kee dhukkubsataa sana yaadi. Utotoo
maallaqni isaa jiraatee bakka baarbaadettui yaalchistee hin fayyiftuu? Harmee kee
dullumnii fi deegni umrii da’te irtti seseequu sana mee ilaali. harka qabdee deega
keessaa maatii kee baasuu hin barbaaduu? Utoo dhukkubnii fi dullumni si dursee
gaabbii keessaa sihin gatin osoo isaan lubbuun jiran harka irra qabuu hin faeetuu?
Moo hanaga isaan dulloomannitti eegda? Qarshiin yoo du’a oolchuu baatellee
lubbuu dheeressuu hin danda’ama. Aannanee! (Dhoksaa Jireenyaa: 2014:78)
Waraabbii armaan olii irraa kan hubannu; yeroo shamarran maallaqaan sobamanii mana isaanii
diigan ni mul’ata. Kun immoo namni qabeenyaan sobamee rakkoo garagaraa keessaa akka seenu
nutti agarsiisa. Akkasumas shamarran yeroo biyya ormaa deeman karaaleen isaan maallaqa
walitti qabaniin maatii ofii gargaaran nama biyya jiruuf hin beekkamu. Kana waan ta’eef, nuti
maatii keenyaaf fi of jijjiiruuf deemne illee haala safuu oromoo hin cabsineen qabeenya
horachuu akka qabdu nu hubachiisa.
Dabalataanis Asoosama kana keessatti ummanni oromoo yeroo biyyoota ormaa jiraataa tura nitti,
jireenya jiraachuuf kan deemaniidha. Haa ta’u malee haalli qabeenya itti argatan ulfaataadha
Ameerikaan biyya itti duugdaa cabanii, lafa haxaawanii, otoo miilli rommuu
ijjaajjaa Oolanii, jaarsaa fi jaaretii duloomaa tiiksanii, dhaqna dhiqanii, ganama
manaa bahanii qaxa lamaan halkanii mana deebi’an, biyya sirrii dhumaatti, Dafqii
dafqa kee nyaadhu! jedhu kun keeessatti hojiirra oole ta’uu dubatu. Isa dhugaa
jiraatu qofa. (Dhoksaa Jireenyaa: 2014:40)
Waraabbii armaan olii irraaa wanti hubatamu; Ameerikaan biyya dinagdeen ishee guddateedha.
Kana akka ta’u kantaasise namni hojii isaa irratti cimee hojjetaa waan turee fi ammas hojjetaa
jiruudha. Kanaafuu namoonni biyya keenyaallee qabeenya horachuudhaaf hojii osoo hin tuffatin
14
hojjechuun barbaachisaa akka ta’e nu hubachiisa. iddoo hawwan hunda ga’uudhaaf cimaanii
hojjechuun barbaachisaadha.
Seenaan ta’iinsota darban kan Asoosaan yookaan hawaasaa fi biyya isaa irratti raawwataman
deebisee kan mal’suudha. Raawwiin kunis kan hawaasa keessaatti baay’ee ulfaataa,
suukanneessaa fi kan dagatamuu hin qabne kan ta’ee dha.
Biographical (new historisms) critisim. it may be important aspect of the new historical
approach.how does the text reflect authours life? Kana jechuun qeeqni seenaa haaraa akkamitti
barreeffamanii tokko haala jireenya barreessaa akka calaqisiise kan ibsuu dha.
Is this text extension of the authorits position on issues in the authoretis life? All pericpective
tend to reflect a concern with the period in wich a text is produced or read.
Waraabbii kana irraa kan hubannu; barreeffamni kun dhimmi ka’e irratti jireenya barreessaa
keessatti ejjannoo barreessaa hangam calaqisiise? Kana malees, haalli hundinuu yeeroo yookaan
bara barreeffamichi keessaa qophaa’ee fi itti dubbifamee kan agarsiisuudha.
Asoosama kana keessatti yeroo namoonni sababa rakkoo gara garaatiin biyya isaanii gadi dhiisuu
dhaan gabrummaan jiraatan ni mul’ata.
Yaada armaan olii kana irraa kan hubatamu; biyya keenya keessatti baroota darban
(mootummoota darbanii) keessatti yeroo human abba irrummaatiin bulamaa turuu isaa agarsiisa.
Kun ammo akka namoonni biyya isaanii gadi dhiisanii koolgaltummaan biyya ormaa jiraatan
nama taasisa. kana malees yoo kaleessa lubbuuf nama barbaadu har’a hoo akka biyyatti
deebi’amu labsama.kun immoo ummata sobee mana hidhaatti galchuuf malee lammii oromoo
biyya ormaa jiraataniif yaadamee akka hin taane nu hubachiisa.
15
Akkasumas soolan bakki jireenya isaa nama beekkamuu miti. Nama waliin jiraachuu hin
barbaadu, keessumaayyuu qomoo isaa waliin jiraachuu hin fedhu. Amalli isaa qofa galeessa kan
ta’ee dha.
Akaakayyuun isaa Roobaa Joobir qe’ee inni dhalate keessatti nama urjii ilaalanii
maqaa namaa moggaasaan turan. Yoggaa Soolan dhalatee gadi ba’anii urjii
ilaalanii, Gurbaan kun ayyaana Arbaa dhalate. Namni ayyaana araba kana
dhalate immoo joortuu ta’ee akka deemeetti karaa irratti hafa. jedhanii haasa’u
namoonni akaakkayyuu isaa san beekan. (Dhoksaa Jireenyaa: 2014:84)
Yaada armaan olii irraa kan hubatamu; ilmi namaa yeroo dhalatu amala akkamii, biyya akkamii,
jiruu fi jireenya akkamii keessatti akka dhalatu wanti beekamu hin jiru. kanaafuu Soolan akka
carraa ta’ee guyyaa akkanaa dhalachuun isaa dhoksaa jireenyaa isaati. akkasumas namni kan
qe’ee isaa, saba isaa, fira isaa, qomoo isaa, irraa ba’ee jiraachuun isaa sirrii akka hin ttneedha.
Kanaafuu namni yoo qomoo ofii waliin jiraate seenaa gaarii saba ofiitiif ooluu akka danda’u nu
hubachiisa.
Ergaan asoosama dheeraa dhoksaa jireenyaa kun Siyaasaa dhaan kan walqabateedha. Asoosamni
siyaasaa biyya tokkoo ibsuun, faarsuun, ceepha’uun, komachuun, ni danda’ama. Biyyi tokko kan
adda ishee taasisu siyaasa mataa ishee qabdi. Kanas asoosaan asoosama gargaaramuun siyaasa
biyya tokko yommuu ibsu argina. kanaafuu asoosama kana keessatti ergaan ijoon asoosamichaa
akkamitti akka mul’ate ragaalee armaan gadiitiin dhugoomsuuf yaalameera.
Asoosama kana keessatti yerooTPLF fi OPDOn osoo waliin hojjetanuu wal amantii dhabuu
isaaniitu mul’ata. kunis (Dhoksaa Jireenyaa: 2014:108)
Wanti si gaddisiisu tokko dhaaba sana irraa TPLF illee amantaa irraa hin qabdu.
Waraabbii armaan olii kana irraa kan hubatamu; dhaaba OPDO kana ummata oromoo tiifis bu’aa
nuuf buusa, nuuf hojjeta jedhee wanti isa abdataniif akka hin jirree ni mul’ata. TPLF illee isaan
waliin osoo hojjetanuu amanamuu dhabuun isaanii dhoksaa gama keessa isaanii jiruu dha. As
cittanii ummata keenya hin taane, achi citanii isaan biratti amanamummaa hin arganne, ni
16
mul’ata. isaan lamaan gidduuttillee rakkoon akka jiru ni mul’ata. Akkasumas warri OPDO ta’an
kun karaa jireenya isaanii ittiin fooyyeffataniidha, malee ummata oromootiif hojjenna jedhanii
wanti isaan dhaabbatan hin jiru.
OPDO ta’uun isaa hamaa hin qabu, Marartuu, tarii filannoo dhabee jireenya isaa
moo’achuuf murtoo inni godhate ta’uu mala. darbees walabummaa osoo
qabaatanii dhaaba sana keessa taa’anii ummata ofiitiif waan baay’ee hojjechuun
inuma danda’ama. (Dhoksaa Jireenyaa: 2014:107
Yaada armaan olii irraa wanti hubatamu; Namni tokko dhaaba kana keessallee osoo jiraatee
rakkoo saba isaa keessa jiru hubachuufii wanti isa dhoowwe hin jiru. kanaafuu warri dhaaba
kana keessa jiru kun yoo garaa ofii qofaaf kan yaadu ta’e sirrii akka hin taane hubachuu qaba.
Dabalataanis Yeroo Ebbisaa fi Milkeessoon mana bunaa taa’anii waa’ee qabsoo dubbata;
Akkaataan bulchiinsa yookiin hoogansaa ummanni oromoo yeroo ammaa ittiin bulaa jiru, faallaa
fi sammuu abbaa biraa fuudhee ummata keenya yeroo ittiin doomsu ni mul’ata.
You Know What? jedhe qaroo ija isaa walitti dhiphisee halaala ilaalaa. Ogganaa
akka Amaaraatti yaadee akka Oromootti nu geggeessuu fedhu waliin qabsoo
geggessuu nuffee mana deebi’ee galee jira ummanni kun! (Dhoksaa Jireenyaa:
2014:66)
Waraabbii armaan olii kana irraa kan hubatamu; hooggansa gubbaan isaa oromoo fakkaatu kan
duubni isaa saba biro ta’e maqaa jijjiiratee nama bulchuuf deemu waliin sochoo’uun akka qabsoo
saba oromoo irratti gufuu guddaa uume ni hubatama. Gogaan isaa oromoo fakkatee lafeen isaa
immoo Amaara yoo ta’e inni akkasii sun fakkeessee bulaa ta’uu isaa nu hubachiisa.
Ergaan ijoon asoosama kanaa baayinaan siyaasaa irratti kan hunaadaa’eedha. kunis ergaaleen
xixiqqoon gama hawaasummaan, jaalalaan, dinagdeen, seenaa fi siyaasaatiin jiran kun
waltumsanii ergaa ijoo gama siyaasaatiin jiru kana kan gabbisaniidha. Akkasumas ergaaleen
xixiqqoon ergaa ijoo kan gabbisan kunis karaa alkallattiitiin kan dhaamsa dabrsaniidha. Kunis
17
dhoksaa jireenyaa kallattii kanaan jiran kana maaltu akka dhoksaa jireenyaa ta’e ergaalee
xixiqqoo keessatti ibsamee jira. kanaafuu dhoksaan jireenyaa kun gama hawaasummaan,
jaalalaan, dinagdeen, seenaatiin jiran kun ergaa ijoo dhoksaa jireenyaa asoosama kanaa kan
agarsiisaniidha. Haaluma kanaan barreessaan asoosama kanaa asoosama isaa keessaatti waan isa
keessa jiru gama dhoksaatiin ergaa isaa dabarfatee jira.
3.3 Ergaa Asoosama Dheeraa Dhoksaa Jireenyaa Haala Qabatama Hawaasaa Waliin
Ergaan asoosama dhoksaa jireenyaa kun haala qabatama hawaasaa waliin kan wal qabateedha.
asoosamni kun dhugummatti wanta kaleessa hawaasa keessa jiruu fi har’as keessa jiru kan
agarsiisuu dha
Dargiin isaan akka nama saanduqa kakuu waaqaqyyootti itti marsanii taa’an isaan
tarkaanffatoota erga rasaasaan akaaayee fixee booda, boodarra ammo goolii
diimaa jedhee dargaggoo I’haappaa ajjeesee, reeffa dargaggeessaa lafa irraa
hafuutti ka’e. halkan takkatti dargaggeessa meeqa ajjeesee reeffa karaa dura afuutti
ka’e. kanuumaaf, anaaf hirriyyootan koo du’a kana baqa gara goon darii fi
matammaa achumaan suudaanitti ce’e. boodas carraa faara nu qajjeffattee jennaan
dhufnee biyya kana qubanne. (Dhoksaa Jireenyaa: 2014:91)
Waraabbii armaan olii irraa kan hubatamu, hawaasni oromoo bara mootummoota darbaniis ta’ee
kan ammaa keessatti yeroo lubbuu isaanii baraaruuf biyya ormaatti koolgaltummaan jiraatan ni
mul’ata. kun immoo hawaasni keenya yeroo ammaa kana biyyoota garagaraa keessatti yeroo
isaan faca’anii jiraan qabatamaan kan mul’atuudha.
Karaa biraatiin asoosama kana keessatti qabatamaan kan mul’atu, kunis hawaasa keessatti yeroo
Haati warraa fi Abbaan warraa sababa garagaraatiin yeroo walitti bu’anii addaan ba’an ni
mul’ata.
Keessi Ebbisaa nagaa dhabeera, nagana mana isaa keessaa boora’uun jireenya
isaa keessatti kan qaawwa guddaa uume caala itti dhaga’ame. (Dhoksaa
Jireenyaa: 2014:70)
18
Waraabbii kanarraa wanti hubatamu; yeroo haadha warraa fi abbaan warraa mana tokka keessatti
walii galuu dhaban, mana sana keessatti jeequmsaa fi aariin kan hammaatuudha. Kunis jiruu fi
jireenya keessatti rakkoon akkanaa kun qabatamaan akka jiru nu hubbachiisa. Sababa kanaatiin
xiin sammuun namaa akka miidhamu nutti agarsiisa.
Akkasumas yeroo ijjoolleen Haadhaa fi abbaa isaanii sababa garagaraatiin irraa dhuman (biyyaa)
baqatanii, Daai’mman sun yeroo rakkatan ni mul’ata.
Kan intala isaanii sanatu nama gaddisiisa. yoona mootummaatu fuudhee guddisee
fa’a eegaa! namni hidda dhaloota ishee hin beekne, nama maatii ishee hin beekne,
nama aadaa fi seenaa ishee (Dhoksaa Jireenyaa:2014:94)
Waraabbii armaan olii irraa kan hubannu; yeroo maatiin sababa walii galtee dhabuutiin gargar
bahanii Daa’imman nama guddisu dhabuudhaan karaa irratti haftee miidhamtu ni mula’ata. Kun
immoo maatiin jiruu fi jireenya isaanii keessatti amalaan walqabatee, maatii isaallee, aadaa fi
safuu seenaa isaa barsiiffachuu akka qabu nu hubachiisa. Kunis hawaasa keessatti qabatamaan
kan mul’atuudha.
Ergaan asoosama tokko bu’aa hedduu hawaasaaf qabaachuu danda’a. Asoosamni dhoksaa
jireenyaa kunis ergaan gama isaatiin jiru hawaasaan bu’aa akkamii akka inni buuse yaa illaalluu.
Faayidaa gama hawaasummaatiin jiru kun yeroo hawaasni jiruu fi jireenya isaa keessatti wanta
Asoosama dheeraa dhoksaa jireenyaa jedhu kana keessatti yeroo maatiin yoo ilmi isaanii intala
takka jaalatee ni fuudha jedhee, karoorse, qabeenya, ilaaluudhaan, yookiin immoo Hiyyummaa
warra intalaa tuffachuudhaan yeroo fedha ilma isaanii dhabsiisan ni mul’ata.
Yaadaniin jibbiinsa harmeen Ayyaanaa isheedhaa qaban baruun yeroo itti hin
fudhanne. Isa kana garuu dursiteeyyuu raagdee jirti. Hameenyaaf osoo hin taane
qabeenyaaf ta’uu, hubatteetti. Kun immoo haaluma sadarkaa jireenyaa ofii ittiin
madaalaniidha. (Dhoksaa Jireenyaa: 2014:144)
19
Warraabbii armaan olii irraa kan hubatamu; hawaasni oromoo yeroo tokko tokko qabeenyaa fi
olaaantummaa ofii mul’isuudhaan maatii warra hiyyeessaa intala fuudhuu fi itti heerumsiisuu hin
barbaadan. kunis immoo barbaachisaa akka hin taane ni mul’ata. Hawaasni asoosama kana yoo
ergaa isaa hubatee rakkoo hawaasa keessaatti mul’atu kana irraa ifd ittisuudhaan fayyadamaa
akka ta’u nu hubachiisa. kanaafuu kallattii kanaan ergaa asoosamaa tokkoo hawaasaaf bu’aa
buusuu danda’a.
Akkasumas Asoosamicha irraa kan hubatamu; yeroo namni tokko hiriyaa isaan hin fakkaanne
(amalaan tokko hin taane) filatanii jiruu fi jireenya isaanii keessatti rakkataan ni mul’ata.
Asoosama dhoksaa jireenyaa kana keessatti ni mul’ata
Yoo Zarihun haasa’ee fixu, Oliiqaan hiixachaa, kan darberaa hubannee, kan
dhufuuf of fooyyessuun hiree namummaati. anaaf ati garuu, kan darberraa kan
hubbanne natti hin fakkaatu. badii wal fakkaataa irra dedeeebinee dalagaatii jirra.
(Dhoksaa Jireenyaa: 2014:54)
Warraabbii armaan olii irraa kan hubatamu, hiriyyoonni lamaan kun yeroo badii hin taanee fii
dhugaatii alkoolii dhuguudhaan rakkoo garaagaraatiif saaxilamaa turanii gaabbiin itti dhaga’ame.
Ofumaa rakkoo isaanii hubatanii yeroo hal deebisuudhaaf yaadan ni mul’ata. Kun immoo
namoonni yeroo hiriyaa wal qabatan nama amala gaarii qabuu fi araada adda addaa irraa bilsa
kan ta’e wajjiiin osoo jiraatanii gaarii akka ta’e nu hubachiisa. Hawaasni waan isaan miiidhamaa
turan kana hubatee irraa of qusachuun fayyadam akka ta’u nu hubachiisa.
Faayidaan ergaa asoosama tokko hawaasaaf qabu gama siyaasaatiinis isaan fayyaduu kan dan
da’a. kunis asoosama dwal qoodeeheeraa dhoksaa jireenyaa jedhu kana keeessaatti ni mul’ata.
20
Waraaabbii armaan olii irraa kan hubannu hawaasni oromoo iddooofi sanyii dhalootaan wal
qoodee, siyaasa isaanii geggeesssan ni mul’ata. Kuni immoo oromoon akka gosummaan wal
qooduu fi walii galtee akka hin qabne ni mul’ata. Kanaafuu asoosamicha kanarraa hawaasni
gosummaan dhaan ani Arsii, ani Wallagga jedhee wal qooduun kun siyaasa sabni oromoo qabu
dadhabaa fi laafaa akka taasise ni hubatama. Kana waan ta’eef hawaasni keenya maal keessa
akka jiru, of ilaalee of hubachuun dhaan, fayyadama akka ta’u nu hubachiisa.
BOQONNAA AFUR
4.1 Cuunfaa
Ogbarruun qabata jiruu fi jireenya labata dhufuu fi lufu kan ittiin faarsu yookiin qeequ ibsa
ilmaan namaa ta’uu isaati. Ogbarruun kunis ogbarruu barreeffamaa fi dubbiin darbu, jedhamuun
bakka lamatti qoodamu. ogbarruun barreeffamaa kanneen akka asoosamaa, diraamaa walaloo fi
kan kana fakkaatan of jallatti kan hammatuu dha. Ogbarruun dubbiin darbu immoo afaaniin
dhalootaa dhalootaatti kan darbuudha.
Gosoota ogbarruu barreeffamaa keessaa asoosamni dheeraan isa tokko ta’ee seenaa dhala namaa
jalqabaa kaasee hanga dhumaatti dheerinaan kan dhiyeessuudha. kuni miseensota isaa
hirmaachisuudhaan kan dhiyeessuudha. Miseensota asoosamaa jiran keessaa ergaan isa
guddaadha.
Qorataan qorannoo kanaas barruuwwaan sakatta’uun ergaa asoosama dheeraa dhoksaa jireenyaa
jedhu, gama hawaasummaan, gama jaalalaan, siyaasaatiin, dinagdeen fi seenaatiin jiran mal akka
fakkaatan qaaccesseera. Kuni baay’inaan siyaasa irratti kan xiyyeeffatu ta’uu isaa hubatameer.
21
4.2 Argannoo
Ergaan ijoon asoosama dheeraa dhoksaa jireenyaa jedhu kun baay’inaan gama
siyaasaatiin ta’uu isaa hubatameera.
Ergaan asoosama dheeraa dhoksaa jireenyaa kun haala qabatamaa dhugaa hawaasaa
keessa jiru kan agarsiise ta’uu isaa irra ga’ameera.
Qorannoo kana keessatti ergaan asoosamaa dheeraa dhoksaa jireenyaa jedhuu kun al kallattiin
ergaa dabarsuu irratti waan baay’atuuf dhoksaa isaa sirritti gadi fageenyaan dubbisuun hubachuu
fi hawaasa hubachisuu, kana malees miseensota asoosama irratti rakkoo fi hanqina jiru
hubachuun, sirreessuu fi dabalataanis asoosamoota kanneen hafan qaaccessu, dubbistootaa haala
mijeessuun guddina ogbarruutiif ni gargaara.
Ergaan asoosamaa tokko kallaattii garagaraatiin akka hubatamu, hawaasni osoo asoosama
dubbisee gadifageenyaan hubatee gaariidha.
Ergaan asoosama tokkoo haala qabatama hawaasaa waliin walqabtee akka barreeffamu
hubatamuu qaba.
Ergaan asoosamaa tokko hawaasaaf bu’aa akka qabu hawaasni hubachuu qaba.
22
WABIILEE
Assaffaa Tafarraa (2009). Eela. Seenaa Ogumaa Oromoo. Finfinnee, Maxxansaa Far Eest
Trading PLC.
Biraanuu Maatiyoos (1999). Fundamental of Literature. Addis Ababa; Alpha Printer PLC.
23
Wehmier.S.(editor). (2006). Oxford Advanced Learner’s.Italy; Oxford University press
___________ (1994). Ecncyclopedia(Vol. 12.) United State of America. World book Inc.
Ibsa Mirkaneessaa
Ani kan maqaa fi mallattoon koo asii gaditti dhiyaate qorataa qorannoo kanaa yemmuu ta’u
qorannoon kunis kana naan hojjetame yoo ta’u , namoota biro irraa kan garagalfamee miti.
Hojiin kuni hojii koo ta’uu isaatiin wabiilee qarannoo kanaaf itti dhimmi bahe mara
galateeffadheera.
Waraqaan qorannoo kana ana gorsaa yunivarsiitichaatiin erga mirkanaa’ee booda qormaataaf
kennameera.
24
Maqaa Mallattoo Guyyaa
25