Anda di halaman 1dari 32

BOQONNAA TOKKO

1. Seensa

1.1. Seenduubee Qorannichaa

Afoolli aadaa, seenaa, duudhaa, haala jiruufi jireenya Saba tokko kan ittiin ibsataniidha.Afoolli
aadaa uummata oromoo keessatti baay’ee beekkamaafi iddoo olaanaa kan qabudha. Kanarraa
Kan ka’e uummanni oromoo aadaa, duudhaa, seenaa hedduu qabu keessaa Kan akka faaruu,
amantaa, falaasama, gadda, gammachuu, hawwii, fedhii, eenyummaa, siyaasa kan ittiin walii
dabarsaa har’a gahan afoolaniidha.

Afoolli dhaloota dhalootatti Kan darbuu afaaniin.Yaada Kan ilaalchisee malaakneen (2009:12)
akka ibsetti “oral literatures is refers to the verbal heritage of mankind mouth’’ jedha.Yaada
kanarraa kan hubannu afoolli hambaa seenaa kan dubbii afaaniin dhaloota dhalootatti dabarsaa
ture ta’uusaati.Kana malees qabatama haala hawaasa tokko keessatti raawwatamu kan
mul’isuudha.

Akkasumas jiruu fi jireenya Saba tokkoo keessatti gahee olaanaa qaba. Kan yoo jennu afoolatti
fayyadamuun seenaa darbe yaadachuu fi haala ammaa irra jiru hubachuu, qeequu fi wanta gara
fuula duratti nuu ta’a jedhanii yaadan ibsachuuf kan ittiin gargaaramaniidha.Gama
biraatiin,namoonni afoolatti dhimma bahuun eenyummaa fi fedhii isaanii kan ittiin
ibsataniidha.Akkasumas amala gaarii ta’an kan ittiin jajjabeessanii fi kan gaarii hin taane immoo
kan ittiin dhabamsiisaniidha.Afoolli kunis gochaan yookiin jechaan darbuu danda’a.

Karaa birootiin, afoolli dhalootarra dhalootatti afaaniin darbaa waan deemuuf jijjiramni irratti
mul’achuu danda’a.

Walumaa galatti yaada armaan olitti eeraman irraa kaanee afoolli damee fookloorii keessaa
tokko ta’ee ogbarruu uummataa kan afaaniin dhaloota dhalootatti darba ture akka ta’an
hubatama.Afoolli Oromoo dameewwan hedduu akka qabu ni hubatama.isaan keessaa weeduu
ateetee isaa tokkoodha.Maalummaa weedduu ateetee ilaalchisee Haayiluun (1994;4) yoo ibsuu
“weedduun ateetee sanyii ogafaanii kan jiran keessaa tokko ta’e afaaniin dhaloota dhalootatti kan
darbuudha,’’ jedha.Haaluma wal fakkatuun Waldaa yohannis (1998;184) irratti yoo ibsuu “

1
weedduun ateetee ayyaana sabni oromoo ayyaaneffatu keessaa tokkoodha; kan dubartootaati,
kan weeddisus dubara. Mirga duudhaa fi safuu hawaasa eeguuf, akkasumas araarama waaqaa
kadhachuuf (gaafachuuf) gahee guddas qabdi’’ jedha.

Akka waraabbi Kan irraa hubatamutti, weedduun ateetee kan dubartoota ta’uufi wanta dabe kan
ittiin qajeelchan, akkasumas seera wanta jallate kan ittiin sirreessan fi yoo rakkoo adda addaa
uummata Oromoo muudate kan waaqaa ittiin kadhatan ta’uu isheeti.

1.2. ka’uumsa Qorannichaa

Qorannoon Kun weedduu ateetee irratti xiyyeeffata. Weeduun ateetee gosoota ogafaanii keessaa
isaa tokkoofi duudhaa hawaasaa wajjiin kan walqabateedha. Qorannoo tokko gaggeessuuf wanti
Nama kakaasu jirachuu qaba. Yaada kana ilaalchisee Addunyaan (2011:53) yoo ibsuu “ka’umsi
qorannoo tokko dhugaa hawaasa keessatti yookiin waa’ee hawaasichaa dhimma
barreeffamerratti mul’atu dhimmichi rakkoo yookiin qaawa jiru tokko duuchuuf yookiin yaaxina
tokko haaromsuuf ibsa bal’aa dhimmichatti kennu qaba’’ jedha. Qorattuunis mata duree
qorannoo filattee hojjachuuf kan kakaase keessaa inni guddaan barreessitoonni hedduun waa’ee
weedduu ateetee barreessaani jiru ta’us qabiyyee isaa wajjiin wanti barreeffame baay’innaan
waan hin argineef,weedduu ateetee aanaa xiyyoo keessatti hanga ammatti qorannoon irratti
gaggeeffame waan hin arginiif, akkasumas weedduu ateetee yeroo ammaa hawaasa oromoo
godina arsii aanaa xiyyoo haala kamiin akka jiru baruuf.

Akkasumas gaaffilee bu’uuraa qorannoo armaan gaditti ka’aniif deebii kenna jedhamee
abdatama.

1 .Weedduun ateetee maali?

2 .Hirmaattoonni weedduu ateetee eenyu fa’i?

3 .Weedduun ateetee hawaasa aanaa xiyyoo biratti yeroo akkami weeddifama?

2
4. Qabiyyeen weedduu ateetee maali fa’a?

5 .Weedduun ateetee hawaasa aanaa xiyyootiif faayidaa akkam qaba?

6 .Weedduu ateeteef hawaasni aanaa xiyyoo ilaalcha akkami qaba?

1.3 Kaayyoo qorannichaa

1.3.1 Kaayyoo Gooroo

Kaayyoon walii gala qorannoo kanaa weedduu ateetee godina arsii aanaa xiyyoo
qaacceessuudha.

1.3.2 Kaayyoo Gooree

1 . Maalummaa weedduu ateetee ibsuu,

2. Hirmaattoota weedduu ateetee ibsuu,

3. Yoomeessa weedduu ateetee hawaasa aanaa xiyyoo agarsisuu,

4. Qabiyyee weedduu ateetee ibsuu,

5. Faayidaa weedduu ateetee hawaasa aanaa xiyyootiif kennu ibsuu,

6 .Ilaalcha hawaasni aanaa xiyyoo weedduu ateetee qabu ibsuu,

1.4 Barbaachisummaa Qorannichaa

Weedduun ateetee akkuma ogafaan biroo fi duudhaa hawaasa kan biroo uummata biratti
barbaachisaa fi murteessaadha.Akkasumas kan uummataati, waan uummataati.Gabaabumatti
weedduun ateetee barbaachisummaan isaa eenyuuf kan jedhuuf deebii kenna.Kanaaf
barbaachisummaan isaa kan armaan gadii ta’a.

 Qorannoon Kun barreeffamaan qophaa’uun isaa aadaa hawaasa badiif dagatamuuf akka
hin saaxilamne gochuuf fayyada.

3
 Biroo aadaa fi turizimii aanichaaf qorannoo Kan akka bu’uuraatti fudhachuudhaan kan
irra dhaabbatanii kan biroo qorachuuf fayyada.
 Namoota qorannoo mataduree Kan irratti gaggeessaniif akka madda wabiiti fayyada.

1.5. Daangaa Qorannichaa

Qorannoon tokko sirritti gadifageenyaan qorachuuf bakkanis ta’ee qabiyyeen daangeffamuun


barbaasichaadha. Qorannoon Kun kan gaggeeffamuu Godina arsii aanaa xiyyoo yoo ta’u,
matadureen qorannoo kana weedduu ateetee irrattiidha. Sababni daangeffamuu qorannichaas
jalqaba irratti bakki qorannoo iddoo dhaloota waan ta’eef namoota odeeffannoo irraa
funaannatuun walbaruuf yeroo itti hin fudhatu. Kun immoo yeroo gabaabaa keessatti
odeeffannoo akka funaannatuuf gargaara. Kana malees bal’ina dachee oromiyaa, heddumina
ogafaan uummata oromoo irraa kan ka’e humna baajataafi yeroo gahaa waan hin qabneef
ogafaan jiran keessaa qacceessa weedduu ateetee irratti daangeessitee jirti.

1.6. Hanqina Qorannichaa

Qorannoo tokko gaggeessuu keessatti bu’a bayiin nama muudatan hedduudha. Kan jechuun
bu’aa hojii sanaa argachuuf dhama’uudha. Waan tokko hojjatan bu’aa argachuu keessatti
gufuun nama qunnamuu danda’a. Gufuu kanas cabsanii keessa darbuuf kutannoofi obsa
qabachuun barbaachisaadha. Haaluma kan hanqinoonni yeroo qorannoo kana adeemsiiftu
keessatti qorattuu muudatee keessaa akka ijootti kan ka’an kanneen armaan gadiiti;-

 Odeeffannoo funaanuu keessatti haala mijataa dhabuu. Fakkeenyaaf, namni odeeffannoo


irra fudhatu yeroo barbaadamuu fi bakka barbaadameetti argamuu dhisuu.
 Hanqina mallaqaa hojii qorannoo kanaa gaggeessuuf mallaaqni dhimma adda addaatiif
barbaachisan gahaa ta’uu dhabuu.
 Qorannoo kana gaggeessuun qorattuuf yeroo jalqabaa waan ta’eef beekumsa gahaa
dhabuu

4
BOQONNAA LAMA

2. Sakattiinsa Barruu

2.1 Maalummaa Afoolaa

Afoolli qabeenya uummata oromoo kan akka galaanaa bishaanii sammuu nama keessatti
kuufamee dhaloota dhalootatti darbuun hambaa hojii fi dandeettii kalaqa hawaasichaati.Afoolli
damee ogummaa keessaa tokko ta’ee, kan hawaasni durii jalqabee seenaa, aadaa, duudhaa,
falaasama, amantaa fi eenyummaa isaanii dhalootaa gara dhalootatti afaaniin waliif dabarsaa kan
turaniidha.Yaaduma kana ilaalchisee Soofiyaan(1999:1) afoola yoo ibsitu “afoolli afaaniin
dhaloota dhalootatti darbaa kan dhufee fi darbaa kan jiru,fuulduraatis kan darbuu damee
ogbarruu saba tokkootti’’jechuun ibsite.Kana malees,Abarraan(1995:134) irratti afoolli uummata
kamiyyuu osoo hin daangessin akkuma ogbarruu yaada,falaasama, aadaa fi duudhaa uumaa
namaa ifa godha jechuun lafa ka’eera.

Dabalataan melekneh (1999:254) afoola ilaalchisee yoo ibsu, “oral literature is refers to the
verbal heritage of mankind transmitted from generation to generation by word mouth. It includes
such antiquary treasures as folktoles proverb, riddles, myths, legends, joke songs,$ folk
poetry’’jechuun ibsa.Yaadni kun kan nu hubachisuu afoolli kan jechaa hanbaa namoota jecha
afaaniin dhaloota dhalootatti ittiin daddarbuudha. Isaanis Kan akka meeshaalee turee gati
qabeessaa ta’e, durdurii, himtee, amantaa fi kan biroolee kan ofi keessaa qabu jechuun kan
ibsuudha.

Afoolli seenaa uummata oromoo calaqqisiisuu fi ibsuu keessatti bu’aa hedduu qaba.Yaaduma
kan ilaalchisee Misgaanuun (2011:6) afoola yoo ibsu “Afoolli ibsituu aadaa fi calaqqisiistuu
eenyummaati’’jedha.

Yaada kanarraa kan hubannu afoolli sabni tokko aadaa akkam akka qabu ,mallattoo eenyummaa
saba fi sabni saba akkamii akka ta’e ibsuuf ni gargaara jechuudha.Kana malees,ruqaalee
ogbarruu barreeffama hammachuu kan danda’uu fi dhalootarraa dhalootatti darbuu kan danda’u

5
barreeffamaan osoo hin taane bifa ogafaaniitiin kan darbuu fi umrii dheeraa kan
qabudha.Yaaduma kana ilaalchisee Finnegan(1970;81) afoola yoo ibsitu “inspite of the very real
significance of these variations of one striking characteristics of oral distnict from written
literature is verbal variability’’ jetti.

Akka yaada waraabbii kan irraa hubannutti uummanni bal’aan osoo hin baratin hawaasni kan
kuufate afoolli dhaloota dhalootatti kan darbu akka ogbarruu barreeffamaa osoo hin taane
afaaniin kan dhaggeeffataan fuulleetti bahanii hawaasni carraa waliif kennuun bifa afoolichaatiin
himamsaan kan dabarsan jechuudha.Kana malees, afoolli falaasama hawaasa tokko ifa baasee
ibsuuf kan gargaaruudha.

Haaluma walfakkaatuun Geetachoon (2008:18) Afoola yoo ibsu “afoolli seenaa,aadaa fi


eenyummaa dhaloota darbee himinsaan,afaaniin dhaloota dhalootatti kan dabarsaniidha’’
jedha.Akka waraabbii kana irraa hubatamuutti afoolli baataa aadaa,duudhaa, safuu, muuxannoo
fi muudannoo hawaasa tokko ta’uu isaati. keessattuu uummata oromoo biratti afoolli calaqqee
(daawwitii) eenyummaa kan keessatti of ilaallatan ta’uu isaati.

2.2 Amaloota Afoolaa

Afoolli akkuma ilmaan namaa amaloota garagaraa kan qabuudha.Kunis ilmaan namaa wajjiin
yeroo dheeraa waan tureef jedha. Hayyuun afoola keessatti qooda mataa isaa fudhate, Asaffaan
(2009:24) .Kanumatti dabaluudhaan misgaanuun(2011:31) afoola yoo ibsu’’Afoolli amaloota
hedduuu kan qabuudha ‘’jedha.

2.2.1 Uummatummaa

Afoolli akka hojii ogbarruuwwan kan biroo kan nama tokkoo yookiin muraasaatii miti. Afoolli
qabeenya uummataati.Yaada kana ilaalchisee Misgaanuun (2011:31) yoo ibsu “yeroo jalqabaaf
namni tokko kalaquu danda’a. Garuu amala lufummaa irraa kan ka’e dubbatamuun daddarbaa
waan yeroo dheeraaf tureef adeemsan irraanfatamuu ni mala. Kanaaf afoolli kan nama
dhuunfaa osoo hin taane kan ummataati’’jechuun ibsa.

6
Akka waraabbii armaan olii kanarraa hubatamutti afoolli nama dhuunfaan jalqabamus yeroo
booda abbaan waan dagatamaa deemuuf kan uummataa ta’uu isaati.

Dabalataan afoola ilaalchisee, Jaarraafi wasanee(2008:166) irratti yoo ibsu, “Afoolli akka kitaaba
abbaa barreessetti kan waamamu miti,uummata sanaan waamama malee”jedha.Akka yaada
waraabbii kanatti, Afoolli qabeenya uummanni waliin itti fayyadamu ta’uu isaafi kan nama
dhuunfaa akka hin taane nama hubachiisa. Akkasumas dhugummaan afoolaan kan mirkanaa’uun
uummata itti fayyadamu sanaan ta’uu isaati.

2.2.2 Lufummaa

Lufummaan Haala afoolli dhaloota tokko irraa kan itti aanutti darbuudha.kunis Karaa lamaan
dhaloota irra dhalootatti darba. Isaanis haasaa afaanii fi gochaan dhalootatti kan dabarsan
miseensota hawaasaati. Jaaraa fi wasanee (200:164) .Dabalatanis, lufummaa ogafaani ilaalchisee
Finnegan (1970: 139) yoo ibsu, “the approach that need to considered conserving transmission
of oral poetry from far back communal things,”jedha.Akka yaada kanatti, Afoolli dur irraa
kaasee afaaniin daddarbaa kan dhufee ta’uu isaati. Kana jechuun Afoolli bakkuma dhaabbateeti
kan hafuu miti; dhaloota tokkoo irraa kan itti aanuuti daddarbaa deema.

2.2.3. Midhagummaa

Midhagummaan afoolaa amala afoolaa keessaa tokko ta’ee kan bifa qalbii daawwataa,
dhaggeeffataa fi dubbisaa hawwachuu danda’uun, akkasumas, miira sammuu dubbisaa keessatti
uumuu danda’uun kan qophaa’uudha.(misgaanuu, 2011:33).

Akka yaada kanaati Afoolli midhagummaa isaa yoo ummanni haala hawwataa yookiin
kaka’umsa qabuun hordoofeedha. Dhaamsa dabrsuu barbaade sana haala bareedaan, jechoota
sammuu namaa booji’aniin miira nama keessatti uumuu danda’anii kan qophaa’u ta’uu isaati.
Kunis akka afoolli sun hin dagatamneef waan itti yaadamee qophaa’e fakkaata.

2.2.4. Jijjiiramummaa

Afoolli jijjiramuuf baay’ee saaxilamaadha. Akkuma adeemsi hawaasaa haala jiruu fi jireenyaa

7
Waliin walqabatee jijjiiramaa deemuu afoollillee walumaan jijjiiramaa deema. Bu’uurri afoolaa
hawaasa waan ta’eef,Afoolaa fi hawaasni gargar bahanii jiraachuu hin danda’an.( Jaaraa fi
wasanee,2008: 167). Yaaduma kanatti dabaluun Berhanuun (1991:4) irratti yoo ibsu, “an other
character of oral literature is carried by memory and it is delivered by word of mouth. The
performance may introduce variation in wording structure or content” jedha.

Akka yaada hayyuu kanatti, amaloota afoolaa keessaa sammuu keessatti kuufamuu jechoota
afaaniin daddarbanii fi raawwiin himamuu keessaa jijjiiramni, jechoota, himaa, caasaa
(qabiyyee) mul’achuu isaati. Akkasumas, afoolli dhaloota dhalootatti yeroo darbu wanti irraa
hir’atu yookiin itti dabalamu jiraachuu isaati. Kun immoo afoolli akka jijjiiramaaf saaxilamu
godha yaada jedhu qaba. Kanumatti dabaluudhaan wanti hubatamu, afoolli jijjiramummaan ala
bahee jiraachuu akka hin dandeenya nama hubachiisa.

2.2.5 Hurrubummaa

Hurrubummaan amala afoolaa keessaa tokko yemmuu ta’u, innis afoolli akka lubbuu horatuu
kan taasisuudha. Hurrubummaan jiraannaan afoolli lubbuu horachuu isaa waanuma jiru
jechuudha.Hawaasni aadaa isaatti yeroo dhimma bahuu afoolaan gargaaramuun isaa waan
beekamaadha. Yemmuu afoolatti dhimma bahuu immoo hurrubummaa raawwachuun isaa waan
hin ooledha.Yaada kana Misgaanuun (2011:2) irratti yoo ibsu ‘’hirmaannaan hawaasni sirna
tokko keessatti raawwatuu hurrubbii jedhama’’ jechuun ibseera.

2.3 Faayidaa Afoolaa

Faayidaaleen afoolaa hedduudha. Isaanis ibsuu, cimsuu, fi dabarsuu, too’achuu, miliquufi


barsiisuudha. (Jaaraa W.B fi W.B Yaadatu (2000:169))

2.3.1. Ibsuu (descriptive)

Faayidaa afoolaa kun gaaffilee naannoo keenyaa irraa ka’aniif deebii kenna. wantoota naannoo
keenyatti argamaniif hubannoo cimaa ta’e dabarsa. Misgaanuu (2011:35) yoo ibsu “gaaffilee

8
naannoo irratti ka’aniif, gaaffii daa’immaan eessaan dhuftee wantootaa irratti kaasanii fi kan
biroo deebisuuf gahee ol’aanaa qaba’’ jechuun ibsa.

2.3.2. Cimsuu FI Dabarsuu

Afoolli jireenya hawaasa tokko keessatti gahee ol’aanaa qaba. Afoolli amaloota gaggaarii
hawaasni qabu dhaloota dhufuuf akka darbuufi cimee akka itti fufu taasisa. Wasanee (2006:170)
irratti yoo ibsu “Afoolli aadaan fuudhaa fi heerumaa, aadaa, ateetee, aadaan walkabajuu cimee
akka itti fufuu taasisuudha’’ jedha. Yaada kanarraa Kan hubannu afoolli aadaa gaarii hawaasni
akka cimee itti fufuu taasisa jechuudha.

2.3.3 Too’achuu (Controlling)

Hawaasni amaloota gadhee ta’an akka balaaleffatu, amaloonni gaarii ta’anii fi fudhatama qaban
immoo cimanii akka itti fufaan eega.Wasanee (2006:170) afoolli amaloota gadhee ta’an
balleessuun, gowwummaa, dhabamsiisuu, abshalummaa kan barsisuu ta’uu ibsa. Walumaa
galatti, afoolli safuu hawaasaa eeguu keessatti gahee olaanaa taphata.

2.3.4.Barsisuu(Teaching)

Afoolli aadaa ittiin bulmaata, duudhaa fi kan biroo uummata barsiisa. Misgaanuun (2011:35)
irratti yoo ibsu “uummata kamiifuu osoo barnoonni ammayyaa kun hin dhufin dura akka madda
barnootaa fi beekumsaatti kan tajaajilaa ture ogafaan isaati’’ jedha. Yaada kanarraa kan hubannu
afoolli madda beekumsaa hawaasa ta’ee tajaajila kan ture ta’u isaati. Dabalaataan
Wasanee(2006:172) afoolli aadaa uummata seera,duudhaa fi haala uffataa ni barsiisa. Amaloota
fudhatama qaban barsiisa. Jireenya keessatti jabatanii hojjachuu, tokkummaa qabachuu,
arjoomuu fi abshaalummaa nu barsiisa.Kunis afoolli aadaa gaarii hawaasa kan barsiisuu ta’uu
isaati.

9
2.3.5 Miliquu (Escape)

Miliquun jireenya nuffisiisaa jalaa gara waan nama boqachisuu harkifachuu yaalu
jechuudha.Jireenyaa ilma namaa dhiibbaa yeroo amantaa, uumamaa, qabeenyaa fi kan biroo irraa
kan ka’e bu’a bayii hedduu kan guutamedha. Hawaasni dhiibbaawwan isaarra jiran qolachuufi
mormachuun rakkoo isaarra gahuuf afoolatti fayyadamee miira keessa isaati dhikkifatu jalaa gara
boqonnaatti deemuun milquu ta’u ibsa.Yaada kana Misgaanuun(2011:172) meeshaa rakkoo
nama muudate ittiin jalaa miliqan ta’uu lafa ka’eera.

2.4 Yoomeessa Afoolaa

Afoolli yeroo fi bakka dubbii akkasumas,haala hawaasummaa sanaa irratti hundaa’uudhaan


yoomeessa mataa isaa danda’e qaba. (Asaffaa 2009:31). Haaluma walfakkaatuun Misgaanuun
(2011:31) irratti yoo ibsu “Afoolli yeroo fi bakka itti raawwatamu qaba. Yoomeessi raawwii
afoolaatiif murteessaadha. Akkasumas, haala keessatti raawwatamu qaba”,jedha. Akka yaada
waraabbii armaan oli irraa hubatamutti, afoolli yeroo fi bakka hundatti akka hin raawwanneefi
yoomeessa murtaawaa keesssatti kan raawwatamu ta’u isaati. Akkasumas, haala hawaasicha
irratti yookiin uummata sanaa irratti kan hundaa’u ta’uu isaa nama hubachisa.

2.5. Gosoota Afoolaa

Afoola gosoota garagaraatti qooduun ni danda’ama. Gosonni afoola kuniinis hojiirraa ooluuf
yeroo murtaawaa ni barbaada. Bakki fi haalli itti dubbataman murtaawaadha. Zaarihuun(1996)
akka ibsutti gosonni afoolaa heedduudha. Akkasumas, garaagarummaa biyyaafi aadaatiin
gosooni afoolaa haa jiraatan malee baay’inni isaanii karaa lamaan dhaloota dhalootatti
daddarbaa dhufaniiruu.Tokkooffaa karaa bifa walalootiin yoo ta’u, lammaaffaan immoo bif
seenssuutiin darban (himamaa) tureedha. Afoola bifa seenessuutiin darbaan keessaa muraasni
sheekkoo, durdurii, afseenaa fi kan biroo yoo ta’u, afoola bifa walalootiin darbaa dhufe keessaa
immoo muraasni, sirboota aadaa, weedduuateetee,sirbaacidhaa, dhadannoo fi kan kana fakkaatan
eeruun ni danda’ama. Gosoota afoola keessaa xiyyeeffannoo qorannoo kanaa afoola bifa

10
wolalootiin daddarbaan dhufaan keessaa weedduu ateetee irratti dhaloota gara dhalootatti kan
darbuudha.

2.5.1 Maalummaa Weedduu Ateetee

Ateeteen ummata Oromoo gidduutti baay’ee kan beekamu ta’ee, akkuma ogafaanoota kaanii
dhaloota gara dhalootatti kan darbuudha.(Misgaanuu 2011:85).

Ateetee ayyaaana dubartii heerumteeti. Ateetee ayyaana dubartii yennaa jedhu


dubartiitu hooggana jechuudha malee dhimma dubartii qofarratti xiyyeefata
jechuu miti. Warri dhiiraalee sirna ateetee kanarratti hin hirmaatan malee waan
ateetee barbaachisuu gama isaaniitiin guutuun gamaacha ni taasisu. Dubartiin hin
heerumiin ateetee hin bulfatani. Haa ta’uu malee gama isheetiin meeshaalee
barbaachisan haadhaaf ni dhiyeessiti. Irraa caalaa,Garuu ateeteen dhimma
dubartootarratti xiyyeeffatuun dubartootuman hogganama. Dubartiin haa
hogganamuu malee dhimma saba oromoo tuqu hundarratti xiyyeeffata.
Fakkeenyaaf yoo roobni dhabame loon(horiin) beela’e, yoo beelli hammaate
akkasumas yoo uummata oromoorra rakkoon adda addaa kan akka dhukkuba
daddarbaa fi diini biyya weerare kan gaggeeffamtuudha.(Tamaam 2011:1).

Akkasumas ateeteen dubartoonni oromoo dhimma gara garaaf ittiin waaqa kadhataniidha.
Dabartiin oromoo takka yoo ilma dhabde,ijoolleen ammaa ammaa yoo jalaa deebite, durbii yoo
yeroo irraa heerumuu baatte fi kan birootiifis ni kabajamti.

Dabalataan Tamaam(2011:5) irratti yoo ibsu “ateetee sirna mirgi dubartii oromoo ittiin eegamuu
fi ittiin kabajamuudha. Dubartiin aadaa fi hawaasa oromoo biratti wayyuudha. Haa ta’uu malee
dubartiin wayyuu kabajamtuu fi ulfeeffamtuu tana namoonni tokko tokko aadaa,safuu heeraa fi
seera oromoo cabsuun mirga isaanii tuqu. Yemmuu amalli badaan akkasi hawaasa oromoo
keessatti mul’ate, sabni oromoo sirna mirga dubartootaa ittiin eeguufi karaa seera oromoo ittiin
dhiyeessuu seera mataasaa tumatee qaba. Innis karaamaa ayyaana ateeteetiinidha’’jedha.

Akka waraabbii armaan olii kan irra hubatamuutti ateeteen sirna dubartoonni oromoo waaqa
ittiin kadhatan akkasumas hawwii fi abdii jiruu fi jireenyaa isaanii keessatti qaban ittiin ibsan

11
ta’uu hubachuun ni danda’ama. Kana malees sirna dubartoonni ittiin kabajamanii fi ulfina ittiin
argataniidha.

2.5.2. Gosoota Weedduu Ateetee

Weedduun ateetee akkuma ogafan biroo gosoota adda addaatti qoodama. Isaanis kunis, wedduu
ateetee falaa fi morkaa jedhamuun qoodamu.(Huseen 2005:40).

Weedduun ateetee falaa ilaalchisee Huseen (2005:40) yoo ibsu akkas jedha;

weedduu ateetee akkana kun yeroo taateewwan (events) jiruu fi jireenya


uummata irratti jeequmsa gaggeessuu danda’an kan akka dhibee daddarbaa,
balaa,caamaa(hongee),beelaa fi waraana yoo muudate akka irraa baraaraman
dubartoonni siinqee qabatanii waaqa faarfataa malkatti bahanii waaqa kadhatu.
Kanas qarruu malkaa marga jidhaan qabanii (maranii) fuudhuudhaan namaan
qabu.kan irraa hafees booroo mana kaayu.

Yaada armaan olii kanarra akka hubatamutti, gosti weedduu ateetee falaa kun araarama waaqaa
gaafachuuf, qajeelummaaf, akkasumas, jiruu fi jireenya hawaasa kan tolchuu ta’uu isaati.

Gama biraatiin Weedduu atetee morkaa yoo ibsu immoo akkas jedha;

Weedduun ateetee kun yeroo mirgi dubartootaa hedduu yookiin takkaa yoo
tuqame fi miidhaan seeraan alaa yoo irra gahe waan umamame sana
balaleffachuuf kan taasifamuudha. Akkasumas weedduu gosa kanaatiin ;duulaa
mirga dubartootaa kabachisuuf, tokkummaa isaanii cimsuu jechuun ni
danda’ama.weedduun ateetee kun wayyooma(kabaja) olaanaa dubartootaatiin
walqabata.kana keessatti wanti wayyooma ta’e;siinqee, qanafaa, haati, dubartiin
wayyooma jechaa hamaan hin arrabsamtu. Kan hundaa tuquun yakka. Heeraan
nama gaafachiisa. Akkasumas ,ni adabsiisa, horii namarraa kafalchisa (falchiisa)
jedha.

Akka waraabbii armaan olii irraa hubatamutti, weedduun ateetee gosa garagaraa kan qabu ta’uu
fi gosti gargar ta’e gahee gargar qabachuu nama hubachisa.

12
Gama biraatiin, Hayyuu ogafaanii kan ta’e Dirribaan(2012:120) irratti weedduu ateetee yoo ibsu
, bakka saditti gargar qooduudhaan lafa kaa’a.Isaanis weedduu ateetee maaram furmaa,weedduu
ateetee maaram hagayyaa fi weedduu ateetee maaram lonii jechuudhaan qoodee jira.

Ateetee maaram furmaa; kun ji’a Ammajjii keessa kan kabajamuudha.Kan dubartiin ijoollee
naqxee eebbiftuudha. Ayyaana ateetee gorobee jedhama.

Ateeteen maaram hagayyaa : immoo gindii hiikoo yookiin ateetee miidhaanii


jedhama.Ayyaanni kun ji’a hagayyaa keessa yeroo qonnaan bulaan raawwatee gindii hiikee
midhaan facaasee hundatti ateetee naqee qotiyyootti adda mataatti maree eebbisee gadi
dhiisuudha. Walumaa galatti kun ayyannaa sanyii jedhama.

Ateetee loonii (maaram loonii )- kun bakka tokko tokkotti jaarii kormaa yookiin jannii loonii
jedhama. Ji’a sadaasaa keessa kan kabajamuudha. Bakka tokko tokkootti ayyaana birgoo
jedhama. Walumaagalatti hayyuun kun weedduu ateetee gosa saditti qooduudhaan ibsa.

13
BOQQOONNAA SADII

3. Mala Qorannichaa

Qorannoon tokko gaggeessuuf malli isa bu’uuraati. Qorannoon kun gosa qorannoo jiran keessaa
mala akkamtaati dhimma baha. Sababni isaas malli kun gosa saayinsii hawaasaatiif
barbaachisaafi filatamaa waan ta’eef.Akkasumas dhimma qoratamu sana bal’innaa fi
gadfageenyaan ibsuun odeeffannoo dhugaa ta’ee argachuuf waan gargaaruuf.Mala kanaa
Addunyaan ( 2011:60) yoo ibsu “ mala qorannoo bu’uuraa ta’an keessaa tokko mala akkamtaati.
Malli kun odeeffannoo asliin kan rakkoo qoratamu sana gadfageenyaan dhiyeessuun argannoof
haala mijeessuuf humna qaban irratti xiyyeeffata”jedha.

Akka waraabbii kan irraa hubatamutti malli akkamtaa odeeffannoo bal’aa fi gadfagoo ta’e
argachuuf mala filatamaa ta’uu isaati. Qorattuunis, malli kun odeeffannoo barbaaddu
funaannachuuf gosti qorannoo kanaa qorannichaa galmaan gaha jettee filatteerti.

3.1 Odeeffannoo Iddoo Qorannichaa

Irraawwatamni qorannoo kana uummata oromoo aanaa xiyyooti.Aanaa xiyyoo aanaalee godina
arsii keessatti argamaan 24 keessaa ishee tokkoodha. Magaalaa guddittii finfinnee irraa immoo
kiiloo meetira 75 kan ta’u fagaattee argamti.

Kallatti arfaniin daangeffamtee argamti.Bahaan aanaa heexosaa fi Zuwaay Dugda’aa, lixaan


aanaa Zuwaay Dugda’aa, kaabaan aanaa heexosaa,kibbaan aanaa Digaluu fi xiijoo fi aanaa
muunessaatiin daangeffamti.

Haalli taa’umsa lafaafi qilleensa isaaas baddaa,badda daree, fi gammoojjii yoo ta’uu,baddaan
37%,badda daree52%,gammoojjii 11% dha. Waajjiraa qonnaa fi misooma midhaaniitiin aanaa
haala mijaa’aa kanatti fayyadamuun hojiilee misooma adda addaa kanneen akka misooma
midhaanii,beeyladaa fi kunuunsa qabeenyaa uumamaa hojjachuuf kan danda’amuudha.Sababni
isaa lafti aanichaa ekolojjiiwwan jiran irratti biyyoo jidhaa fi qilleensaa gaarii waan qabduuf
keessumayyuu hojiilee qonnaatiif baay’ee mijaataadha. Akkasumas,roobaa gahaa ta’ee waan
qabduuf aanaa oomishaa gaarii qabduudha.

14
3.2. Madda Ragaa Qorannichaa

Qorannnoon kun maddoota ragaa lama fayyadamuun kan gaggeeffamuudha. Isaanis madda ragaa
sadarkaa tokkooffaafi lamaaffaati. Akka madda ragaa sadarkaa tokkooffaati namoota muuxannoo
fi beekumsaa gahaa waa’ee weedduu ateetee irratti qaban muraasaa hawaasaa keessaa filaachuun
kallattidhaan haasofsiisuufi mariisisuun namoota 10 irraa odeeffannoo funaannattee jirti. Akka
madda ragaa sadarkaa lamaaffaati kan itti fayyadamtee immoo dokimeentii garagaraa
sakkatta’uun barreeffamootaafi kitaabota dhimma qorannoo kanatiin walqabatan kitaaba
Taamamiin (2011) barreeffameefi vidiiyoodhaan waraabbamee waajjira aadaa fi tuuriziimii
aanaa xiyyoo Magaalaa Assallaa keessa ol ka’aame irraa ragaa funaannachuun qorannoo kana
akka fiixaa baastuuf akka meeshaa odeeffannootti gargaramtee jirti.

3.3. Mala Iddatteessuu

Malli kun mala namoota yookiin wantoota hedduu jiran keessaa waa’ee mataduree qorannichaa
irratti beekumsa fi muuxannoo gadfageenyaan qaban hawaasa sana kan bakka bu’an filatanii
fudhachuun kan adeemsifamuudha. Dastaan(2002) Trochim(2006) waabeeffachuun akka ibsutti
“ sampling is the process of selecting unites from the population.”jedha. Akka yaada kana irraa
hubatamutti iddatteessuun odeeffannoo funaannachuuf adeemsaa waan guutuu ta’e tokko keessa
muraasaa filachuuti. Qorattuunis hawaasni aanaa xiyyoo bal’aa fi gandoota hedduu waan qabuuf
yeroo gabaabaa keessatti hawaasichaa keessa deemtee odeeffannoo funaannattee xumuruu waan
hin dandeenyeef, namoota weedduu ateetee irratti beekumsaa fi muuxannoo qaban kan hawaasa
san bakka bu’uu danda’an gandoota 21 jiran keessa ganda lama ,ganda boreefi waajii cilaaloo
filachuun gosa iddattoo jiran keessaa miti carraa fayyadamtee jirti. Sababni isaa haala aanaa sana
keessaa muraasa carraa osoo hin ta’in namoota fedhii fi beekumsa qaban kan argamuu danda’an
ofii filachuun qorannoo waan gaggeessuufidha

Akkasumas gosa iddattoo miti carraa keessaa mala kaayyeeffatamaa fayyadamuun odeeffannoo
funaannattee jirti. Sababni isaas dhimmicharratti beekumsaa qabdu irraa ka’uun odeefkennitoota
kan murteessuu waan ta’eef .Mala kanatti fayyadamuun namoota waa’ee weedduu ateetee irratti
beekumsa qaban hawaasa sana kan bakka bu’anii odeeffannoo irraa funaannate dubartoota 7fi

15
dhiraa 3,walumaa galatti namoota kudhaan. Sababa dubartoonni caalaniif dhimmichi caalmatti
kan ilaallatu dubartoota waan ta’eef. Kana malees ateeteen gaafa sirni gadaa oromoo tumamuu fi
laabsamu sana kan dubartootaati jedhame labsiifi sirnicha keessatti kan ibsameewaan ta’eef.Haa
ta’uu malee warri dhiiraalee hin hirmaatu jechuu miti isaanis ga’ee mata isaan keessaa ni qabu.
Waan ateetee barbaachisuu gama isaaniitiin guutuun gumaacha ni taasisu.Ergaallee irraa
fudhatu.Gabaabumatti qorattuun bifa armaan olitti ibsame kanaan qorannoo adeemsifteerti.

3.4 Meeshaalee Odeeffannoon Ittiin Funaanname

Qorattuun qorannichaa gaggeessuuf meeshaalee odeeffannoo funaanuuf gargaaran mijaata kan


ta’an filattee jirti.Sababni isaas qorannoo gaggeessuun dura meeshaalee odeeffannoo ittiin
funaannamu murteessuun barbaachisaa waan ta’eef. Kanaafuu fiixa bahiinsa qorannoo kanaatiif
meeshaalee odeeffannoon ittiin funaannaman kan akka afgaaffii,marii garee,fi dokimeentii
fayyadamuun qorannoo gaggeessitee jirti.

3.4.1 Afgaaffii

Afgaaffiin mala odeeffannoon ittiin funaannamu keessaa tokkoodha.Dastaan (2011:111) akka


ibsutti “afgaaffiin gosoota odeeffannoo ittiin funaannamu keessaa tokko ta’ee kan qorataa fi
odeefkennaan fuulleetti wal arganiifi osoo wali hin argiin odeffannoo waliif kennaniidha” jedha.
Kunis osoo wali hin argiin bilbilaanis ta’ee kallattiin kan sassaabatan ta’uu agarsisa. Mala
kanaatti fayyadamuun gaaffiilee banaa ta’an gargaraamee namoota odeeffannoo weedduu ateetee
irratti qaban gaafattee odeeffannoo funaannatteerti.Kanas callistee otoo hin ta’iin namoonni
odeeffannoo kennuuf eeyyamamoo ta’uu isaanii erga mirkaneeffatteen boddeedha.

3.4.2 Marii Garee

Mariin garee mala odeeffannoo ittiin funaanamuu keessaa tokko ta’ee namoota weedduu ateetee
irratti beekumsaa fi muuxannoo gahaa qaban gaafachuun bakka isaani jiran dhaquun
odeeffannoo keennuuf eeyyamamoo ta’uu isaanii ergaa mirkaneeffatteen booda guyyaa marii
,bakka marii fi haala marii murteessuun ,haala marichaaf tolu mijeessuun ,odeeffannoo walitti
qabatteerti.

16
3.4.3. Dokimeentii Sakatta’uu

Qorattuun qorannoo dhugoomsuuf odeeffannoo duraan argattee irratti dabaltee dokimeentii


barreeffamee jiru kan mata duree qorannoo qorattuuntiin walqabatan sakatta’uun qorannoo bifa
amanamaa fi quubsaa akka qabatuuf barruulee hedduu sakka’uun odeeffannoo walitti qabattee
jirti.

3.5. Mala odeeffannoo hiikuu fi ibsuu

Maloota armaan olitti eeramanii erga dhiyaataniin booda ni qaacceeffamu(hiikamu) ;ni


ibsamu.Kanas,odeeffannoowwan funaannaman akkaataa walfakeenya isaaniitiin mata
dureewwan xixiqqootti qooduun qaacceessuu fi hiikuu yaalameera.

17
BOQQONNAA AFUR

4 Dhiyeessa, Qaacceessa fi Hiika Ragaalee

4.1 Seensa

Boqonnaa kana jalatti qaacceessa weedduu ateetee sirna fi qabiyyee isaa ilaalla. Uummanni
oromoo gosoota ogafaanii hedduu qaba. Ogafaan uummata oromoo bal’na isaa irraa kan ka’e
galaanaa daakamee keessaa hin bahamneedha. Ogafaanii isaatiin badhaadha.Ergaa dabarsuu
barbaade gadda,gammachuu, araara,dhiifamafi kanneen biroollee ogafaan isaatiin ibsata.
Kanneen keessaa weedduun ateeetee ishee tokkoodha. Qorattuunis odeeffannoo odeefkennitoota
irraa argatteen, maalummaa weedduu ateetee, hirmaattoota weedduu ateetee, yoomeessa
weedduu ateetee, qabiyyee weedduu ateetee, faayidaa weedduu ateetee ,akkasumas ,ilaalcha
hawaasni weeddichaaf qabu akka armaan gaditti dhiyeessuuf yaalameera.

4.2 Maalummaa weedduu Ateetee

Weedduun ateetee hawaasa Oromoo aanaa Xiyyoo biratti beekkamaadha. Weedduu kanas
dubartoonni wantoota kanneen akka araara, jaalala,jibbaa,hawwii,eebbaa fi kanneen biroollee
ittiin ibsata. Taamam(2011;1) ateetee yoo ibsu “ateeteen ayyaana dubartiiti. Dubartootan
hogganamee dhimma saba oromoo tuqu hundaa irratti xiyyeeffatuun yoo roobni dhabame,yoo
belli hammate akkasumas, yoo uummata Oromoo irraa rakkoon adda addaa kan akka dhukkuba
daddarbaa fi dinni biyyaa weerare kan gaggeeffamuudha”.Jedha.Yaada kanarraa kan hubatamu
ateeteen kan dubartoota ta’uuf dhimma saba oromoo hundaa tuqurratti kan xiyyeeffatu ta’uu
isheeti.

Akka ragaan dubartoota aanichaa irraa afgaaffiin argamee ibsutti, ateetee dubartoonni yeroo
rakkoo adda adda uummata oromoo irra ga’e (muudate) waaqa ittiin kadhatan ,hawwii fi abdii
jiruufi jireenya isaanii keessatti qaban ittiin ibsatan akkasumas ,mirgaa ofi ittiin kabachiifatanfi
ulfina ittiin argataniidha” .(Odeefkennituu ‘A’)

18
Akka yaada armaan olii kannarraa hubannutti, ateeteen kan weeddifamu yoo rakkoo saba
oromoo muudate kan dhalate akka guddatu ,kan hore akka baay’atuuf qe’eefi naannoon isaa
nagaa ta’ee jiruu guutuu keessa akka olee bulu, hawwiifi fedhii guddaa qabachuu isaanii karaa
weedduu kanaatiin dubartoonni ergaa kan dabarfatan ta’uu isaati.

4.3 Hirmaattoota Weedduu Ateetee

Weedduu ateetee kan weeddisuu dubartoota bultii horatan qofa yookiin hawwootaatu weeddisa.
Durbiifi warri dhiirallee hin weeddisan. Duudhaa hawaasaatu dhorka waan ta’eef, hin weeddisan
malee, qooda mataa isaan keessa ni qabu. Waan barbaachisuu ni fiduuf,ni jajjabeessuu, ergaa ni
hubatuuf. Kana jechuun waan isaan weedduun ibsatan sana irraa fudhatu.Akka ragaan afgaaffiin
odeefkennituu tokko irraa argame ibsutti, Dubartiin kan weeddiftuuf, bultii isaaniitiif
kadhachuuf,maatiin,waatii,qe’eefi re’ee keenyaaf toltii barbaanna.Kanaaf, weedduun ateetee
qooda dubartoonni hawaasa keessatti qabaniidha.Wanta weedduun ateetee kan dubartii qofa
ta’eef,dubartiin heerumtee hawaasa keessatti fi seera duudhaa oromoo biratti kabaja guddaa
waan qabduuf isaaniif kenname.(Odeefkennituu ‘B’)

Akka yaada kanarraa hubatamutti, weedduu ateetee kan dubartoota ta’uu fi dubartiin hawaasa
oromoo biratti kabaja guddaa qabachuu isheeti.Yaaduma kanatti dabaluu odeefkeennitoonni
biroo marii gareetiin yoo ibsan;

Weedduu kun dubartootaan kan weeddifamuuf, gaafa sirni gadaa oromoo


tumamuu fi labsamuu sana kan dubartootaati jedhamee labsii fi sirnicha keessatti
waan ibsamefiidha. Ijoolleen dubaraa hin weeddisan Kunis gaafuma sana waliin
tumamee labsame.Durbii hin heerumin seera hin gunne waan ta’eef weeddisuuf
dirqama hin qaban. Dirqamni guddaan kan itti kenname haawwan (dubartoota)
bultii horatan malee shamarranii miti.(Marii gareetiin Gurraandhala 11,6, 2009)

19
4.4 .Yoomeessa Weedduu Ateetee

Weedduun yeroo weeddifamu yoomeessa garagaraa qaba. Weedduun kamiyyuu sababaa fi iddoo
itti weeddifamu qaba. Aanaa Xiyyoo keessatti weedduun weeddifamu yoomeessa qaba.
Weedduun ateetee yeroo itti weeddifamuutu jira. Akka raga afgaaffiin argame ibsutti;

Weedduun ateetee yeroo hunda hin weeddifamuu yeroo,bakka,fi haala keessatti


weeddifamu qaba. Akkasumas haala hawaasummaa ummata sana wajjiin kan
murtaa’uudha. Kana haala uummata keenyaa irratti hundaa’uudhaan kan yeroo
hoongeen cime(roobni dhabame) kadhaa waaqaatiif weeddifama, kan yoo mirgi
dubartootaa tuqame mirga isaanii eegsisuuf weeddifamuufi yeroo duulaati. Yoo
rakkoon akkanaa uummata oromoo muudate bakka argametti hin weeddifamu
malkaa fi ganda dubartoota irra deemuun weeddifama. (Oeefkennituu ‘C’)

Akka yaada kanarraa hubatamutti weedduun ateetee bakka argametti kan weeddifamu osoo hin
taane yeroo fi bakka murtaa’aa keessatti akka taasifamu ta’uu isaati.

4.5 Qabiyyee Weedduu Ateetee

Weedduun ateetee Godina Arsii aanaa Xiyyoo qabiyyee garagaraa of keessaa qaba.
Qabiyyeewwan kunniin akka armaan gaditti qoqqoodamuun qaacceeffamaniiru.

4.5.1 Weedduu Aeetee Kan Yeroo Mirgi Dubartootaa Sarbame


Weeddifamu

Weedduun kun yoo mirgi dubartootaa sarbame (midhaman miidhaa sana ibsachuuf) dubartoonni
walgahaan weeddisu. Kunis yeroo ilmi haadhaa dhaane (arrabse) fi abbaan manaallee ishee
deettuu ulmaa hin ba’iin (ta deesse qanafaa ofirraa qabdu) osoo qanafaa isii irraa hin bu’iin yoo
dhaane. Qanafaan faaya dubartiin deettee yeroo muraa’eef addaati godhattuudha. Deesse hanga
ji’a jahaatti addaatti godhatti tan takka deesse qanafaa tokko kan lama deesse qanafaa lama
addaatti godhaatti. Yeroo sana keessatti dubartii qanafaa jedhamti.Kabaja addaas qabdi.

Weeddichis akka armaan gaditti bifa walaloo qabeessa ta’een weeddifama kan weeddifamus
ganda dubartoota irra deemuun fi qe’ee nama mirga dubartootaa sarbee (tuqee) sana
dhaquudhaan.

20
Ateetee dhageettee

Oduun si geettee

Intala aayyaa dhageettee

Oduun si geettee

Midhaan daakkattuu dhageettee

Oduun si geettee

Ana dhaananii dhageettee

Oduun si geettee

Ilmatu na dhaane dhageeettee

Oduun si geettee (Odeefkennituu ‘A’)

Weedduu armaan olitti bifa walalootiin dhiyaate kana irraa kan hubatamutti rakkoo dubartoota
irra gahe dubartoonni ibsachuuf (wal beeksisuudhaaf) weeddisu. Akkasumas ,dubartoonni bakka
jiran maratti rakkoo uumamuu hubatanii mirga isaanii eegsifachuu fi wajjiin akka qabsaa’aniif
labsii karaa kana dabarsaniidha.Yoo rakkoon akkanaa uumame dubartoonni siinqee qabatan
ililfataa fi weeddisa humna dabalachuuf deemuu.kanaaf, siiqeen mallattoo ulfinnaafi
kabajaa,nageenyaa(furtuu rakkina kan akka waldhabbii ) fi jiruu fi jireenya hawaasa keessatti
bultii uummata Oromoo keessatti meeshaa aadaa mirga dubartootaaf dhabbate jechuu ni
dandeenya.gaalee “ilmatu na dhaane dhageettee” jedhu ilmi haadha dhaanu miti ijanu oli jedhe
waan hin taane itti deebisuu hin qabu. Yoo rakkoo akkanaa uumee argame garuu seera duudhaa
hawaasa akka cabsetti ilaallama.adabbiin itti murteeffama.

Ateetee dhageettee

Oduun si geettee

Isatu na dhaane dhageettee

Oduun si geettee

21
Qanafaa qaba dhageettee

Oduun si geettee

Anfalaa xeephaa dhageettee

Oduun si geettee

Anfalaaf deemaa dhageettee

Oduun si geettee (Odeefkennituu ‘B’)

Akka weedduu armaan olii kana irraa hubatamutti dubartoonni miidhaa abbaa warraatiin irraa
gahee calaqqisiisuuf kan dhimma itti bahaniidha. Gaalee ‘‘qanafaa qaba dhageettee”jedhu abbaa
manaa haadhaa manaa isaa osoo ulmii hin bahin yookiin deettee qanafaa ofi irraa qabdu yoo
dhaane weeddifama. Dubartiin hawaasa oromoo biratti kabajaa fi jaalala guddaa qabachuu
isheeti.Keessayyuu dubartiin deettuun kabajni fi kunuunsi isheen qabdu kan addaa ta’uu
isaati.Namni biroo ishee tuquu miti abbaan manaatu yoo dhaane ni adabama yakka ni fixate.
Akkasumas, ergaa qabdu dubartoonni karaa kanaan ibsachuu fi dabarsuu isaati.Akkasumas
qabiyyeen weedduu kana irraa kan hubannu dubartoonni miidhamee miidhaa narra gaheef
furmaata barbaaduuf (araaraaf) deema nu waliin qabsaa’a waliin taane rakkoo uumameef
furmaata kennu qabna jechuu isaanii agarsiisa.

Aayyiyyoo siree gootaa fageennaa

Gurbaan gootaa dhageennaa

Mee bira geennaa

Aayyiyyoo ilteen ta kinnisaa

Hiddee itti xiixaa gadi na dhiisaa (Waajjira Aadaa fi Turiziimii Aanaa


Xiyyoo Gurraandhala 10,06,2009)

Weedduu armaan olii bifa walalootiin dhiyaate kanarraa kan hubatamu gaaleen “gurbaan gootaa
dhagennaa” jedhu dubartoonni gootummaa namichaa mirkaneessuufi osoo hin taane
gootummaan kee seera si cabsisiisee eessaan akka si gahuu ilaalla jedhanii itti dhaadachuu

22
isaaniiti.jabummaa isaa ammaa bira geenye argiin itti gadi nu dhiisa yaada jedhu ofi keessaa
qaba.

Ateetee baasoo eeh

Baasa baafannaa eeh

Waluu Gaafannaa eeh

Ateetee hirqamuu baalaa eeh

Dhaane waakkatee

Dirmammuu laalaa eeh (deefkennituu ‘C’)

Walaloo armaan olii irraa kan hubannu miidhaa (badii) kana kan raawwate abbaa manaatti, tarii
kan raawwate anaa miti ani akkanatti ishee hin dararre jechuu danda’a. Dubartoonni yeroo kana
gocha kana kan raawwate isuma ta’uu agarsisuuf “dirmaamuu laalaa” jedhanii akka inni
waakkiin bahuu hin dandeenye agarsiisu.

Yemmuu kana jaarsi biyyaa bahee waan ta’an dubartoota ni gaafata.Isaanis badi isaan irraa
gahe kan ni himatu.Jaarsi nama badii dalage sanatti murtii dabarsa.Akka namichi waa balleesse
sun dubartootaa sanaaf horii akka qalu itti murteeffama.adabbii kana tole jedhe fudhata. Tarii
yoo adabbiin itti murtaaye kan humna isaati oli ta’e akka dhiifama godhaniif yookiin akka
murtii salphisaniif ni kadhata.Jaarsi dhugaa jiru kana ifa basanii ibsuun dubartoonni akka
dhiifama godhaniif gaafatu.

Ateetee gama sheedama eeh

Gama sheedama eeh

Ani hoolaa hin nyaadhuu akka jeedalaa eeh

Gurbaa warra makkallaa buubaa eeh

Mee jabeeffadhu duudhaa eeh (Waajjira Aadaafi Turiziimii Aanaa


Xiyyoo Gurraandhala 10,06,2009)

23
Weedduu armaan olii bifa walalootiin dhiyaate kanarraa kan hubatamu jaarsi biyyaa dhugaa jiru
mirkaneessuun akka adabbii xiqqeessanii yoo gaafata dubartoonni yeroo kana “ani hoolaa hin
nyaadhuu akka jeedalaa”jechuun didaa agarsiisuu isaaniiti.Kunis kan ta’u yoo namichi
yakka(badii) hojjate sun murtii itti murteeffamu fudhachuuf humni (qabeenya)hin qabu ta’e
adabbii itti murteeffame dhiyeessuu hin danda’u ta’e jaarsi dhugaa jiru ilaalee akka adabbii
hir’saniif dubartoota kan gaafatu ta’u agarsiisa.

4.5.2 Kan Yeroo Roobni dhabame Kadhaa Waaqaatiif Weeddifamu

Weedduun ateetee gosa kanaa yoo waaqni yeroo roobuu dide kan weeddifamudha. Sababni
Oromoo aadaa isaa keessatti amantii ittiin bulu kan mataa isaa danda’e qaba.kunis iddoo adda
addaatti bahuun waaqa isaa kadhata. Weedduun ateetee kan uummanni yeroo rakkoo waaqa ittiin
kadhatu keessaa ishee bu’uuraati. Keessumaayyuu yeroo roobni dhabame araara waaqaa
gaafachuuf dubartoonni malkaatti bahanii waaqa kadhataniidha. Yeroo kana akka aadaa
Oromooti dubartoonni siinqee fi margaa jidhaa qabatanii malkaatti bahuun bifa weedduutiin
waaqa kadhatu (araarama) gaafatu.Hanga waaqni isaanii roobuttis malkaa sanaa hin galan
achuma bulu malee.Weedduun kunis bifa armaan gadi kanaan weeddifama.

Aeetee isgoo abeetii

Abeetiin teenya si haa geettuu

Nu hiikii akka ofi beektuun

Ejersa jaboo

Jaboo hunda gaaraa

Waan jabaate illee

Rabbuu nu gargaraa

Mee araaraa (Odeefkennituu ‘F’)

Akka walaloo armaan olii kanarraa hubatamutti dubartoonni waan rakkatan rabbiin kadhatan
milkaa’uuf ni faarfatu. Si kadhanne nuuf dhagahi waan hunda situ harkaa qaba. Kan nama furu
si rakkoo keenyaaf furmaata nuuf kenni jechuu isaaniiti. Gaalee “Rabbuu nu gargara” jedhu

24
waan hundaa rabbiin nuuf laafisaa jedhan abdii irra ka’achuu isaaniiti. Akkasumas rakkoo
keenya hundaafuu rabbiitu jira, rabbiin nu hin miidhuu (adabbuu) abdii horadhaa,jajjabaadha
yaada jedhu qaba.

Siinqee teenya lootii qabannee

Rabbi keenyaa mootii kadhannee

Safuu teenya hin ilaalinii nu hin walaliin

Siinqee teenya lootii ta durii

Rabbi keenya mootii nu furii (Odeefkennituu ‘D’)

Akka weedduu armaan olii kanarraa hubannutti gaalee “siinqee teenya lootii qabannee”jedhu
irraa siinqeen falaaf, araaraaf, akkasumas, guyyaa rakkoo kadhaa waaqaatiif furmaata rakkoo
isaan muudate barbaachaaf kan dubartoonni qabattee baatuun ta’uu ishee mul’isa. Kan malees
siinqeen qaloon lootiin dubartoonni qabatan waan lama mul’isa, tokkoffaan rabbiin isaa kadhatan
qajeelaa kan dabnana wayituu hin qabne ta’uu isaa kan agarsisudha. Lamaffaan, isaanis waaqa
isaani kan kadhachaa jiran karaa dabnana hin qabneen ta’u mul’isa. Akkasumas qabiyyeen
weedduu kanaa amaloota waaqni isan kadhataa jiran qabu sirritti lafa kaa’a. Rabbiin isaan
kadhataa jiran mootii kan nama furu ( kan rakkina keessatti nama hin ilaalee ) kan safuu yookiin
cubbuu hin jaalanne kan yoo namni cubbuu hojjatu gaddu tarii immoo kan yoo namni cubbuu
raawwaate sun deebi’e araara kadhatu kan dhiifama laatu ta’uu sirritti agarsiisa.

Ateetee sirroofnee

Rabbiirra milkoofnee

Ani haadha abdii sirroofnee

Rabbi irraa milkoofnee

Abdiin taa rabbi sirroofnee

Rabbiirra milkoofnee (Odeefkennituu ‘E’)

25
Akka weedduu armaan olii kan irraa hubatamutti “ Ateetee sirroofnee” jedhu irraa nu waliif
qulquloofnee komiin yookiin ceephoon nu jidduu jira moo hin jiru? Yoo komiin nu jidduu jiraate
rabbiin nuuf hin araaramu, rabbiin nuuf araaramuuf immoo nuti waliif araramuu qabna yaada
jedhu agarsiisa. Akkasumas toorota hafan irratti nuti waliif fixanne nuuf araarama (fixadhuu) nu
gargarii abdiin teenya si waan ta’eef ergaa jedhu dabarsa.

Ateetee bahaa jedhanii bane

Balaan dhaamee

Qilee qaciyyoo jalli gooddaa

Homaa hin taatanii

batanii jedhe gooftaan (Odeefkennituu ‘E’)

Akka weedduu armaan olii kanarraa hubannutti gaalee “homaa hin taatanii baatanii” jedhu
rabbiin badii teenya nu dhiiseera, rakkoo keenyaafis furmaata laatee jira abdii horadha ergaa
jedhu qaba.rabbiin yoo kadhatan nama jala hin didu namaaf lafaa kanaafuu rabbiin garaa
qulqulluun yoo kadhatan namatti hin jabaatuu abdii godhadha jechuu agarsiisa.

4.5. 3. Kan yeroo duulaa weeddifamu

Weedduun ateetee duulaa gosoota ateetee uummanni Oromoo Arsii aanaa Xiyyoo qabuufi ittiin
beekkamu keessaa isa tokko ta’ee, kan yeroo jagni yookiin goonni duulaaf deemu dubartoonni
nama duulaaf deemu san ni falu yookiin waaqa kadhatuuf. Kunis akka nagaan galuuf, moo’ee,
diina ajeesse yookiin kan irratti duulu sana ajjeesse akka mirgaan galuuf waaqa kadhatuuf. Kanas
faaruun mul’isa. Weeddichi kan inni weeddifamu manaa hanga malkaa (lagaatti)namoonni
duulaaf deeman sunniin hanga ce’aan duuka deemuun yoo malkaa gahan maddaafi margaa
jidhaan kalchaan yookiin addaa isaa qabuun weeddicha eegalu. Weeddichis akka armaan
gadiitti bifa walaloo qabeessan dhiyaata.

Ateetee hoffollee tiyyaa

26
Hoffolttiin faaya naan jettee

Ayyoo haffollee tiyyaa

Haffottiin faaya naan jettee

Shoqoo qishattee hoffollee tiyyaa

Hoftiin faaya naan jettee

Dhuftee himattee hoffollee tiyyaa

Hoffoltiin faaya naan jettee (Odeefkennituu ‘G’)

Akka weedduu armaan olii kan irra hubatamutti kan weeddisan dubartoota yoo ta’u, ergaan isaa
duukaa nuuf deeme ayyaana waaqa dubrtii haadha ta’aniif, eegii nagaan galchi ergaa jedhu
dabarsa.

Aayyoo hofflollee tiyyaa

Hoffoltiin faaya naan jettee

Haadha duula’aa hoffollee tiyyaa

Hoffaltiin faaya naan jettee

Ta daduu tuulaa hoffollee tiyyaa

Hiqamuun mukaa hoffollee tiyyaa

Hin dhabnu dhugaa hoffollee tiyyaa

Hoffoltiin faaya naan jettee

Siggaa ganamaa

Dhiiraa kafanaa

Hoffollee tiyyaa

Hoffaltiin faaya naan jettee (Odeefkennituu ‘G’)

27
Aka weedduu armaan olii kan irraa hubatamutti duulaaf (waraanaaf) ergaa baanee dhabnee (
moo’amne ) galuun fafa mirgaan yookiin ajjeefnee galla ergaa jedhu dabarsa. Akkasumas
gaaleen “siggaa ganama dhiiraa kafanaa” jedhu dhiirri (goonnii) lammii ofiitiif kutatee
rakkoolleen itti hin mul’atu. Rakkoofi miidhaan isaaniif gaarummaa ta’a. beellis, dheebuunis
quufa ta’e itti mul’ata. Beellii fi dheebuun isaan qaban kan injifannoo lammii isaaniiti malee kan
biroo miti.

Akka yoo lafaa natti boontuu

Looniin galee natti koottuu (Odeefkennaa ‘I’)

Weedduuun armaan olii kan irraa kan hubannu booji’ee, moo’ee mirgaan galee gammadee,
gammachuun sisimadha gammachuun na simadhu ergaa jedhu dabarsa. Akka walii galatti
uummanni Oromoo Arsii aanaa Xiyyoo haala kanaan ergaa, rakkoo,araaraa fi kan biroo illee kan
dabarfatu ta’uu isaa nama hubachiisa.

4.6. Faayidaa Weeduu Ateetee

Aanaa xiyyoo keessatti weedduu ateetee qabiyyee garagaraa of keessatti qabate weeddifama.
Kunis dhimma weeddifamuun walqabate faayidaa guddaa qaba. Akka ragaan odeefkeennitoota
irraa afgaaffiin argame ibsutti weedduun ateetee dubartoonni mirga isaanii ittiin eegsifachuuf,
yoo robbni dhabame waaqaa kadhachuufi yoo jagnii yookiin goonni duulaaf deemuu moo’ee,
diina ajjeesee mirgaan akka galu waaqaa kadhachuuf ga’ee guddaa qabdi. Weedduun kunis
muudannoowwan gargaraa irratti hundaa’uun kan weeddifamuudha.( odeefkennituu ‘A’)

Haaluma walfakkaatuun odeefkennitoonni biroo marii gareetiin yoo ibsan; tokkummaa


dubartootaa cimsuu, mirgaa, duudhaa, safuu, fi aadaa hawaasaa eeguu keessatti gahee isheen
qabdu hanga hin qabu. Akkasumas, ni gorsiti, nibarsifti, ni qajeelchiti. Keessumaayyuu, ilma
dabe (jallate) qajeelchuu keessatti seera ammayyaa kanaanuu kan wal gittuu miti. Kan jabaates,
ni laafti, ni araarsiti jechuun ibsu.(Marii Gareetiin Gurraandhala,11,6,2009)

28
Yaada kana irraa kan hubannu weedduun ateetee duudhaa fi safuu hawaasaa eegsisuu fi
kuunusuu keessatti gahe seera ammayyaati olitti kan tajaajiltuudha. Bu’uuraa jiruu fi jireenyaa
ta’u ishiiti.

4. 7. Ilaalcha haawaasni weedduu ateeteef qabu

Akka odeeffannoon afgaaffiin argame ibsutti hawaasni aanaa Xiyyoo aadaa, duudhaa, safuu,
ogafaan isaatiif ilaalchi qabu baay’ee kan namatti toluudha. Erga duudhaa, aadaan teenyaa laafte
kabajni fi safuun nurraa dhabamte. Akka nama qullaa deema jiru ilmii haadhaa abbaa fi safuu
hawaasaa kabajuu fi beekuu dadhabe. Kana hundaa kan nutti fide aadaa keenyaa ganne kan
ormaa duukaa burraaquu yookiin fiiguu keenya malee rakkoo biroo tokko illee hin qabnu.
Akkuma “sa’a abbaan gaafa cabse ormi ija balleessa” jedhamuu fi “mana abbaan gube
birmannaa hin qabu” jedhamu sana yoo abbaa ogafaanii sanaa kan kooti jedhee hin kunuunsine
eenyutu kunuunsa ree? Miilaan irra deemuu malee, kanaaf hawaasni aadaa yookiin weedduu
kanaaf ilaalchi qabu haala si’ataa ta’een dorgommii keessa kan galeedha. Keessaayyuu hawaasni
aanaa Xiyyoo dubrtoota jaajjabeessuun akka weedduu ateeteetti kana sirnaan itti fayyadamaniifi
uummanni keenna ilaacha nama gammachisuu qaba. Yoo weedduu kana weeddifnu
maanguddoon gosaa, abbootiin gadaa, waajirri aadaa fi turiziimii nu faana ta’uun rakkoo kan
hubatani furmaata barbaaduun gargarsaa fi ilaalchaa gaarii nuuf qabu. Jabaadhaa aadaa teenya
tan kaleessaa jajjabeessa jechuun nu gorsu. Akkasumas ijoolleen teenyaa tan baratan nurraa
fagatanillee aadaa tan akka ajaa’ibaatti ilaaluun nu barsiisa jedhu.( odeefkenna ‘J’)

Akka yaada kanarraa hubannutti uummanni aanaa xiyyoo aadaa, duudhaafi ogafaan isaa
guddisuu fi kunuunsuu dheebuu guddaa qabachuu isaa fi akka daawwitii keessatti of ilaalanitti
nama hubachiisa.

29
BOQONNAA SHAN

5 Cuunfaa,Argannoo fi Yaada furmaata

5.1 Cuunfaa (Summary)

Qorannoon kun qaacceessa qabiyyee weedduu ateetee Godina Arsii aanaa Xiyyooti .Wantoonni
qorannoo kana keessatti xiyyeeffannoo irratti kenname, maalummaa weedduu ateetee,
hirmaattoota weedduu ateetee, yomeessa weedduu ateetee, qabiyyee weedduu ateetee, faayidaa
weedduu ateetee, Akkasmas ilaalcha hawaasni Oromoo arsii aanaa xiyyoo weeddichaaf qabu
irratti qorannoon gaggeeffameera.

Malli qorannoon kun ittiin raawwatame mala qorannoo Akkamtaati. Sababni isaas malli
qorannoo kanaa odeeffannoo hawaasa keessa funaanuun qaacceessuu fi hiika itti kennuuf waan
mijatuufi.Qorannoo kun gosa iddattoo jira keessa miti carraa kaayyeeffatamaatti fayyadameera.
Qorannoo kan galmaan gahuuf meeshaalee odeeffannoon ittiin funaannaman; afgaaffii,marii
garee xiyyeeffannoo fi sakkattaa dookimentiidha. Namoota weedduu ateetee fi maalummaa
ateetee beekanii, maanguddoota biyyaa fi waraabbii viidiyoon fudhatame waajjira aadaa fi
turiziimii aanaa Xiyyoo keessa ol kaa’ame irraa odeeffannoo meeshaalee armaan olitti
tuqamaniin funaannameera. Qaacceessa kana irraa ka’uun argannoowwan armaan gadii
argamanniiru.

5.2 Argannoo

Argannoowwan qorannoo kana irraa argaman akka armaan gadii kanatti dhiyaataniiru.

 Weedduun ateetee mirgaa dubartootaa eegsisuu keessatti,tokkummaa cimsuu,


safuu, duudhaa, fi aadaa hawaasaa eeguu keessatti gaheen weedduun ateetee
guddaa yookiin human cimaa qabachuu ishee bira gahameera.
 Weedduu ateetee kan weeddisu dubartoota bultii horatan (heeruman) qofa ta’uu
bira gahameera.

30
 Qabiyyee weedduu ateetee haala jiruu fi jireenya uummata oromoo kan
calaqqisiisuu fi dubartoonni weedduutti fayyadamanii, ilaalcha waaqaaf qaban
karaa weedduu ateeteetiin waaqa ittiin galateeffataniifi ittiin kadhatan ta’uusaa
hubatameera.
 Ilaalchi uummanni Oromoo arsii aanaa xiyyoo weedduu ateeteetiif qabu hanga
ammaatti gaarii ta’uu isaa hubatameera.
 Weedduun kun yeroo, bakka fi haala keessatti weeddifamu qabachuu bira
ga’ameera

5.3 Yaada furmaata

Qorannoo kana keessatti qorattuun tun weedduu ateetee Godina Arsii aanaa Xiyyoo akka laafnee
(hin dagatamneef) fi gara fuulduratti ni tarkanfachiisa jettee yaadde akka armaan gaditti
dhiyeessiteerti.

 Biroo Aadaa fi turiziimii dhimma kan irratti gadfageenyaan dalaguun kunuunsaa fi


eegumsa taasisuun akkasumas, qorannoon irratti gaggeessuun bifa barreeffamaan akka
taa’uu osoo godhee filatamaadha.
 Abbaan qabeennyaas ta’ee, ilmaan oromoo kan barnootaan sadarkaa olaanaa irra jiranii fi
kanneen biroo (kanneen hin baranne)illee hawaasni wanta aadaa isaa calaqqisiisuu kana
bifa barreeffamaatti akka jijjiiratuu deeggarsa barbaachisuu osoo taasisee guddina
weeddichaatiif karaa bana.
 Dhaloonni duuba dhufu maalummaa ateetee kana irratti hubannoo fi waan isaa akka ta’e
beeksisuun dirqama dhaloota ammaa kana irra jiruudha.
 Sirni ateetee duudhaa hawaasa oromoo akka ta’e namoota beekan jajjabeessuu, kan hin
beekne barsiisuun gaarii ta’a.
 Uummanni Oromoo weedduu ateetee kanaaf ilaalcha gaarii osoo qabate akka gara fuula
duratti itti fufuu ta’e gaarii ta.a.

31
32

Anda mungkin juga menyukai