Anda di halaman 1dari 23

BOQONNAA TOKKOO

1. Seensa

1.1. seenduubee Qorannichaa

Sirni gadaa duudhaa oromoo keessa isa tokko ta’ee kan uummanni oromoo waggaa saddet
saddeetin baallii wal harkaa fuudhuun ittin buluudha. Sabni oromoo itoophiyaa kessaatti saba
guddaa fi akka afrikaatti baay’ina dubbattootaan sadarkaa 3ffaa yoo ta’u, baay’inni ummata
oromoo tilmaamaan gara miliyoona soddomaatti kan dhiyaatuudha. Ummanni oromoo osoo
sirni dimookiraasi biyyaa keenyatti hin seenin dura bifa diimookraatawaa ta’een sirna gadaatin
fayyadamaa waliin bulchaa jiraachuun isaa ni beekama.

Akkaa Alamaayyoon (1999: 39) “Gadaan sirna waan mara of keessatti qabuu fi jireenya
oromoo kallatti maraan sakkatta’uudha. Kana jechuun gadaan dhimma siyaasaa,
mootummaa,murtiifi k.k.f. of keessatti qabata’’ jedha. Kanumatti dabaluun jechaa gadaa jedhuuf
hiikaa tokko fi wal fakkaataa kennuun hin danda’amu; sirni gadaa akkaataa ittiin bulmaata
uummatoota oromoo keesaa isa tokko yommuu ta’u gadaan oromoo waaggaa saddeeti
saddeetiin aangoo wal harkaa fuudha.

Yaaduma kana deeggaruun Dirribin (2014:149) yoo ibsu, sirni gadaa qaroominaa fi guddina
sanyii namaa karaa hawaasummaa, seenaa,isaa bara dheeraa keessatti argate,sirna raajiidha’’
jedha. Gadaan wanna nama tokkoon yeroo tokkotti eegalame miti.Gadaan wanna irraa jala, yaalii
fi muuxannoo bara dheeraa irraa walitti kuufamee guddateedha.Gadaan takkaa kufaa takkaa
ka’aa bara hedduu dabarseera.

1.2. Ka’umsa Qorannichaa

Sirni Gadaa ummata oromoo biratti beekkamtii guddaa kan qabuufi kabajamaadha.Sabni oromoo
sabaafi sab-lammoota itoophiyaa kanneen lafa isaanii irratti hacuuccamaa turan keessaa isa
tokkoodha.Asmaaroon (2006:14) yoo ibsu “jijjiiramni siyaasaa biyyaatti bara 1981 wal qabateee
yaanniifi mirgi afaanifi aadaa ofii guddifachuu seenaa ofii qorachuu kaka’uumsa gudda akka
argannu taasiseera” jedha.kanuma irraa ka’uun waa’ee sirna gadaa hayyoonni hedduun
qorannoo cimaa irratti adeemsisaa kan jiraniifi walaloolee waa’ee sirna gadaatiin walqabatanis

1
baay’een isaani waajjira aadaa fi turiiziimi oramiyatiin golgamamnii jiru. Haa ta’u malee
walaloolee kunnin hedduun isaani immoo kanneen qorannoo irratti hin geggeeffamiini fi bifa
barreeffamatin hin ka’aamin jiru. Kanuma irraa ka’uun qorattuun walaloolee kanniin hamma
tokko qacceessuun bifa barreeffamaatin akka ka’amuuf. Kanaafu, qorannoon kun gaaffilee
armaan gadiitiifi deebii kenna jedhama.

1.3. Gaaffilee Bu’uuraa

 Walaloolee afoolaa sirna gadaa irratti jedhaman maal fa’i?


 Walalooleen afoolaa kunniin dhaamsa maal of keessaa qabu?
 Walalooleen kunniin yeroo akkamii jedhamuu?
 Qabiyeewwan walaloolee afoolaa sirna gadaa eenyuu fa’a

1.4. Kaayoo Qorannichaa

1.4.1. Kaayoo Gooroo

Qaaccessa walaloolee afoolaa sirna gadaa oromoo godina arsii lixaa aanaa shaashamannee irratti
xiyyeeffata.

1.4.2. Kaayoo Gooree

 Walaloolee afoolaa sirna gadaa irratti jedhaman ibsuu.


 Dhamsaa afwalaloolee sirna gadaa keessatti jedhamanii ibsuu.
 Yoomessa afwalaloolee sirna gadaa kana keessa jedhamanii ibsu.
 Hiika qabiyyeewwaan walaloolee afoolaa sirna gadaa ibsuu

1.5. Barbachisummaa Qorannichaa

 Namoota dhimma mataduree kanaan walfakkaatu irratti qorannoo gaggeessanniif akka


madda ragaatti tajaajiluu danda’a.
 Qorannoon kun barreeffamaan walalooleen afoolaa sirna gadaa aadaa hawaasa badiif
dagatamuuf akka hin saaxilamne gochuuf ni fayyada.
 Afwalalooleen sirna gadaa keessatti jedhaman kunniin akka hin dagatamne gochuuf bifa
baarreeffamaatiin ka’uuf ni fayyada.

2
 Namoota qorannoo mataduree kana irratti gaggeessaniif akka madda wabiiti fayyada

1.6. Daangaa Qorannichaa

Qorannoon kun Godina Arsii lixaa aanaa shaashamannee irratti kan adeemsifameedha.Aanaa
shaashamannee gandoota (8) kan of keessaa qabua,yoo ta’u walaloo sirna gadaa gandoota
kanniin hunda keessatti jedhaman irratti qorannoon osoo geeggeeffame baay’ee gaarii ture. Haa
ta’u malee sadarkaa kanatti haalaa kanaan qorannoo geggeessuun ulfaata waan ta’eef gandoota
jiran keessaa gandoota lama nati dhiyatan fudhachuun, Togaa fi waraansaa irrattii fudhadhee
qorannoo geggesseera.

1.7. Hanqinaa qorannichaa

Qorannoo tokko gaggeessuu keessatti bu’a bayiin nama muudatan hedduudha. Kan jechuun
bu’aa hojii sanaa argachuuf dhama’udha. Waan tokko hojjatan bu’aa argachuu keessatti
gufuun nama qunnamuu danda’a. Gufuu kanas cabsanii keessa darbuuf kutannoofi obsa
qabachuun barbaachisaadha. Haaluma kan hanqinoonni yeroo qorannoo kana adeemsiiftu
keessatti qorattuu muudatee keessaa akka ijootti kan ka’an kanneen armaan gadiiti;-

 Hanqina yeroo fi baajataa


 Namootaa walaloolee sirna gadaa irratti dandeetti qaban bakka fi yeroo
barbaadameeti dhabamu.
 Kitaabileen walaloolee sirna gadaa irratti barreeffaman dhabamuu
 Qorannoo kana gaggeessuun qorattuuf yeroo jalqabaa waan ta’eef beekumsa
gahaa dhabuu

3
BOQONNAA LAMA

2 Sakatta’a Barruu

2.1 Maalummaa fooklorii

Hiika fooklorii namoota adda addaa biratti mormii kaasaa kan ture yoo ta`u ,hiikaa isaa jecha
salphaa tokkoon kaa`uun hin danda`amne.Akka Fiqaadeen (1984:5) yoo ibsu :jecha fooklorii
jedhu yeroo jalqabaatiif namni itti fayyadame namalammii ingilizii wiiliyaam joon jooms
jedhuudha Fooklorii alidileen kan baramuu fi beekumsa waa`ee addunyaakan hin tane
waa`eehawaasummaa ,amanttii, aadaa fi barsifataati. Innis kan ibsamukaraa jechaa,sirbaa
,duudhaa, gochaa, amantii meeshaleetiin. Akkasumaas waliin dubbii adeemsa jijjirama waa
uumuu fi waliin qoodannu taasisa.

Fookoloriin aadaa, amantaa, gocha, duudhaa,seenaa,taphoota,sirboota fi kan kana fakkataan


hawaasa afaanii yookiin amaleeffanna dhaan namarraa gara namatti kan darbuudha. Kaa jechuun
fooklooriin aadaa hawaasaa afaaniin yookiin amaleeffannan darbu waan ta`eef hawaasni jireenya
isaa keessatti wanta barsiifata qaba.

Kanumatti dabaluun Encylopedia britanica (1993:493) yoo ibsu “fokolore is the part of the
culture, custam and belief of society that is based on popular tradition. It is produced by the
community and usually transmitted or all and by demonstration”jedha.

Akka yaada kanatti fooklooriin qaama aadaa hawaasummaa, duudhaa fi barsiifata hawaasummaa
ta`anii dur irraa jalqabee dhalootatti kan darbaa dhufe kan ibsudha. Yeroo baay`ee afaaniifi
gochaan kan daddarbuu fi maddi isaa hawaasa akka ta`e ibsa.

Fooklooriin akkuma aadaa yaada bal `aa kan hammatu yoo ta`u isa maalummaa isaa gabaabsinee
ilaaluuf fooklooriin kutaa aadaa keessaa qorannoo saayinsii irratti kan hin hundoofne
argannoolee saayinsii fi tekinooloojjii kan hin hammanne ,dhalli namaa beekumsa muuxannoo
isaa irraa argate irraa ka`uun wantoota tolchuu, hojjatuu, dubbatuu fi raawwatuu akkasumas bifa
duudhaa ta`een kan rawwatuu fi kan dhaloota dhaalchisu qaama aadaati.

World book volume 7 (1994:287) fooklooriin yommuu ibsu”Folk any of the belief custums and
tradions that peoples pass on from generation to generation” jedha. Yaada kana irraa kan
4
hubannu fooklooriin kan hawaasni amantii kamiyyuu duudhaa fi barsiifata isaa dhalootaa
dhalootatti ittiin dabarfatuudha. Akkasumaas fooklooriin walii galtee miidhagaa hawwaasa
muraasati.

Walumaagalatti fooklooriin barnoota hawaasaa kan barreeffamaan hin kaa`amne hiikaan isaa
kana jechanii murteessuun baay`ee kan nama rakkisuudha. Sababni isaas waa`ee fookloorii
irratti hayyoonni garaagaraa yaada garaagaraa kennu, irrattis walii galuu hin dandeenye.
Kanaafuu hiikni fookloorii kana jedhanii lafa ka`uun nama rakkisa kan jedhamuufis kanaaf.

2.2 Faayidaa fookloorii

Faayidaan fookloorii heddudha. Faayidaa kaneen keessaa muraasni kanneen armaan gadiiti.
Fooklooriin gumaacha guddaa aarttii addunyaatiif taasisa. Yaaduma kana ilaalchisee kitaabni
world book volume 79 (1994:290)yoo ibsuu “folklore has made major contribution to the worlds
arts”jedha.

Yaada kana irraa kan hubanu fooklooriin mana kuusaa yookaan galmee addunyaatiif gumaacha
gudda kan taasisu ta`uu isaati. Fooklooriin yaada ilaalcha hawaasa tokkoo akkasumaas , aadaa,
seenaa, hawaasichaa kan calaqqisiisuudha .Midhaaginni fookloorii keessa jiru akka riqichaatti
hawaasa walitti fiduun kan danda`uu ta`uu isaa fi sabni tokko fedhii qabu karaa inni ittiin
ibsatuudha. Akkasumaas hawaasni aadaa isaa akka jallaatu gochuun safuufi duudhaa ganamaa
akka barsiifatuuf,tokkummaa hawaasaa cimsuuf gargaara .Yaada kana world book
(1994:290)yoo ibsu”Foklore is reflect the attitude and ideas of society”for example much
folklore reflects how a society regard the role of males and femalsin the real life. “jedha. Yaada
kana irraa kan hubannu fooklooriin yaadaa fi ilaalcha hawaasaa akkasumaas, gahee dhiiraa fi
dubartii jireenya hawaasichaa keessatti qanan ka

2.3 Dameewwaan fookloorii

Fooklooriin dameewwan adda addaa qaba. Dameewwaan fookloorii ilaalchisuun Dorsan


(1972:112) yommuu ibsu “folklore are may be four large groups: these are oral literature. Social
folk custum , material , culture and folk art”jedha. Yaadni kunis fooklooriin gooroowwan
gurguddoo afuritti qooda. Isaanis ,afoola duudhaa hawaasaa , meeshaalee aadaa fi ogummaa
hawaasat

5
2.3.1 Aadaa ogummaa sochii qaamaa

Aartiin sochii qaamaa hawaasa gosa aartii afoolaa keessaa ta`ee dhimma sochii qaamaan
mula`atuudha. Akka Misgaanuun (2011:22) irratti yoo ibsu:Aadaan ogummaa sochii qaamaa
ogafaanii fi (afoolaa midhaaginna kan kennuu fi lubbu kan itti horuudha. Sochiin qaamaa kunis ,
dhiichisa, shaggoyyee,geelloo fi kan kana fakkataan of keessatti qabachuu danda`a. Akka
Misgaanuun(2011:22)ibsutti , gosti aartii kanaas uffanni aadaa uffatamee meeshaalee muuziqaa
aadaatiin deeggaramee wantoonni miidhagina aadaa erga raawwatamanii booda akkuma aadaa
sabbichatti qophiin barbaachiu taasifamuun fuula , mataa, harka, miila, mudhiifi morma .
sochoosuudhaan dhimma rawwatamuudha.

2.3.2 Meeshaalee aadaa

Dameen kun ilmi namaa babal`achuu teeknooloojii yookiin industrii garaagaraa dura meeshaalee
harkaa oomishaa kan jiru hundaa kan of jalatti hammatu ta`uu isaa Fiqaadeen (1991:14)ibsaniiru.
Isaaniis meeshaalee aadaa kan isaan mul`atuu fi kan harkaan qabamu industrii hammayaattin
duraa eegalee meeshaalee ilmi namaa uumeeitti fayyadame filata.Meeshaaleen kunniinis haala
kamiin akka hojjataman ,haala qophii nyaataawwaan garaagaraa , haala qophii mimmi`eessituun
ittin qophaa`u . akkaataa manni , dallaan ,awwaalli ,uffanni aadaa itti hojjatamu kan qo`atuudha.

Karaa biraatiin meeshaaleen aadaa damee kana jalatti qorataman kanneen akka aadaa ogummaa
harkaa fi aartii , aadaa ijaarsaa, aadaa uffataa fi faaya aadaa nyaata aadaa ,iddoowwan seena
qabeeyyii , meeshaalee muuziqaa fi kan kana fakkaataniid

2.3.3 Afoola

Afoolli dhaala jechaa kan muuxannoo jiruu fi jireenya saba tokko dhalootatti ittiin darbu qaama
ogbarruuti. Karaa biraatiin afoolli kan hawaasa eenyummaa isaanii , aadaa , amantaa fi duudhaa
isaanii ittiin ibsatan fi dabarfatan , afaaniin dhalootaa dhalootatti daddarbaa dhuufeedha.

Finnegan (1970:16) afoola yoo ibsitu, It is un written literature or same times popular or
traditional literture,“yaada ishee kana irra kan hubbannu afoolli ogbarruu barreeffamaan ala ta`e ,
kan afaaniffaan darbuun beekama yookaan ogbarruu aadaa akka ta`eedha.

6
Kana jechuun afoolli akkuma maqaa isaa irraa hubatamu barreeffamaan osoo hin taane afaaniin
dhalootaa dhalootatti darbaa kan dhufee fi darbaa kan jiru. Fuldurattis kan darbuu dame saba
tokkooti. Abbarraa naafaa (1995:137) irratti afoolli ummata kamiyyuu osoo hin daangeessin
akkuma ogbarruu yaada , falaasama, aadaa fiduudhaa uumaa namaa ifa godha jechuun lafa
ka`era.

Dabalataan Meleknesh (1962:254) afoola ilaalchisee “oral literature (folk litrature)refers to the
verbal heritage of manking transmitted from generation to generation by world of month, it
includes such anti quary treasures as folk ,talls proverb , riddles , myth , legends joke ,songs , and
folk poetry” jechuun ibsa. Yaadni kun kan nu hubachiisu afoola jechuun kan jechaan hambaa
namoota jechaan afaaniin dhalootaa irraa dhalootaattii ittiin daddarbuudha. Isaaniis kan akka
meeshaalee ture gati qabeessa ta`e dur durii , himtee amantaa fi kan kana fakkaataan of keessaa
qaba jechuun ibsa.

Afoolli saba tokko dhalli namaa naaf haa ta`u jedhee qooqa isaatiin fayyadamuun eenyummaa
isaa, yaada, fedha , amantaa, adaa fiduudhaa mo`uu fi moo`amuu isaa ,deeggarsaa fi diddaa isaa
fi kan kana fakkaataan dhalootaa dhalootatti kan ittiin dabarsaa ture umurii dheeraa kan qabu
qabeenya uummataati. Hawaasni afoola isaatiin falaasamaafi akkaataa ilaalcha jireenyaa walii
gala irratti qabu ibsata. Kanaafuu afoolli dilbii ummataa kan haalli waliigalaa muuxannoo fi
beekumsaa keessatti walitti qabamanii ittiin har`a gahaniidha.

Walumaagalatti hawaasni tokko seenaa akkamii keessa akka darbee dhufe adda baafachuuf
ogafaaniif waan ogafaan keessatti hammataman qorachuun dirqama ta`a. Sababni isaas ogafaan
waa`ee labataa darbee isa har`aatti himuuf humna waan qabuuf.

Damee fookloorii kana keessatti amantaawwan garaagaraa kan ibsuudha. Dorson ( 1972:144)yoo
ibsu”aadaa barsiifata hawaasaa wantoota bu`uuraa ta`an of keessa qaba jechuun ibsa. Duudhaan
hawaasaa amala hawaasni waliin qoodatu ilaallata. Amalli kun kan ture dhaabbataa fi karaa
jireenyaa akka feeteen ta`uu mala. Kunis dhalli namaa hanga jirutti kan jiraatu ilaallata.
Hawaasni waliin jiraachuuf jecha kan waliin hordofuudha. Duudhaa hawaasaa dhimmoota aadaa
waliin hidhta qaba. Hawaasa gidduu bara dheeraan dura kan tureefi sabni irratti walii galtee kan
fudhateedha. Misgaanuu(2011:22) akka ibsutti duudhaa hawaasaa jalatti dhimmoota gurguddoo
hedduu jiran keessaa muraasa isaanii akka armaan gadiitti ilaaluun ni danda`ama. Isaanis

7
,feestivaalaa fi kabaja ayyaanaa , taphaa fi bashaannana , qoricha aadaa amantti , qorsa aadaa
,aadaa(waan safuu) , hooda, xaba (taphaa aadaa) fi kan kana fakkaatan jechuun lafa kaa`a.

2.4 Maalummaa gadaa

Jechaa gadaa jechuuf hiika tokko fi wal fakkataa kennuun hin danda`amu. Karaa biraatiin
ammooyeroo wagaa saddetif saddeettiin angoo wal harka fuudhaan agarsisa.

Gadaan sirna oromoonni dhaabbataa [partii siyaasaa] dimocratawaa fi umrii jaara afurri oli kan
qabu ummanni oromoo ittiin of bulchuudha. Alamayoon hayilee(2007:39”) yoo ibsuu, Gadaan
sirna jaarmiyaa hedduu of keessaatti hammatee waan ta’eef sirna bal’aadha. Akkasumas
maqootiin miseensa gadaa shanaan dhimmaa siyaasaa gadaa lolaa, gadaa keenya, gadaa
duuloo,gadaamelba yookiin geedaa beelbaha fi kan kana fakkaataa jechuun waamuu.

Gadaan falasama ummata oromoo umurii dheeraa qabu ta’e adeemsa walxaxaa keessa kan
darbuudha. Alamayoo hayile(2007:40) Mohaammad hasan wabeeffachuun(1981:5) yoo ibsu “
Gadaan hiikkaa hedduu kan dhufee yeroo dhiyoodha” jedha. Gadaan sirnan hawaasummaa
,siyaasaa fi amantitti. Gadaan maqaa ulfinaa namootiin sadarkaa lubaa[sadarkaa jahaffaa] irraa
gahanii buttaa qalan kan waamaniidha.Ummanni oromoo dame kuush keessaa tokko ta’ee
akkuma saba Afrikaa kan biro hawaasa seenaa ,aadaa,amantii, falaasama,siyaasa fi xiinsammuu
uummataa qabudha.falaasama kana keessaa gadaan isa tokko”jedha.ummanni oromoo durii
kaasee sirna bulchiinsa mataa isaa kan qabuu fi xiinsammuu cimaa qabachuu isaa argina.Kana
malees gadaan dhimma hundaa kan of keessaa qabu ta`ee jireenya hawaasa kallattii hundaa kan
sakatta’uudha.Yaada kanarraa kan hubatamu gadaan baay’ee walxaxaa fi kallatii tokkon hiikuun
kan hin danda’amneedha.Kana malees abbaa gadaa Roobalee Taaddasaa Soorii (2015:34) sirna
gadaa yoomuu ,ibsu“sirni gadaa hiikkaa sadi of keessaa qaba.Isaaniis

1.sirni gadaa maqaa sirna waliigalaati

2. sadarkaalee gadaa keesssatti bara paartiin tokkoo aangoo irra turudha.

3. maqaa sadarkaa gadaa jahaffaa kan ittiin waamamuudha.

Kanumatti aansuun gadaa sabni oromoo gaanfa Afriikaa keessatti akkuma qabeenya heeddu
qabachuuun beekama.Aadaa saba oromoo keessaa sadarkaa ol’aanadhaan guddatee addunyaa
8
irratti kan beekame bulchinsa sirna gadaatti.Sirni gadaa heera saba oromoo guutuu,kan siyaasni
dinagdee fi hawaasummaa sabichaa ittiin murteeffamu, kan guddina umurii xiinsammuu fi yeroo
wajjiin dangeffamee adeemsifamuu fi kan miseensonni sabichaa mirgaa fi dirqama isaa beekee
ittiin walii galudha”jedha.kanarraa wanti hubatamu gadaan bulchiinsa amala dimookiraasii kan
qabu ta’ee ,heeraa fi seeraa kan qabu ,falaasama ummata oromoo kana akka addunyaatti
beekamtii qabu sirna bulchiinsa ummatichaa ta’uu isaa hubanna.

Toleeraa Tasammaa (1995:75) yoo ibsu “sirni gadaa seenaa fi seeraa ummatni oromoo ittiin wal
bulchuu ,kan duule roorroo ittiin of irraa ittisu ,kan dinagdee isaa ittiin tikfatuu fi
dagagfatuudha.Akkaataa ittiin waliin jiratanii fi kan hawwii dhala oromoo hundaa ittiin
guddifatanidha”jechuun ibseera.

Sirni gadaa aadaa ummanni oromoo ittiin beekamu keessaa isa tokko. Sirni kun sirna hawaasni
oromoo durii kaasee hanga ammatti ittiin fayyadamaa turee fi ammaas kan ittiin beekamudha.

2.5 Faaruu Afoolaa

Faaruu ogafaan walaloon dhiyaatan keessa tokkodha.Nagariin (1994:1) yoo ibsu “faaruun saba
oromoo bifi walaloo kan qabu ta’ee ,innis gosa adda addaa kanneen akka faaruu gootaa ,kan
dachee ,kan waaqaa kan of keesssaa qabudha”jedha.

Kanaafuu faaaruun gosoota waloolee afoolaa keessaa tokko ta’ee innis iddooo gurguddoo lamatti
qooduun ni danda’ama.Isaaniis faaruu aadaa fi aartii jedhamu.Faaruun aadaa kan afaaniin
dhalootatti darbu yoomuu ta’u ,kan aartii immoo namoota ogummaa aartii baratanii fi
meeshaalee muuziqaa deegaramee kan farfamuudha.Xiyyeeffannoon qorannoo kanas afoolaa
aadaa irratti kan fulleffatedha

9
BOQONNAA SADII

3.MALA QORANNOO

3.1 saxaxa qorannichaa

Malli qorannoo qorannaa kana keessatti dhimma itti bahamu mala qorannoo akkamtaati. Malli
qorannoo kun odeeffannoo argata mala addeessaa yookiin ibsuutiin dhiyeesa, adeemsi isaas
adeemsa baramaadha. Kana malees walalooleen afoola sirna gadaa kun akkaataa itti jedhamaan
qabu waan ta’eef malli qorannoo akkamtaa murteessadha.

3.2 Irraawatamaa qorannichaa

Irraawatamaan qorannichaa hawaasa oromoo Godina Arsii Lixaa aanaa Shaashamanneeirratti


xiyyeeffata. Sababni isaas,qoratuun qorannichaa jiraatuu aanaa kanaa waan
ta’eef,hawaasichawaliin walitti dhufeenya gaarii waan qabuu fi qusannaa yeroo fi baajataaf
barbaachisaa waan ta’eefiidha.

3.3 Iddattoo

Malli iddattoo qorannoo kana keessatti itti gargaaramu manguddoota 5, dargaggoota 2 fi


dubartoota 3 walumaa galatti namoota 10 ta’an. Isaanis namoota walaloolee afoola sirna gadaa
beekan adda baasanii himuu danda’anidha.Akkataan namoota kan ittiin filadhees ,dursa namoota
walalooleeafoola sirna gadaa beekan iyyafachuun mala idattoo miti carraaitti gargaramuun kan
filadheedha.

3.4 Mala iddatteessuu

Mala iddatteessuu qorannoo kanaa keessatti dhimma itti bahamu mala iddatteessuu miti carraa
keessaa mala iyyaafanno yookiin eeruutiin .kanaafuu qorannoo kana iddatteessuu mala kanatti
gargaaramuun qorannoo kana adeemsisuun kan danda’ameedha.

10
3.5 madda ragaalee

Adeemsa qorannoo kana keessatti maddi ragaa itti gargaaramuuf karoorfame madda ragaa
sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaati.Akka madda ragaa sadarkaa tokkoffaatti kan dhimma itti
bahamu manguddoota,dubartoota, dargaggoota waajira aadaa fi turizimii aanaa shaashamannee
yoo ta’u akka madda sadarkaa lammaffaatti immoo barruulee qorannoo kanaan wal qabatan
sakatta’uudhaan kan adeemsifamee qorannoo kanaan firoominna qaban sakatta’uudhan,
qorannoo addeemsifedha.

3.6 Meeshaalee funaansa ragaa

Meeshaaleen funaansa ragaa qorannoo kana keessatti dhimma itti bahame af gaaffii fi marii
gareeti

3.6.1 Af gaaffii

Malli kun namoota waa’ee walaloolee sirna gadaa irratti muuxannoo gahaa qaban hirmaachisuun
yookiin gaafachuun odeeffannoo argameedha.sababni malli kun filatameef namoota barreeaauu
fi dubbisuu hin dandeenye kan hirmachisuu danda’an waan ta’eefidha.Kanaafuu af gaaffii miti
caasefamaa, banaagaafachuun qorannoon gaggeefameera.

3.6.2 Marii garee

Malli kun iddattoo waa’ee walaloolee afoola sirna gadaa sirritti beekan jedhee
yaadunamoota(10)bakka saditti qooduun akka waliin mari’ataan taasisee jira. Ergaawaliin
mari’atanii booda yaadicha akka kennaniif qoratuun gaafii isaan gaafachuun dhuma irratti yaada
garee sadinituu walitti fiduudhaan waliin madaalee filadheera.

3.6.3 Adeemsa ragaa funaanuu

Bu’aa qorannoo kanaa milkeessuuf qorattuun tunis hojiilee adda addaa wal duraa duuban
hojjattee jirti. Dura manguddoota, dubartootaa fi dargaggoota aanicha keessatti argaman adda
baafachuu dhan haala mijeessee namoota walaloolee afoola sirna gadaa sirritti beekaniwalitt

11
3.6.4 Tooftaa qaaccessa ragaalee

odeeffannoo maloota armaan oliitiin erga funaannameen booda,tooftan itti aanu ragaalee
qaaccessanii kaa’uudha.Qorattuun tunis odeeffannoo funaannattee akkaataa wal fakkeenyaa fi
walitti dhufeenya isaaniitiin kaa’eera

12
BOQONNAA AFUR

4. Odeeffannoo Dhiheessuu, Qaacceessuu fi Hiikuu

Baoqonnan kun walaloolee afoolaa sirna gadaa oromoogodina arsii aanaa shashamaannee
qorachuuf jecha raga walitti qabameedha. Ragaa afgaaffiin qophaa’e maanguddoo fi dubartoota,
dargaggootaa fi dubartoota kanneen walaloolee afoolaa sirna gadaa sirriitti beekan
gaaffachuudhazn marii gareetiins maanguddoota fi dubartoota akkasumas dargaggoota garee,
gareen qoodudhan yaada isaani waljijjirsisuun yaada bilchaataafi walaloolee afoolicha irraa
walitti qabameedha. walumaagalatti , raga afgaaffii fi marii gareetin sassaabbameen walaloolee
afoolaa kanneen sirna gadaa oromoo keessatti jedhaman akka armaan gaditti qaacceeffameera.

4.1 walaloolee afoolaa sirna gadaa

Walaloolee afoolaa sirna gadaa irratti jedhamaan hedduu ta’uu danda’a. haa ta’u malee firiin
qorannoo kanaa akka mirkaneessetti, walalooleen afoola sirna gadaa kanneen armaan gaditti;-
isaanis, too’ataa sirba, dhiichisa fi faruu ta;uu isaanii bira gahameera. Kan walaloolee afoolaa
sirna gadaa kana kan jedhaniis, ummaata oromoo miseensota sirna gadaati.

Too’ataa jechuun immoo yaa’a sagalee yookiin yeedaloo adda ta’een bifa miidhagaa fi namatti
toluun namootni tarree galuun kan too’atuun jidduu deemuun dafee kan addan hin kunne haala
walitti fufiinsa qabuun kan too’atamu ta’uu isaa bira gahameera.

Haaluma walfakkatuun sirba yoo ilaallee iddoo lamatti qonnee ilaaluu ni dandenya. Isaanis
sirba aadaa fi ammayyaa yommuu ta’u xiyyeeffannoon qorannoo kanaas, sirba aadaa irraatti
fuulleeffata. Sirbi aadaa gareen yookiin dhuunfadhaan kan sirbamu yookan gareen sirbamu
shamarrani fi dardarran tarree galuun tokko baasaa kannen bira jalaa qabaa kan sirbamuu ta’uu
isaa addan baheera.

4.2. Qabiyyeewwaan Walaloolee Afoolaa Sirna Gadaa

Qabiyyeen walaloolee armaan olii kun, kanneen akka, ergaa, yoomeessa, eenyuun akka
jedhamuufi haala kamiin akka jedhamu of keessaa qaba. Qorannoo kanaan akka mirkaamaa’eetti
ergaan isaa kanneen akka ,eebbaa, gabbina, balaaleffannaa fi jajuu yommuu ta’u, kan
jedhamuunis, foollee, dabballee, itti makoo, dooromaa fi luba akkasumas, dubartoota fi
13
shamarrani in kan jedhamudha. Yeroon jedhamu ammoo yeroo aangoo wal harkaa fudhiinsa
sirna gadaa yemmuu ta’u, haallii ittin jedhamu, tokko yemmuu baasu kan biroo jalaa
qabuudhaan, maqaaleen walaloolee afoolichaas, to’ataa, dhiichisa, sirbafi faaruu jedhamuun
bekkamu.

4.2.1 EEBBA

Nu hooffolchaa

Dogoggora nu oolchi

Irraa gora nu oolchi

Lubni haa hooffolu

Fooleen haa hooffol (Odeef kenna ‘A’)

Eebba jechuun, Kan waaqni nama fi sa’aaf, waan hojjettan akka galmaan namaa ga’uuf, waaqa
kadhataniidha. Uummanni oromoos, yeroo aangoo siyaasaa sirna gadaa kana wal harkaa
fuudhaan dursanii ni eebbifatu. Yeroo baalli wal harkaa fuudhaan lubni dura ba’uun yaa rabbi nu
hooffolchi, dogoggora nu hoofflchi jechuun sirna bulchiinsa isaa keessatti dogoggorri akka hin
uummamne, ni eebbifatu. Lubni haa hooffolu jechuun, karaa nagaatiin akka aangoo walirraa
fuudhaan eebbifatu.

Maaseenni haa deessuu

Deessuun haa taadhomtu

Qotataan haa quufu

Tikfataan haa horu

Seera odaa shanaanii nu hooffolchi

Seera gadaa shanaanii nu hooffolchi

Gadaan gabbiina gabbisi waaq

14
( Odeef kennaa` B`)

walaloolee afoolaa armaan olii kun ergaa ebbaa of keessaa qaba. Maseenni haa deessu, deessuun
haa taadhomtu jechuun kan ilmoo hin qabnee haa deesu kan deesse haa dabalattu ergaa jedhuu
of keessaa qaba. Kana malees, falaasama uummatichaa kan ta’ee, sirna gadaa seera mataa isaa
qaba.seeriicha akka milkeessi galmaan nu gahii ergaa jedhu of keessaa qaba.

Korma cirri taasiisi

Rimaa haphee taasiisi

Dhalataa nu guddisi

Haadha irra nu bulchi

Qotiyyoo harqootaattii nu bulchii

Dhalti okoleettin nu bulchii

Gadaa gabbina gabbisi waaqi

(Odeef kenna ‘C’ )

walaloolee afoola sirna gadaa armaan olii kun ergaa eebbaa of keessa qaba. Uummanni aromoo
loon ni jaallata. Kannene biroos akkusuma, kormi cirrii haa ta’u jechuun fiigee irra haa bu’u
yookaan fincaan isaa jabbii haa ta;uu jechuudha. Rimaa haphee haa ta’u, jechuun ammoo dhala
hin dabarsin yookaan nagaan haa dhaltu jechuudha. Dhaltii okoleetti nuuf bulchi jechuun immoo,
elmamtuu nuuf haa taatu, lubbuun ishii haa dheeratu ergaa jedhuu of keessaa qaba. Farad
kooraatti nuuf bulchi jechuun ammoo, fardi sun balaa gargagaatin akka hin miidhamne lubbuun
akka turuuf dursanii eebbifachuu agarsiisa. Barataaf qalama qajeelchi, fuudhaa fi gudeedada
qajeelchi jechuun, barataan hoji isaatiin akka milkaa’u, gufuuwwan gargaraa akka hin mudannee
dursanii eebbiifatu, kan fuudhes, rakkoo tokko malee akka of kaluuf lubni yookaan abbaan
aangoo paartii siyaasaa sirna gadaa fudhate dursee eebbifata.

4.2.2. Jajuu yookaan gurraa guddisuu

15
Jajuu yookiin gurraa guddisuu jechuun, waan tokko olkaasuun kan leellifamuudha. Ummanni
oromoos nama waan gaarii hojjate ni leellisa,jaja, kan waan gaarii hin hojjanne faallaa kanaati.

Odaa nabee yaa odaa seera galaanii

Gadaan keenya shanu shananuu seerri addaani

Keessattuu, michillee waamu fardaani

(Odeefkennaa ‘ D”)

walalooleen afoola sirna gadaa kun maqaa too’ataa jedhamuun beekama. Kan too’atus foolledha.
Kunis luba aangoo siyaasaa fudhatu, hamma hin geenyee olii guddisuun leellisu. Gadaan keenya
shan, shananuu seerri addaani keessattuu michillee waamu fardaani jechuun michillee waamu
fardaan jechuun akka waan cimaa kaawan irraa addaatti jaju.”jechuudha.

Dabballee dabboo noori yaa dabboo

Marattuu kalaalaa

Irraa baaftuu qeensa magaalaa

Dabballee dabboo noori yaa dabboo

Yaa daraaroo goraa

Leenchi namarra hin goruu

Yoo lolaa yoo waaqayoo jedhe

Dirdir goota dhiira firfiir goota

Yoo lolaa (Odeef kenna ‘E’)

walalooleen afoolaa armaan olii kun dhichisa kan jedhamu yommuu ta’u, kan dhichifamunis
daballeedha. Marattuu kalaalaa irraa baftu qeerransa magaalaa jechuun daballeen, biqiltuu
kalaalaa jedhamu kan maratuu fi foollee irraa gogaa qeernsaa fudhata. Kanaafuu daballee irraa

16
aangoo fudhata. Lolaanis ni beekama. Yaa daraaraa goraa leenci narraa hin goru, yoo lolaa
jechuun cimaa akka leencaa ta’uu agarsisa. Kanaafuu ergaa jajuu yookiin gurraa guddisuu of
keessaa qaba. Haalii ittin jedhamu tokko ni baasa kanneen biroo noori yaa dabboo jechuudhan
jalaa qabu.

Dooriin dooriyyoo …….. yaa dooriyyoo

Saawwan dooramaa gubba dheedani

Arjaa ija beekani

Samaa itti baksii kan rafee dammaksi

Saawwaan dooromaa laga dheedani

Mootii argaa beekani (Odeef kennaa F’)

walaloolee armaan olii kun dooromaan kan jedhamu yoo ta’u yeroo aangoo wal harkaa
fudhinsa kan waggaa saddeeti saddettin aangoo fudhatu jajuu. Saawwaan dooromaa guba
dheedani arjaa ija beekani jechuun loon baay’ee qaba, cimaadha, biyya bulchuu danda’a
jechuudha. Gubba jechuun lafa bosooni irraa gubate jechuun yoo ta’u, arjaa jechuun immoo
gurraa nama gaarii isa sabni jaallatuu jechuudha. Kanaafuu walaloolee sirna gadaa armaan olii
kun ergaa jajuu yookiin gurraa guddisuu of keessaa qaba.

4.2.3. Balaaleeffannaa

Yaa warra gadaa oolche

Niitii karra qabatte boossee

Odaa nabee deemna hin hafuu

Seerii oromoo keenyaa

Daakaa daakuu dalga hin daakuu

Gadaan abbaa hin ankaakuu

17
Hin ankaakuu yaa miseensa koo (Odeef kenna G )

walalooleen afoolaa sirna gadaa armaan olii Kun ergaa balaaleffanaa of keessaa qaba. Kunis
foollee fi lubaan kan yeroo aangoo wal harkaa fuudhaan jedhama. Yaa warra gadaa oolche niitiin
karra qabatte boossee jechuun, yommuu seera sirna gadaa cabsaan rakkachuun hawaasan
jibbamu agarsiisa. Walitti dhufeenya hawaasa keessaa ni ba’a ergaa jedhu of keessaa qaba. Odaa
nabee deemna hin hafuu seerrii oromoo keenyaa jechuun immoo nama seera gadaa cabsee odaa
nabee iddoo seerrii itti tumamuu dhaqnee himanna. Seerrii keenyaa kan dhibee ni balaaleeffanna
ergaa jedhu of keessaa qaba. Dhakaan daakuu dalga hin daakuu jechuun immoo seera keenyaa
irraa hin gorru kan jedhudha. Gadaan abbaa hin ankaakuu jechuun immoo seerri keenyaa hin
maseenuu, itti fufa ergaa jedhu of keessaa qaba. Hin ankaakiin yaa miseensa koo jechuunis
tokkummaa cimsaa duubatti hin deebi’ina itti fufaa jechuu agarsiisa.

Lasaallase durba shaashee

Yaa lasaallase durba shaashee

Ati gabaa hin ba’iin jennaan maa diddaa

Haate haa bittu bunaa fi sooqida

Yoo garaan dhibde salphinaa lixxa

Gaffaa sanbataa yaa gabaagifa sanbataa

Badii sigabaa yaada dhabditti situ niitii

Nama guddaa mana dhaqee itti taphata

Ilmi ga’e amma eeboon si darbata ( odeefkennaa H’)

Akka seera gadaa oromootti durbii osoo seeraan hin heerumin manatti da’uun salphina.
Dubartin dhiirsi irraa du’ees ni dhaalamti malee dhoksaan namni yoo itti galee salphina
guddadha. Yoo gara dhibde salphina lixxa jedhuun hawaasaan balaaleeffatamta jechuudha.

18
Sigabaa jechuun nama dubartii dhirsi irraa du’eetti galee jechuudha. Ilmi ga’e amma eebboon si
darbata jechuunis amma salphata ergaa jedhu of keessaa qaba. Kanaafuu uummanni oromoo
walaloolee afoolaa kanan waan isaa hin taane balaaleeffata.

4.2.4 Gabbina

Gabbisayyoo hoo roobee lafa gabbisee

Odaan nabee dalgan duufee

Bara keenya gadaan quufee

Dirrisee fuula deebi’e

Sa’a namni quufee milkii dhahee (Odeefkennaa I’ )

walalooleen afoolaa sirna gadaa armaan olii kun lubaan kan jedhamu yeroo ta’u haalli ittin
jedhamus,lubnis yoo baasu miseensonni luba jalaa qabuun, yeroo wal harkaa fuudhinsa aangoo
siyaasaa misa yookaa gabbina agarsiisuuf kan jedhamuudha. Odaan nabee dalga duufe bara
keenya gadaan quufe jechuun roobni jiraachuu fi odaan misuu isaa akkasumas sa’a namni quufu
isaa agarsiisa. Kanaafuu walaloolee afoolaa armaan olii kun ergaa gabbinaa yookaan quufaa of
keessaa qaba.

Foolliyyoo roobaa odaan daraaree hoo fool

Waan daraareef odaatu beekaa hoo fool

Mootii lubaa isatu nu waame hoo fool

Waan nu waamef gadaatu beeka hoo fool

Yaa foolliyyoo odaan nabee duufee hoo fool

Yaa oromoo barana gadaan quufee hoo fool

Yaa foolliyyoo birbissi daraaree hoo fool ( Odeefkennaa J’)

19
Akka walalooleen afoolaa sirna gadaa ergaa gabbinaa yookaan quufaa of keessaa qaba. Kan
jedhamuun foollee yommuu ta’u,yeroon jedhamu yeroo aangoo wal harkaa fuudhinsaa paartii
siyaasaa sirna gadaati. Haalli ittin jedhamu tokko yeroo baasu kan biroo ammoo jalaa qaba.
Akka seera gadaa oromootti, bara gadaa birbissi ni daraara ,odaan ni duufa ,sa’a namni ni quufa
akkasumas,roobni ni rooba,birbissi daraaree jechuun, barri gadaa sun quufa ta’u agarsiisa.

Galatoo maaree yaa aayyolee

Lubni koo ofkolee nagaa galee

Barrisaa gabbinaa

Sa’aa nama ulfina

Nu ofkolchi yaa waaqa gadaa shananii

Barroolee asoollee

Fidi safuu foollee

Barroolee qabdaa kan ittin sirbitu

Gadaan,quufa,gabbina baatee hin elmituu ( odeefkennaa K’ )

walalooleen armaan olii kun kan jedhamanin dubartii fi shamarran yoo ta’u, yeroon jedhamu
immoo ergaa aangoo siyaasaa fudhatanii gara manaatti galanii kan sirbamuudha. Yookaan kan
faarfamuudha. Barri gabbina sa’aa namaan ulfina jechuun barri sun quufa ta’u agarsiisa.
Barroolee jechuun ammoo dhangaa nyaataa kan qamadii fi dhadhaa loonii irraa hojjatamu barri
quufa ta’uu kan agarsiisuuf foolleedhaaf kan keennamuudha. Kanaafuu,walalooleen afoolaa
sirna gadaa armaan olii kun ergaa gabbinaa of keessaa qabu.

4.3 Namoota Walaloolee Afoola Sirna Gadaa Jedhan Haala Ittin Jedhanii Fi Yoom
Akka Jedhan

4.3.1 Namoota walaloolee sirna gadaa jedhan

20
Namootni walaloolee sirna gadaa jedhan itti makoo, dabballee, foollee, dooromaa, Luba,
dubartoota keessaa haadha manaa lubaa obboleetti lubaa yookaan gurra urtuu fi shamarran ta’uu
isaati.

4.3.2 Haala Afoolaa Sirna Gadaa Ittin Jedhamu

Walaloolee afoolaa sirna gadaa haala ittin jedhamu qaba.innis tokko yoo baasu, kannen biroo
jalaa qabuun haala namatti toluun Kan walaleeffamuudha. Kunis hurrubummaa qaamaa wajjin
Kan jedhamuu fi dabaree dabareen harka fuudhuun jedhamu isaa bira gahameera.

4.3.3 Yeroo Walalooleen Afoolaa Sirna Gadaa jedhamu

Walalooleen sirna gadaa yeroo jedhamu qaba. Kunis yeroo abbootiin gadaa aangoo walirraa
fudhatan yookiin baallii walii dabarsan kan jedhamudha. Ganama yeroo abbaan manaa bahu u
eegalee hanga aangoo yookiin baallii fudhatee galutti kan jedhamu ta’uu isaa adda baheera.
Abbaan gadaa baallii fudhate sunis akkuma baallii sana karaa seera qabeessa fudhaten gara
hojjitti jijjira. Hojiin abbaa gadaa inni guddaan hawaasa naannoo ofii bulchu keessatti yakki akka
hin raawwanne labsii sirna ittin bulmaata biyyaa baasuu, kan walaloolee araarsuu,kan yakka
hamaa hojjate murtee sirni gadaa tumate itti kennuu,nama nama ajjeese irraaa gumaa baasisuuf
sirni kun akka cimu taasisuudha. Walumaa galatti walaloolee afoola sirna gadaa yeroo abbootiin
gadaa aangoo waggaa saddeti saddeetiin waliif dabarsan namni aangoo kana fudhate olaan isaa
yoo gammachuu isaanitti dhaga’ame kan ibstaniidha.

4.4 Eergaa Walaloolee Afoola sirna Gadaa

Walalooleen afoolaa sirna gadaa ergaa hedduu qabaachuu danda’a. Ergaan walaloolee kanaas
akkaataa dhiyaannaa isaanii irratti hundaa’udhaan garaagarummaa hedduu of keessaa qaba.
Haala dhiyaannaa isaa kana irratti hundaa’ee walalooleen kunninis kan gadda, gammachuu,
eebbaa fi abaarsa, jaalala, jibbaa fi kan kana fakkaataan mul’isan yoo ta’u isaan keessaa muraasa
irratti xiyyeeffachuun danda’ameera. Haa ta’u malee walalooleen afoola Kun ergaa hedduu
qabaatuus firii raga qorattuun tun adeemsiste irratti hundaa’ee akka mirkanaa’etti, ergaan
walaloolee afoolaa sirna gadaa jiran keessaa ergaa walaloolee gurguddoo afur irratti
xiyyeeffachuun qorattuun tun haala armaan oliitiin qaaccessiteerti

21
BOQONNAA 5

5. Guduunfaa, Argannoo fi furmaata

Boqonna kana keessatti qoratuun qorannoo gaggeesu irra ka’ee yaada dhugaa fi argannoo haqaa
argatte irraa ka’uun ergaan walaloolee afoola sirna gadaa maal,maal akka ta’e, yoom, eessaatti,
haala kamin,akka jedhamu, eenyuun akka jedhamu, walaloolee afoola sirna gadaa godina arsii
aanaa shaashammannee maal akka ta’e bifa armaan gadiitiin guduunfaa, argannoo fi yaada
furmaata yookaan yaboo kaa’eera.

5.1. Guduunfaa

Ergaan walaloolee afoolaa sirna gadaa jiruu fi jireenya akkaasumas, eenyummaa saba oromoo ifa
gochuun isaa qorannoo kanaan bira ga’aameera. Kanaafuu, walaloolee afoola sirna gadaa
oromoo kun ergaa eebbaa, jajuu, yookaan gurra guddisa, balaaleffannaa fi gabbina akka qabu
qorannoo kanaan bira ga’aameera. Walaloolee afoola kun gareen kan jedhamanuun fi haalli ittin
jedhamu ammo tokko yommuu baasu kan biroo ammoo jala qabuun akka ta’e qorannoo kanaan
bira ga’aameera. Dabalataanis, walalooleen afoollaa kunnin kan jedhamaniin, luba, itti makoo,
dabballee, foollee, dooroma fi dubartootaan akka jedhamu bira ga’aameera. Kana malees,
maqaan walaloolee afoollichaa kanneen akka to’ataa, faaruu, sirba fi dhichisa yommuu ta’u,
yeroo jedhamu ammoo, yeroo aangoo paartii siyaasaa sirna gadaa dhaloota tokko irra dhaloota
biratti darbuu akka ta’ee qorannoo kanaan bira ga’aameera.

5.2. Argaanoo

Qoratuun qorannoo tasifteen argannoolee adda addaa argateerti. Isaanis;

 Ergaan walaloolee afoolaa sirna gadaa kun eebba akeeka gaarii gara fuulduraatti
kan agarsiisu jajuu yookaan gurra guddisuu( waan tokko gaarummaa innin qabu
ol kaasanii leellisuu akka ta`e bira gahameera.
 Luba aangoo fudhatuu fi niiti isaa fa’ a leellisuu), balaaleffannaa (wanta hawaasa
biratti gaarii hin taane jibbuu) fi gabbina( hawwiin guddinaa, quufa, jireenya
mijataa jiraachuu akka fedhan) fa’an argannoo qarattuun bira geettejirti.

22
 Walaloolee afoola sirna gadaa kunniin kanneen akka to’ataa,dhiichisa, sirbaafi
faaruu ta’uu isaa bira gahameera.

5.3 Yaada Furmaata (yaboo)

 Qorannoo kana keessatti qorattuun kun ergaa walaloolee afoolaa sirna gadaa Oromoo
Godina Arsii aanaa shaashamannee afaaniin dhalootaa dhalootatti darbaa turee kana badii
irraa hambisuuf,
 funaanee akka armaan gaditti kaa’eera.Walalooleen afoolaa sirna gadaa yeroo ammaa
kana irraanfatamutti deemaa jiru waan ta’eef, itti yaadamee ol kaa’amuun dhalootaa
boruuf osoo darbee.
 Qaamoleen, waajjira Aadaa fi turiziimii irratti hojjatan, walaloolee afoolaa sirna
gadaatiif, xiyyeeffannoo guddaa kennuun barbaachisaadha.
 Aartistoonniifi dargaggoonni oromoo walaloolee afoolaa sirna gadaa isaa irratti
xiyyeeffachuun gaariidha.
 Abbaa qabeenyaa kan ta’e uummanni Oromoo walaloolee afoolaa sirna gadaa sirnaan
qabuun dhaloota boruuf hambaa gochuun gaariidha.

23

Anda mungkin juga menyukai