Anda di halaman 1dari 1

Goota Seenaan Dagate!

Fit Awurari Olaanaa Dhinsaa!


Fit Awuraarii Olaanaa Dhinsaa Godiina shawaa lixaa Aanaa Iluu Galaan Gandaa Abaakuu
Aannootti dhalatan.Umurii Ijoollummaa isaanii irraa ka’ee quuqama Sabummaa fi Laphee
Gootmmaa akka qaban namoonni Aanichaa dhiyootti isaan beekan tokko tokkoo ni dubbatu.
Uummanni Oromoo Nafxanyoonni Deeggarsa Meeshaalee waraanaa argataniin Uummata
Oromoo Baandaa Uummaticha fayyaadamuun cabsuun Aadaa,Seenaa fi Dudhaa hawaasichaa
irraan dhibbaa gahaa yeroo turaniitti Sadarkaa Aanichaatti nafxanyoota hawaasa aanichaa
irraan dhibbaa gahaa turan tooftaa waraanaa Riphee loolaatiin akka haleelaa turan Seenaan
isaanii ni Addeessa.
Uummanni Oromoo cunqursaa Sabummaa nafxanyootaan irratti fee’ame of irraa fonkolchuuf
qabsoo adda addaa osoo gaggeessaa jiruu,Xaaliyaaniin Biyyaa keenya yeoo weerarteetti
Uummanni Oromoo cunqursaa sabummaa nafxanyootaan irratti fee’ame bulchachuun Diina
biyyaa weerare waraanuuf fardeeniinif Miillaan Oromiyaa irraa ka’uun hanga maqaleetti
deemuun Diina Meeshaa Ammayyaa’aa hidhatee waliin adda durummaan waraanuun
Gootummaan Uummata keenyaa agarsiisuun Seenaan isaanii labataa labatatti akka darbuu
taasisaniiru.
Fiit Awuraarii Olaanaa dhinsaa toftaa qabsoo nafxanyoota irratti bare fayyadamuun
Xaaliyaanoota magaala Ijaajjii hanga Geedootti Godiina shawaa lixaa weeraran waliin waraana
banuun xaaliyaanoota human waraanaa hanga funyaaniitti hidhatee guutuummaa guutuutti
booji’uu goota dandaa’eedha.
Gootni kun wallaggaa dhiyaa hanga Yuubdootti xaaliyaanoota waliin wal waraanaa kan turee fi
injiifannoo boonsaa galmeessaniiru.yuubdootti yeroo deebi’an Tigraay Maqalee deemuun
gootoota biyyaa deeggaruun xaaliyaanoota haleeluun injiifannoo Tigraayitti galmaa’ee keessaas
qooda guddaa qabu.
Haayileesilaasee yeroo biyyaa Ingiliizii goota kana Finfiinneetti waamuun Moggaasaa maqaa
Fit Awurari kennuun beekamti gootaa keennaniif.Goota biyyaa isaaf dhigaa turee fi injiifannoo
culuuluqaa galmeessaa ture uummata biyyaa biraatti miti Uummata Oromoo biratti illee hin
beekaman.kan nama ajaa’ibuu immoo gootni seenaa guddaa qabuu kun hawaasaa Aaanaa Iluu
Galaan biraatti illee hanga kana beekaman Miti.Namoonni Aanichaa Seenaa Fit Awuraarii
beekan Seenaan goota kanaa beeksisuu irratti qaamni Sadarkaa Aanaa hanga biyyaatti isaan
ilaallatuu akka irratti hin hojjeenne himuun Seenaa Goota beekamaa kana qorachuun akka
Addunyaa fi biyyaatti beekamuuf hojjeetamuu qaba jechuunis komataniiru Madda Jaarsooliin
seenaa goota kanaa beekan irraa.
Kan Qindeessee Rabbumaa Raggaasaa

Anda mungkin juga menyukai