Anda di halaman 1dari 12

BOQONNAA TOKKO

1.Seensa
1.1 Seenduubee Qorannichaa
Gadaan sirna bulchiinsa ummata oromoo kan siyaasaa,dinagdee,hawaasummaa,amantii fi

aadaati.Gadaan sirna waggaa saddet saddeetiin taaytaa siyaasaa,dinagdee,hawaasummaa,

amantii, loltummaa fi jireenyaa waliin waliif dabarsuudha.Akka walii galaatti gadaan

ofilaallee jiruuf jirenya ummata oromoo kan jiru sirna heeraa fi seeraan utubameedha.Akka

kanaan gadaan sirna seera umamaa fi seera namaa walitti qindeessee ittiin namaa fi uumama

bulchuudha.Kanaaf gadaan sirna bulchiinsa jiruu fi jireenya ummata oromooti(maatii sabaa

2006:37).
Piroofesar Asmaaroom waa’ee gadaa yoommuu ibsu “gadaa is an elaborate,well constructed

system for distributing power among all generation enjoy different kinds of power at different

stages of the life course” jedha.Akka ibsa hayyuu kanaatti gadaan sirna itti yaadamee,irratti

hojjatamee,akka gaaritti ijaaramee sirna aangoo dhaloota hundaa hiruu fi itti

gaafaatamuummaas kennuudha jedha.(Asmaaroom 1973:51)

Sirni gadaa sirna aangoon jaarsooliidhaan qabamu yookiin bulchinsa manguuddootaa

miti.Gadaan sirna sabni marti akka umrii isaatti kan qooda keessatti fudhatuudha.Sirna gadaa

keessatti namni hundi akka umrii isaatti qooda yookiin gahee adda addaa qaba jedha.(Dirribii

2000:39)
Aadaan saba Oromoo naannoo oromiyaa keessatti bifa adda addaa qabaachuu

danda’a.Haata’u malee sirni gadaa bu’uura aadaa saba Oromootii.Sirni gadaa seera ittiin

aangoo wal harkaa fuudhaniidha.Akka har’aa sababbii amantilee fi siyaasa adda addaatiif

dadhabaa osoo hin dhufiin Oromoon sirna gadaa jalatti gurmaa’ee bulaa ture.Gadaan sirna

waan mara of jalatti qabuu fi jireenya saba oromoo kallatti maraan sakatta’uudha.Gadaa

jechuun jilafi godaanuu qofaa miti yokaan buttaa qaluu fi nyaachisuu qofa miti.Sababbiin isaa

gadaa keessatti aadaan jaarmiyaa akka guddisa

daa’immanii,gumaa,araara,waaqeffannaa,irreecha,siiqqee,marabbaa fi kanneen biroo marti

walitti dhufuun sirni gadaa akka jiraatuu fi lubbuu qabaatu taasisu jechuudha.(Alamaayyoo

1999:40)
Sirni gadaa heera saba oromoo guutuu,kan siyaasaa,dinagdee fi hawaasummaa sabichaa itti

murteffamu,kan guddina umriin,xiin-sammuu fiyeroo wajjiin dangeffamee adeemuu fi kan

miseensi sabichaa mirgaa fi dirqama isaa beekee itti walii galu wabii tokkummaa saba

Oromooti.(Warqinaa 2008:20)
Haaluma wal fakkaatuun Alamaayyoon(1999:42) yoo ibsu sirni gadaa haala jiruu fi jireenya

hawaasa oromoo kallattii dinagdee,hawaasummaan,amantiin kan sakatta’uudha. Sirni gadaa

ummata oromoo biratti kabaja olaanaa akka qabu hubachuun ni danda’ama,kuniis namni wal

lole,namni tokko yoo nama biraa ajjeesee haalli araaraa fi gumaa itti muramu sirna gadaa

keessatti kan hammatama.Waa’ee kana oromoon gosaan,balbalaa fi jaarmiyaa hawaasa

kaminillee osoo wal hin qoodin gadaa jalatti gurmaa’ee bulaa ture.
Booda booda eebbaan dabarfamee kennama.Bulchiitoonni gadaa miseensota sadarkaa gadaa

shanan keessa darbani luba ta’u jechuun isa.Itti dabaluun hayyuun kun ummanni oromoo

yeroo sirna gadaa jalatti gurmaa’ee bulu walqooduun hin jiru .hunduu jaalalaan sadarkaa

gadaa shanan keessa darbuun erga abbaan isattii buttaa qalee waggaa afurtammaan abbaa

isatti butaa qaluun kan itti aanuuf dabarsanii keennudha jedha.


Ittuma dabaluun Alamaayyoon mahaammad hasan wabeeffachuun yommuu ibsu “the term

Gada is very difficult to define precisely.It is a term loosely used for so many varied concepts

that it has lot any single meaning .The dividing line between the various definition is very

shadow and indistinct unless one takes into account strictly the content in which the term is

used .This is be cause the interpretation of oromo terms,idiomatic expression and proverbs

related to the gada have extra meanings other than their surface meaning “jedha.Akka ibsa

hayyuu kanaatti jechi gadaa jedhu kun hiika fi yaada hedduu kan ofkeessatti qabu fi sirritti

ibsuuf akka nama dhibu ibse.Gadaan hiika hedduu argachaa kan dhufee yeroo keessa

fakkaata.Gadaan sirna hawaasummaa,siyaasa, dinagdeefi amantiiti.Gadaan sirna lakkoofsa

,yeroo fibaraatiGadaan maqaa ulfinaanamoonni sadarkaa lubaa irra gahanii buttaa qalan kan

itti waamamaniidha Hiikaafi hubannoo oromootti,aadaa fi afoola yookiin duudhaa sabichaatri

kan maxxanudha jechuun ibsa.


Yoomessa sirna Gadaa ilaalchisee akka Dirribiin(2012;213)yommuu ibsu sirni Gadaa yoomiii

fi eessatti hojii jalqabe kan jedhuuf deebiin sirriin yoo hin jirreeyyuu sirni Gadaa jaarraa

kudha ja’affaa dura kaaba Itoophiyaa fi gidduu galeessaan kan walqabutdha .Kunis bulchiinsa

uummata oromoo fi sirna aangoo wal harhaa fudhachuu ummata kanaati.Jaarraa kudha

ja’affaa keessa kaaba Itoophiyaa fi gidduu galeessaan wal qabates ta’us jaarraa kana irraa

ka’uun oromiyaa mara keessatti kan adeemsifamaa jirudha

Namni tokko luba yoo ta’e ilmi isaa immoo waggaa afurtammaan har’aa yookiin abbaansaa

luba ta’eedarbe irraa kaasee waggaa afurtammaatti luba ta’a.kanaafuu,ilmi oromoo guyyaa

abbaan isaa luba ta’ee darbe kaasee miseensa gadaa keessatti hirmaata .sadarkaa gadaa shanan

keessa darbuun nama tokko irraa kan eegammudha. Isannis, kanneen akka seera ittiin

bulmaata saba tokkoo ,aadaa,duudhaa fi haala jiruu fi jireenyaa ummata sanaa beekuun yeroo

turtii aangoo duraa ofqopheessa. Erga kana ta’ee booddee afurtammaan abbaan isaa luba

ta’etti deebi’ee luba ta’a jechuun ibsa.


Walumaagalatti sirni gadaa sirna nagaa fi dimookiraasii ummata oromooti.

1.2 Ka’umsa qorannichaa


Sirna Gadaa keessatti buttaa qaluun ummata oromoo Godina Shawaa Lixaa Aanaa Gindabarat

birattikabajaa fi hiika guddaa qaba.Sirni butaa qaluu kun of keessatti sirba,faaruu,dhugaatii fi

nyaataa aadaa fi haala uffannaa saba oromoo kan calaqqisiisudha.Sirna gadaa keessatti haalli

buttaa qaluu kun ummataaf kanneen umurii lakkaa’uu ,eebbaa, seera gumaa

,guddisa,moggaassuu,hammachiisuu fi kanneen biroo of keessatti waan qabatuuf ummataaf

faayidaa guddaa qaba .Haa ta’umalee,adeemsi buttaa qaluu kun hanga ammatti bifa

saayinsaawwa ta’ee fi ammayyaan qoratamee taa’uu dhabuusaati fi sababoota babal’achuu

amantiilee adda addaatiin dadhabaa dhufuu isaa fi aadaan kun barreeffamaan osoo hin taanee

afoolaan dhalootaa dhalotatti daddarbaa jira.Kun immoo dagatamuu danda’a.Sirni buttaa

qaluu dagatamuu jechuun immoo hawaasni Aanaa kanaa safuu isaa,duudhaa isaa,barsiifata

isaa fi kkf akka dagatan godha.Qorataan kunis kanaarraa ka’uun qorannoo isaa adeemsisee

jira.
1.3 Gaaffilee Bu’uuraa
 Hirmaattonni sirna buttaa qaluu eenyufaadha?
 Raawwileen buttaa qaluu maal fa’i?
 Buttaa qaluun hawaasaaf hiikkaa akkamiifaa qaba?
 Akka ilaalcha hawaasaati buttaa qaluun hawaasa faayidaa akkamii qaba?
 Ergaan weedduuwwan sirna buttaa qaluu irratti dhiyaatanii maal fakkaata?

1.4 Kaayyoo qorannichaa


1.4.1 kaayyoo Gooroo
Kaayoon gooroo qorannoo kanaa raawwilee buttaa tokko keessatti raawwataman tokko

tokkoon ilaaluun sirna buttaa qaluu xinxaluudha.


1.4.2 Kaayyoo Gooree
 Hirmaattota sirna buttaa qaluu addaan baasuudha.
 Raawwilee buttaa qaluu addeessuudha.
 Hiikkaa buttaa qaluun hawaasaaf qabu ibsuudha.
 Faayidaa buttaa qaluun hawaasaaf qabu ibsu.
 Ergaa weedduuwwan sirna buttaa qaluu irratti dhiyaatanni qaban ibsuudha.
1.5 Barbaachisummaa Qorannichaa
Qorannoon kun adeemsa buttaa qaluu oromoo Godina Shawaa Lixaa Aanaa Gindabaarat

addeessa. Buttaa qaluun raawwiilee aadaa naannoo kanaatti argaman keessaa caalatti

jiruu fi jireenya hawaasa kanaa ibsuu danda’a. Kanaafuu, qorannoo kana bifa

barreeffamatti jijjiiruun rakkoo dagatamu xiqqeessuun dhaloota duuban dhufaniif

tursiisuuf faayidaa guddaa qaba.


Kanamalees,Namoota mata duree qorannoo kanaan walfakkaatu irratti hojjechuu

barbaadanii fi akka bu’uuraati gargaaruu danda’a.Dabalees,namoonni buttaa qaluun akka

itti raawwatu hin beekne firii qorannoo kanaa dubbisuun hanga tokko hubachuu danda’u

jechuudha.
1.6 Daangaa Qorannichaa
Daangaan qorannoo kanaa karaa lamaan; karaa qabiyyee qorannichaa daangeessuu fi

iddoo qorannichi itti adeemsifamu daangessuun ibsamee jira.Kunis ,qorannoon kun

Godina Shawaa Lixaa Aanaa Gindabarat irratti adeemsifama.Karaa qabiyyee


qorannichaa yoo ilaalle jaarmiyaalee sirna Gadaa keessaa qorannoon kun sirna buttaa

qaluu irratti daangeffamuun qoratamee jira.


1.7 Malleen Qorannichaa
Qorannoo kana gaggeessuuf mala qorannoo Akkamtaati fayyadameen jira.Sababni isaas

malli qorannoo Akkamtaa amala jechaan ibsamu,yoomessa uumamaa

bu’uureffachuu,haala irratti hunda’uun jijjiiramuu,hiikni odeeffannoo irraa argamu

cimina qorataarratti hunda’uu fi kaneen biroo waan of keessatti hammatuuf,qorataanis

amala mala qorannoo kanaa bu’uureffachuun qorannoo isaa keessatti itti fayyadameera.

Akkasumas,Qorannoon Akkamtaa qorannoo dhimmoota qorannicha keessatti dhiyaatan

mara jechaan kan ibsudha.Akkasumas,odeeffannoo mala qorannoo kanaan funaanamu

waan marii’atan waan argan, waan dhaga’an,waan gaafatanii fi kaneen biroo irraa kan

ta’eefi amalli qorannoo koos odeeffannoon guramu caalmaan isaa af-gaaffii,marii garee

fi sakatta’a dokumantii waan ta’eef mala kanaan qaccessuun mijataa waan ta’eef mala

qorannoo kana filadheen jira.


1.8 Mala Iddatteessuu
Malli iddatteessuu qorannoo kanaa gosoota iddatteessuu carraa keessa mala iddatteessuu

kaayyeffatamaadha.Addunyaan(2011;67) irratti yoo ibsu mala iddatteessuu miti-carraa

gosoota saditti qoodee ibsa.Isaan kunniiniis,iddatteessuu kaayyeffatamaa,iddatteessuu

ammargee fi iddatteessuu darbaa dabarsaa jechuun qoodeera.Qorataan qorannoo kanaas

gosoota iddatteesssuu kana keessaa iddatteessuu kaayyeffatamaatti fayyadamee jira.Mala

kana Addunyaan(2011;67) yoo ibsu “Akkakuun iddatteessuu kun qorataan tokko

beekumsa dhimmicha irratti qabu irraa ka’ee kanneen odeeffannoo irraa argachuu

danda’u murteessuun ilaallata.Kaayyeffatamaa kan jedhameefis akka kaayyoo

qorannichaatti yookiin qoratichaatti odeeffataa yookiin deebistoota filachuu waan

ta’eefidha”jedha.
Akka yaada kanaatti qorataan kun kaayyoo qorannichaa irratti hunda’ee namoota

odeeffannoo isaaf kennuu danda’an murteessuu ilaallata. Qorataan kuniis mala kanatti

gargaaramuudhan namoota waa’ee sirna buttaa qalaa gadifageenyaan beekan

filachuudhan qorannoo gaggeessee jira.


1.9 Meeshaalee Funaansa Ragaa
Meeshaaleen funaansa ragaa qorannoo kanaa af-gaaffii,sakatta’a dookumantii fi marii

garee xiyyeeffannooti.
1.9.1 Af-gaaffii
Af-gaaffiin meeshaalee funaansa ragaa qorannoo kanaa keessaa isa tokkodha.
Qorataanis gosoota af-gaaffii jiran keessaa af-gaaffii banaati fayyadamee jira.
Af- gaaffiin kan qorataa fi odeef-keennaan fuulleetti wal arganii odeeffannoo walii

kenna nidha.Odeeffannoo af-gaaffidhaan funaanamu wanti gaarii taasisu qorataan gaaffii

isaa sirritti ifa godhee akka ibsuuf odeef-kennaan gaafachuu danda’uu

isaati(Dastaa2013;111).
Sababni qorataan af-gaaffii itti fayyadameef hawaasni hin barannee fi barate gaaffii

afaaniitiin odeeffannoo ga’aa ta’e kennuu waan danda’anii fi namoonni barreessuu fi

dubbissuu hin dandeenye afaaniin odeeffannoo gahaa ta’e kennu waan ta’eefidha.
1.9.2 Marii Garee xiyyeeffannoo
Mariin garee meeshaalee funaansa ragaa qorannoo kanaa isa birooti.
Mariin garee kun odeeffannoo qorannoo kanaa funaanachuu keessatti namoota yookiin

odeef-kennitoota sana bakka tokkotti walitti fiduun yaadni odeef-kennitoota irraa

funaaname garaa garummaa yaadaa kan agarsiisu yoo ta’e gara yaada dhugaa fi aadaa

hawaasichaa isa sirrii ta’etti fiduuf kan waliin mari’atanii seera dur ture kan sirrii irratti

waliigalanitti fiduudha.Mariin garee kana ilaalchise Dornyei (2007;144) yommuu ibsu

“The focus group format is based on the collective experience of group brain

storming,that is participant thinking together,inspiring and challenging each other ,and

reacting to the emerging issues and points.As well as the size of focus group ranges 6-10

people,whereas too large a size makes it difficult for every one to participate.”jedha.
Akka ibsa hayyuu kanaati mariin garee kan inni irratti xiyyeeffatu muuxannoo namoota

gareedhaan jiraatanii fi hirmaannaa yaadaa waliiniiti. Akkasumaas,kan namoonni kan

kaka’uumsa walii godhanii marii’ataniidha.Kanamalees,baay’inni namoota marii garee

keessatti hirmachuu qabanii namoota 6-10(6-12) ta’uu qaba jedha.Sababni isaas

baay’inni namoota yoo baay’ate carraan namoota hunda hirmaachisuu ni ulfaata jechuun

ibsee jira.Sababii qorataan marii garee filateef marii garee sana keessatti yaada gahaa

argachuu fi yaada bilchaataa ta’e argachuu fi yaada dhugaa marii garee sana keessaa
arachuufidha.

1.9.3 Sakatta’a dokumantii


Sakatta’i dokumantii meeshaalee funaansa ragaa qorannoo kanaa keessaa

tokkoodha.Qorataaniis meeshaa funaansa ragaa kanatti fayyadamuun kitaaboolee,barruulee fi

waraqaalee qorannoo adda addaa kanneen waa’ee sirna buttaa qalaa maalummaa sirna buttaa

qalaa,rawwiilee sirna buttaa qalaa kan qaban sakatta’uu fi kitaabolee,barruulee fi waraqaalee

dubbisuudhaan dhugummaa(qulqullummaa) qorannoo isaa dhugoomsuuf dhimma itti bahee

jira.Akkasumaas,dokumantii sakatta’uun kan qorataa barbaachiseef qorataan waa’ee mata

duree qorannoo isaa irratti beekkumsaa fi cimina guddaa horachuun qorannoo isaa haala

gahaa ta’een akkaan raawwachuf na gargaaree jira.

1.10 Maddoota ragaa


Qorannoon kun maddoota ragaa lama irratti bu’uureffata.Isaaniis madda ragaa
lakkoofsaa fi madda ragaa lammaffaati.maddi radaa tokkooffaan kan qorataan
kallattiin hawaasa bakki qorannichaa itti danga’ee keessaa odeeffannoo funaannatu
yoo ta’u maddi ragaa lammaffaa immoo kan qorataan dhimma mata duree qorannoo
isaa waliin wal qabatan barbaaduun dubbisuun kan yaada isaa gabbifatudha.

BOQONNAA LAMAA
2 SAKATTAA BARRUULEE
2.1 Maalummaa Sirna Gadaa
Amantiin,aadaan, eenyummaan,sirni ittiin bulmaata hawaasaa fi siyaasni hawaasichaa bal’ina
sirna Gadaa kana keessatti hammatamanii jiru.Akkasumaas,sirni Gadaa sirna dimookiraasii
addunyaa kanaaf bu’uura guddaa ta’ee jira.yaada kana Alamayyoon(1999;85)irratti yommuu
ibsu,”Haala siyaasa addunyaa qarooma amma kanarra teenyee tumaatalee dimookiraasii fi
bulchiinsa gaarii hedduu dubbachuu yookiin tarreessuu ni dandeenya.Garuu seera sirna
bulchiinsa Gadaa fi jaarmiyaalee isaa keessatti guddatan waggoota dheeraa yaadaan dubbatti
deebinee osoo xiinxallee sabni oromoo bulchiinsa gaarii yeroo ammaa dimookiraasii jedhamu
kan inni gargaaramaa ture ta’uun isaa hubachuu ni dandeenya”jedha.Yaada kannarraa kan
nutti hubannu sirna dimookiraasii jedhamee yeroo ammaa kana addunyaa maraatti kan
labsamu seerota sirna Gadaa keessa jiran kan ummanni oromoo ittiin gargaaramaa ture waliin
kan walitti dhiyeenyu ta’uu nu hubachiisa.
Itti dabaluun Warqinaan yommuu “Sirni dimookiraasii dhugaa addunyaa kanaa kan taasise
keessa,filanoon ummataa kan haqaa fi bilisaa irratti hunda’ee waggaa afur afuriin kan
adeemsifamuu fi jijjiirraan aangoo waggaa saddet saddeetiin daangeeffamee utuu wal irra hin
citne kan raawwatamu ta’uu isaati.Sirna Gadaa keessatti dubbartiin (Ateeteen),hundeessituu
sirna gadaa fi amantii waaqeeffannaa,bu’uura maatii fi biyyaa waan taateef , waaqatti aantee
kabaja guddaa qabdi.Aangooniis kan ummataa waan ta’eef, namni kamiyyuu waltajjii kam
irrattiyyuu bilisaan dubbachuu mirga guutuu sirna gadaa keessatti qaba”jedha(Warqinaa
2008;22)
2.2 Sadarkaalee Gadaa

Jireenyi hawaasummaa ummata oromoo yore itti hundeffamee eegalee, umuriidhaan kan
daangeffame kan siyaasa, dinagdee, hawaasummaa fi amantiin ummatichaa ittin gaggeeffamu
dhaaba aadaa sirna gadaa qaba.Caasaa fi haala hojii sirna gadaatiif shoora murteessaa kan
qabu sadarkaa gadaati.Sadarkaan gadaa sirnicha bifa nanaanna’uutiin sosocho’ee akka hojjetu
taasisa.Sadaarkaalee gadaa kana Warqinaan (2008) haala armaan gaditiin kaa’ee jira.
1 Sadarkaa Gadaa Itti-makoo(1-8)
Daa’imni tokko guyyaa dhalootaatii eegalee bara gadaa tokko yookiin paartii aangoo irra jiru
keessatti miseensa ta’a.Haaluma kanaan umuriin isaanii waggaa saddeet guutee fi isaa gadii
kan ,saalaan dhiiraa fi dhalaa kan ta’an daa’imman jedhamu.Akka amantii oromootti
umuriidhaan waggaa saddeetii gadi kan ta’e daa’imni tokko,kan ilkaan hin buqqiffannee fi
umuriidhaan namni waggaa saddeettamaa ol ta’e nama waaqatti dhiyaatan jedhamanii
kabajamu.”Kunuunsi daa’immanii fi jaarsoliif”yaadni bara ammaa jedhamu kun, yaada isa
ummanni oromoo waggoottan kumaatamaan dura kan beekaan ,kan kabajan fi kan hojii irra
oolchaa turan ta’uu isaati.Abbootii fi haadholiin galgala hojii deebii booda manatti erga
sassaabamanii ,halkaan keessa hanga sa’aa hirbaataattii fi sanaa boodas hanga raafititti,
umuriidhaan daa’immaan fooyya’aniif haala naannoo isaanii, waa’ee abbaa, akaakayyuu,
akaakilee tartiibaan ni barsiisu.Bara ammaa qaroome keessatti immoo,baruumsa duraanitti
dabalataan beekumasa baraa akka barataniif oolmaa daa’immanii fi mana barumsaa sadarkaa
tokkoffaatti akka galanii baratan taasifamu.Kanaaf, daa’imni tokko akkuma dhalateen yeroo
sanatti paartii gadaa aangoo irra jirutti makamee miseensa ta’a. Paartii gadaa aangoo irra
jirutti waggaa isaa saddeettaffaatti bara aangoo isaa fixee paartii gadaa isa itti aanutti darba.
2 Sadarkaa Gadaa Dabballee(9-16)
Sadarkaa gadaa kana keessatti kan argaman daa’immanidha. Daa’imman dhiiraa fi dhalaa
ta’anii umriidhaan sadarkaa gadaa kana keessatti argaman hidda latinsa irraa dhufan gosa
isaanii yoo himatan ilma yookiin intala abaluu jechuudhaan hanga
akaakayyuu,abaabayyuu,akaakilee hanga latinsa gosaatti, achii irraas hanga hidda sanyii
sabummattin wal qabsiisuu danda’anitti warra ofii irraa baratu.Sadarkaa kana keessatti
daa’imman durbaa hojii jirbii fo’uu,hodhaa fi jiruu mana keessaa haadholii irraa yoo baratan,
daa’imman dhiiraa immoo hojii qonnaa,hojii tikaa, horsiisaa fi itti fayyadama, akkasumas
karaa jireenyaa garagaraa abbaa irraa baratu.
3 Sadarkaa Gadaa Foollee(17-24)
Sadarkaa gadaa kana keessatti kan argaman dargaggootadha. Dargaggoonni kunniinis ;gugsii
fardaa, hojii qonnaa, akkaataa ittiin horata qabatanii fi haalaa ittiin naannoo wajjiin waliin
jiraachuu baratu. Murasni isaanis, tooftaa waraana shaakalu. Akkasumas, dargaggoonni
sadarkaa kana keessatti argaman waa’ee guutummaa saba oromoo
aadaa,tokkummaa,bilisumma, mirgootaa fi dantaa akkasumas, qabeenya uumamaa sabichaaf
eegumsa cimaa fi ol’aana ta’eef eenyuun caala quqquuqamaa fi falmattootadha. Aadaa tapha
oromoo fiigicha keessatti hirmaachuudhaan biyya keessattis ta’e addunyaa irratti
dargaggoonni uummata biyya isaanii waamsisaan kan itti keessaa bahaa sadarkaa gadaa kana
keessa yeroo jiraniidha.
4 Sadarkaa Gadaa Kuusaa (25-32)
Dargaggoonni sadarkaa Gadaa kana keessatti argamaan gugsii fardaa garagaraa,akkaataa ittiin
eeboo darbachuu fi jalaa miliqu,akka itti qabaannaa gaachanaa,ispoortii cimina
qaamaa,fiigicha,bishaan daakuu,beelaafi dheebu danda’uu baratu.Hojiin sadarkaa kuusaatti
hojjetaman inni gudaan saba oromoo fi oromiyaa diina irraa eeguudha.tokkummaa,mirgootaa
fi dantaa,akkasumas qabeenya umamaa oromiyaa irratti balaan aggamamu qolachuuf diina isa
kam irratti iyyuu,ajaja Abbaa Gadaatiin,Abbaa duulaatiin hogganamuudhaan diina irratti
duula gadaa bananiitu diina isaanii barbadeessu.
5 Sadarkaa Gadaa Raabaa Doorii(33-40)
Miseensi sadarkaa gadaa kana keessa jiran aadaa,tokkummaa fi bilisumma sabichaa gara
fuulduraatti gaafatamummaa fudhatanii erga raawwatanii booda sabichaa fi biyya isaanii
bulchuuf yeroo of qopheessan,seera,bulchiinsa,seenaa fi beekumsa aadaa argachuu akka
danda’an godhama.Kanaaf,karaa paartii Gadaa isaanitiin akkaataa itti gaafatamanii fi biyya
bulchan shaakala godhaa of qopheessu.Akkasumas,jaarsolii irraa gorsa fudhachuudhan seera
gara fulduraatti ittiin biyya bulchan qopheessu.Kana malees,miseensootni Raabaa Doorii
sadarkaa federeeshinii Gadaa shananitu ummataan filatamanii aangoo qabatanii ummata
naannoo isaanii bulchuu ni danda’u.Bakka tokko tokkotti abbootii gadaa bakka bu’anii
bakkeewwan itti gaafatama qabanitti ramadamanii ni hojjetu.Kana malees,haala addunyaa
jijjiiruu kan danda’an namoonni beekkamoon kan isaan bahan umurii kana keessati.
2.3 Maalummaa Sirna Buttaa Qalaa
Buttaa qaluu jechuun sirna gadaa keessatti namni sadarkaa gadaa shanan keessa darbee yeroo
gara ja’affaatti darbu kan qaludha.Kunis namni tokko waggaa saddeet erga aangoorraa ture
booda buttaa qaluun aangoo dabarsuun miseensa gadaa itti aanuuf aangoo kennuun gadaa
keessaa ba’a.Asmaroom seera buttaa qaluu kana hojii isaa keessatti akkas jechuun ibsa “butta
was occasion of which the gada class was expected to go out into enemy territory to back the
spoil of war”(Asmaroom 2006;74).Akka ibsa hayyuu kanaati,Buttaan adeemsa sadarkaa
gadaa keessatti aangoo,siyaasa itti waliif darbu yookiin hojii bulchiinsa siyaasa ittin walitti
dabarsan ta’uu isaati.Waa’ee buttaa kana Alamayyoon(1999) yoo ibsu,buttaa qaluun sirna
gadaa keessatti namni sadarkaa ja’affaa irra ga’e kan qaluu buttaa akka jedhamu ibsa.Yaada
kanarraakan hubannu gadaan maqaa ulfinaa namoonnii sadarkaa lubaa irra ga’anii ittiin
waamamanidha.Waa’ee gadaa oromoo kan ilaalchisee Dirribaan john hopk (2009)
wabeeffachuun yoo ibsu ,sirni bulmaata gadaa siyaasa,raajii buttaa baasa ummata
gurraachaati.Addunyaa kana irra waan raajii akkasii kan umme ummanni biraa hin jiru
jedha.kanaaf,gadaan ummata oromoo qofa osoo hin taane saba gurraacha marayyuu ni boonsa
jedha.
Akka Warqinaan (2008)jedhutti buttaa baasuun gumaacha dimookiraasiin oromoo tokko
aangoo dhalootaan hirmaatamudha.Kunis sirnoota baay’ee gaanfa Afrikaa keessatti bal’inaan
kan hubatamudha.Qorattoonni seenaa,siyaasaa fi aadaa addunyaa akka raga ba’anitti sirni
dimookiraasii jedhamee labsamaa jiru baay’een isaanii seerota gadaatiin wal fakkaatu.Amalli
dimookiraasummaa gadaa karaa buttaa baasuun mul’ata jedha.
Ayyaanni buttaa ayyaaana waggaa saddeetitti altokko dhuunfaniis ta’ee gamtaan baatii
Guraandhalaa keessa kabajamuudha.Ayyaanni buttaa akka biyyaatti waggaa saddeetitti haa
kabajamuyyuu malee,akka dhuunfaatti namni tokko bara jireenyasaa keessatti butaa kan
kabajatusi’a lama qofaadha.Tokkoffaa bara aangoo gadaa fuudhee biyya bulchuu
eegaludha.Inni lammaffaan bara bulchiinsa isaa nagaan raawwatee keessaa bahuudha.Buttaan
iddoo tokko tokkotti sirna aangoo wal harkaa fuudhaa abbootii gadaa akka ta’eettiis ni
fudhatama.Akka amantii waaqeffannaatti namni tokko akka garee gadaasaatti ta’ee akka achii
dhufa buttaa abbaasaatti ayyaana buttaa kabajachuu ni danda’a.Akka garee gadaatti kan
kabajamu kan garee hundaati.Gadaan tokko aangoo fudhachuuf dursee ayyaana buttaa
kabajachuu qaba.Miseensotni gadaa sanaas iddoo tokkotti ayyaanicha qopheeffatu.Namni
tokkos ta’ee sirni gadaa tokko ayyaana buttaa kan ayyaaneffatu waggaa afurtama ayyaanni
gadaa duraa buttaa qaleetti.Kana jechuun gadaan shanan;Malbaa,Muudanaa,Kiilolee,Biifolee
fi Michilee waggaa saddeet saddetiin aangoo wal harkaa fuudhan waan ta’eef miseensi gadaa
tokko ayyaana buttaa gadaasaa kan kabajatu waggaa afurtama gadaan duraa buttaa qaleetti
ta’a jedha Maatii(2000;250-51).
Walumaagatti,Aadaa sabni oromoo qabu keessaa sirni gadaa gama hawaasaniis ta’ee gama
seeraatiin iddoo ol aanaa qaba.Seerota sirna gadaa keessaa sirni buttaa qaluu isa tokko
ta’uunsaa beekamaadha. Kunis waggaa saddeetiin aangoo kan wal harkaa
fuudhanidha.Aangoon kun karaa bulchiinsa caffee gadaa gaggeeffama.Sirni kunis sanyiidhaan
kan darbu akka hin taanee fi aangoon harka maatii tokko qofaatti akka hin hafneef buttaa
qaluun aangoo waliif dabarsu jechuudha.

2.4 Kaayyoo Buttaa Qaluu


Sirna gadaa keessatti buttaa qaluun kaayyoo mataa isaa qaba.Yaada kana Warqinaan (2008)
yoo ibsu “akka amantii waaqeffannaattis buttaan ayyaana waggaa sadeetiin al tokko
kabajamee abbootiin gadaa kan ittiin aangoo fudhataniifi kan aangoo dabarsanii ittiin
oofkalanidha.Ayyaanni kun warri aangoo fuudhan eebbaan gara bulchiinsa gadaa tokko kan
fuldura jirutti ceesisa.Akkasumas,buttaa qaluun ayyaana itti lixa miseensa gadaa haaraa fi
keessaa ba’a miseensa gadaa duraati jedha.
Karaa biro ejjennoo guddaan sirna buttaa qalamu sirna bulchiinsa gadaa hawaasa oromoo
mirkaneessuu fi sirna bulchiinsa itti fufiinsa qabuu fi fuulduratti tarkaanfachisuudha.Buttaa
qaluun seera hawaasa kana keessatti adeemsa ittiin aangoon bulchiinsa gadaa itti waliif darbu
waan ta;eef dhaloonni sirna kana buufachuu danda’u aangoo fudhatus fudhachuu baatuus
sirna bulchiinsa kana mirkaneessuuf jila kana buufachuu yookiin kabajachuu qaba
jedhaAlamayyoo(1999;174).
2.5 Haala Kabaja Sirna Buttaa Qalaa
Sirni gadaa seera bulchiinsa ummata oromoo maraaf handhuura kan ta’eedha.Namni sirna
buttaa qalaa kabajatu tokko haala sirna buttaa sana ittiin kabajamu qaba.Akka seera sirna
gadaatti namni tokko sirna buttaa kan kabajatu waggaa afurtaman abbaansaa buttaa qaletti
ta’a Maatii (2006;252).Kana jechuun namni buttaa kan inni qalu waggaa afurtaman abbaansaa
qaletti eeguu qaba jechuudha.Yaaduma kanaan kan walfakkaatu Alamayyoon(1999;173) akka
ibsutti “Filannoon miseensaan yoo ta’eeyyuu abbaa fi ilmi waggaa afurtamatti aangoo waliif
gadhiisu.Kana jechuun ilmi umurii afurtama abbaan yookiin umurii saddeetama akaakayyuun
isaa buttaa qaletti qaluu qaba jechuudha.Haa ta’uu malee,umuriin ilmi keessa jiru murteessaa
miti.Garuu kana jechuun aangoo fudhachuun yookiin biyya bulchuuf filatamuuf carraa
dhabuu danda’a.Kunis hawaasa keessatti sirna buttaa kabajataniif qofa miti.Kan biyya
bulchan inni ilaagaa ittiin filataman qaba.kana jechuunis daa’imni dhalatte sun guyyaa
afurtaman darbaaniif buttaa buufateetti jedhama jechuudha.

2.6 Seera Laganaa Sirna Buttaa Qalaa


Yeroo jilli sirna buttaa qalaa taasifamu dhangaan nyaataaf qophaa’u ni jira.
Akkasumalee,nyaanni yookiin dhangaan nyaataaf osoo hin taanee seera guuttachuuf qophaa’e
kun garuu nama hundaan hin nyaatamu.Haatii fi abbaan nama buttaa baafatu gonkumaa hin
nyaatan. Sababni isaa akka jechama hawaasatti yoo nyaata daa’iman isaaniif qophaa’e kana
yoo nyaatan gurra isaaniitu duuda jedhama.Akkasamus,ni raata’u jedhama.

2.7 Ilaalcha Sirni Buttaa Qalaa Gama Seeraa fi Hawaasaan Qabu


Aadaan sabni oromoo qabu keesaa sirni gadaa gama seeraan iddoo olaanaa kan qabuudha.
Seerota sirna gadaa keessaa sirni buttaa qalaa isa tokko ta’uun isaa beekamaadha.Sirni buttaa
qaluu kuniis hawaasa keessatti gama nageenya hawaasa eeguun,walqixxummaa sirna
bulchiinsa keessa jiru kabachiisuu,jaarmiyaalee dimookiraasii ammayyaa keessa jiran
hawaasa keessatti mirkaneessuu,rakkoo ummata keessa jiru furuuf fi kan kana fakkaataniif
faayidaa guddaa kennaa waan jiruuf gama hawaasaan iddoo olaanaa qabu.Gama biraatiin
sirna buttaa qaluu xiinsammuu ilmaan namaa ulfeessuu fi kabajuun kan hojjetuudha.Namni
tokko dhalootumaan waan gonfachuu qabuu fi hawaasa keessatti mirgaa fi dirqama
miseensonni qaban waan ifatti beeksisuuf sirna jaalatamaadha.Kun immoo ummata oromoo
qofaa keessatti tajaajila kennaa jiru osoo hin ta’iin aadaa fi seenaa saboota biroofillee bu’uura
buuseera.Kana malees,walitti dhufeenya saboota biroo wajjiin hawaasni keenya qabu
qorachuuf hedduu gargaara.Dhimma kanaan walqabatee kan jiru,Asmaroom Laggasaa yaada
isaa yommuu ibsu “Oromoo democracy is one of those remarkable creating of the human
mind that involved into a full fledged system of government,it contains genvinely ,African
solution for same of the problems that democracies every where have hadface”jedhuun lafa
ka’aa Asmaroom(2000;94).

2.8 Yeroo Sirni Buttaa Qaluu Kabajamu


Sirna kana bulfachuun yeroo mataa isaa danda’e qaba.Sirna gadaa keessatti marsaan gadaa
(gada cycle) tokko kan beekamu waggaa saddeet saddeetiini.Kanuuman wal qabatee sirni
buttaa qalaa waktiilee waggaa jiran keessaa ji’a irratti kabajamu qaba.Waktiin kunis ebla
hanga waxabajjii gidduu ta’a.hojiiwwan sirna buttaa qalaa keessa jiran hojjatee tokko yeroo
ba’uuf jedhu Ginna ciisuu kan jedhamu deemu.Waktiin ginni ciisamu immoo ji’a
guraandhalaa keessa ta’a.Kanaafuu,sirna buttaa qalaa taasisuun waktii mataa isaa hordofee
kan raawwatamu ta’uu isaati maatii(2000;250).

2.9 Miidhaa Buttaa Qaluu Dhiisuu


Buttaa qaluun sirna gadaa keessatti saba oromootiif kabajaa fi ulfina guddaa akka ta’e ragaan
barreeffamaa fi afoola ummataan jiru ni ibsa.Sirni gadaa waan ummata oromoo qofa osoo hin
ta’iin kan ummata gurraacha mara boonsu kennaa gudda uummanni oromoo addunyaa kanaaf
kenneefi sirna gadaa jarmiyaa umrii fi dhalootaan ijaaramee dimookirasii uummata
oromootiin uumameedha.
Kanaafuu, akka Dirribaan (2009) yoo ibsu sirna gadaa kana dhiisuun uummata oromoof
kabajaa fi eenyummaa isaa dhiisuudha.Akkasumas sirna gadaa keessatti sirni buttaa qaluu
sirna ittiin aangoo walharkaa fuudhan waan ta’eef yoo sirni kun hin jirre aangoon sirna gadaa
jaarsoliidhaan akka gaggeeffamuu fi bulchinsa manguddootaa ta’a jedha.Yaada armaan olii
irraa kan hubannuu buttaa qaluu dhiisuun aangoon harka jaarsooliitti akka hafuufi miseensi
haaraan gara gaggeessummatti akka hin dhufne godha.
Akka waajjirri aadaa fi tuurizimii aanaa Gindabarat (2001) ibsuutti, buttaa qaluun jiruu fi
jireenya saba oromoo keessatti faayidaa guddaa akka qabu ibsuun sirna gaarii kana dhiisuun
hawaasaa fi nama dhuunfaa rakkoo adda addaaf saaxila. Kunis namni tokko yoo buttaa qaluu
dhiise yookiin morme saawwan isaa jabboota qaama hir’uu dhalu, ijjoolleen isaaniis qaama
hir’uu, jaamaa ta’anii dhalatu jedhamee amanama.Kanaafuu buttaa qaluun qabeenyaa fi ta’ee
jireenya nama dhuunfaa fi hawaasaatiif barbaachisaa akka ta’e ibsuun sirna kana dhiisuun
rakkoo adda addaaf akka nama saaxiluu ibsee jira.Akka seera hidda dhalootaatti ilmi dhalatee
yoo yakka addaa dalagee yaa’ii goorootiin osoo hin ifatamiin miseensa gadaa ta’ee buttaa
kabajuuf mirga guutuu qaba.Namni fedhii isaatiin buttaa baasuu yoo dhiise adabbiin isa irra
ga’u ni jiraata. Kunis namni sirna kana hin kabajne gadaa baddee yookiin dabbasaa jedhamee
beekama.Dabalees yaa’ii ummataa irratti hin hirmaatu.Mirga namni guddan tokko qabu hin
qabu, akka nama rakkina qabuutti ummata irraa adda ba’a jechuudha.

Anda mungkin juga menyukai